Oduu Haaraya
dargaggoo

ODUU Dargaggoonni Oromoo gara leenjii Waraanaatti geeffamaa jiran miliqan.

OMN:Oduu Adol.08,2016 Mootummaan Itophiyaa carraa hojii biyya alaa isiniif argamsiisa sababa jedhuun gowwomsee dargaggoota Oromoo leenjii waraanaa seensisaa akka jiru himame.

Godinaalee harargee lamaan irraa haala kanaan gowwomfamanii odoo gara leenjii mooraa waraanaatti geeffamaa jiranii dargaggoonni Oromoo afur magaalaa Sulultaa wayita gahan jalaa miliqu isaanii OMNtti himan.

Dabballoota OPDO dhaan gowwomfamee godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu irraa kan dhufee fi wayita ammaa Magaalaa Sulultaatti harkaa miliqee yaada isaa kan nuuf qoode dargaggoon tokko hanga dhufanii Magaalaa walancitiin gahaniitti akka mooraa Waraanaa leenjii loltummaaf isaan geessan itti hinhimne ture.

Aanaalee irraa godina irratti waliitti qabanii Konkolaataa sadeetiin guyyaa dheengaddaa fea’anii gara godina Shawaa bahaa magaalaa waliincitiin gahanii booda akka dirree leenjii waraanaa deeman itti himan.Sana booda ijoolleen hedduu baduuf yaalanis akka konkolaataa irraa hin buune eegumsa cimaa keessa turan.Baay’inni siaanis gara 600 ta’u,

Jalqabuma irratti akkaataa bulchitoonni araddaalee fi aanaalee itti isaan gowwomsan akkanatti ibsa.

Dubbichi faallaa ta’uu isaa erga hubatanii booda carraa argatanitti fayyadamnee jalaa miliquu daneenyeerra.

Godinaalee Harargee bahaa fi Lixaa irraa dargaggoota 600 ta’an waliitti qaban.Isaan hundmutuu akka dargaggoo kanaatti gowwomfamanii kan dhufan malee loltuu isaanii ta’uudhaaf wayita amma kan fedhii qabu gonkumaa hinjiru.

Dargaggoonni Oromoo isa waliin turan marti erga dhugaa isaa hubatan booda aaraa turan.Oromiyaa keessaas hin baanu jechuun mormaa turan.Akkuma nama mana hidhaa deemuutti ittiin deemaa turan.

Ammas taanaan gara mooraa leenjii waraanaa Bir-shalaqoo erga gahanii booda akka jalaa badanii bahan shakkii hinqabu kan nuun jedhe dargaggoon kun haata’uutii garuu kana booda dargaggoonni Oromoo kanneen hafan akka isaanii akka hingowwomfamne dhaammateera.

Mootummaan kun ilmaan Oromoo akkanatti gowwomsee guuree leenjii batii sadii qofa keenneefii lola biyyoota olla Eritrea fi Somaliyaa isaan hin ilaallannetti naqee ficcisisaa jira.

Keessattu ilmaan Oromoo somaaliyaa fi bakkeewwan birootti geessee ficcisisaa jiruun galii sharafa biyyoota alaa irraa argatuun tujaaromanii umurii bittaa isaanii dheerrefachuuf lubbuu ilmaan oromoo nagadataa jiran.Dargaggoonni oromoo haala kana hubatanii akka irraa ofqusatan Xiinxaltoonni siyaasaa dhaamaa jiran.

Dammaqaa Nagaasaatiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …