Oduu Haaraya

Oduu durii kana beektuu?

 

Abdii Boruutiin

 

Dhiyoo kana mata duree “Oduu Durii Oromoo” jedhuun barreeffama Obboo Beekan Gulummaa Irranaatiin qophaaye tokko dubbiseen ture. Achirraa ka’een anis mee waanan dur beeku ykn dhagaye tokko tokko dubbistootaaf dhiyeessa jedhee barruu gabaabaa kana qopheesse. Duraan dursee, oduu durii kanaan nu booharsuu isaatiif Obboo Beekan galateeffachuun barbaada. Kana qofaa otuu hin taane, wanti biraa kan Obboo Beekan Gulummaa Irranaa galata guddaa ittiin argachuu qabu, kitaabota adda addaa barreessuudhaan; guddina hogbarruu Afaan keenyaa keessatti gahee guddaa taphachuu fi qooda guddaa gumaachuu isaa ti. Kanaafis, anis akka ilma Oromoo tokkootti, carraa kanaan Obboo Beekan baay’ee galatoomi, jabaadhuu akkanumatti ittifufi jechuun barbaada.

 

Oduuleen durii kan ani armaan gaditti dhiyeessu kun naannolee Oromiyaa keessatti akkaataa adda addaatiin dubbatmuu ykn beekamuu danda’u. Jechootni tokko tokkollee naannoo tokkoo kan biraatti garaagarummaa qabaachuu malu. Haa ta’u malee, ani akkan naannoo itti dhaladhee guddadhetti waanan beekuf, akkuman beeku fi dhagayettan dhiyeessa. Wanti sirraayu ykn hir’ina qabu yoo jiraate, dubbistootni isa kana sirreessuu ykn waan hanqate itti dabaluu danda’u.

 

1) Malaan duulan jette andaaqqoon (lukkuun)

 

Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti:

 

Leencaan – yeroo mooraa loonii bira geenyu, ati nu caalaa humna cimaa waan qabduuf, akka karra ykn balbala bantu jettiin.

Bofaan – yeroo leenci karra banu, ati ammoo suuta jedhiitii looyii mooraa seenii; yoo karri banamu loon garafiitii akka bahan godhi jettiin.

Rumichaan – atis bofa wajjin gara mooraa seeniitii yeroo karri banamu laboobbaa (wing) kee waliin rukutuudhaan akka loon dammaqanii mooraa keessaa bayan godhi jettiin

 

Yeroo karoorri kun hojiirra oolu andaaqqoo fi hantuunni ala dhaabbatanii hojii kana hordofaa turan jechuu dha.

 

Haala kanaan loon mooraa keessaa yaasanii fudhatanii ykn oofanii otuu deemaa jiranuu, andaaqqoon mala biraa yaaduu jalqabde. Amma bofa ofitti yaamtee akkana jettiin: Yaa boofa rakkoo tokko qabna; leenci guddaa fi humna cimaa qabu kun, waa hundaanuu nu caala; kana malees kan karra bane loon akka bayan godhe isa waan ta’eef, booda nu hin nyaachisu waan tokko godhuu qabna jettiin. Bofnis maal goonuree? jedhaan. Akki gootu, yoo leenci dadhabee ciisee mugu ykn rafu suuta jedhiitii jala seeniitii summii keetiin iddii ajjeesi jettiin. Boftis akkuma itti himametti hojii isaa raawwatee, leenca sodaatamu akkanatti ofirraa ajjeesan.

 

Ammas xiqqoo turtee andaaqittiin mala (shira) ishii ittifufuudhaan; rumicha ofitti yaamtee akkana jettiin: Waan tokkon sitti himaa dhagayi; akkuma beekamu bofni hamaa dha; summii isaatiin nu fixuu danda’a. Kunoo leencaa ajjeesee jira; amma nutti garagalee, ani leenca jabaa sanaa ajjeesee; isinis fixuu nan danda’a jechun isaa waan hin oolleef, otuu hin dhumin dursuu qabna jettiin. Rumichis maal godhuree? jedhee gaafata. Yeroo kana andaaqqoon akkana jettiin: Yeroo bofti ofmaree ciisu, suuta jedhiitii mataa isaa tumiitii ajjeesi jettiin. Rumichis hojii isaaf kenname raawwate. Bofnis haala kanaa du’e.

 

Haati malaa (shiraa) andaaqqoon, amma ammoo hantuuta ofitti yaamuudhaan; akkanatti gorsiti: Yaaboo hantuuta, akkuma beektu rumichi duruu diina keeti; amma siriidhaa bofa leenca ajjeese sanaayuu  waan ajjeeseef, nuti isaaf salphaa dha; dafnee mala barbaaduu qabna jettiin. Maal wayyaree? jedhee gaafata. Akki gootu, yoo qilleensi qorruu (diilallaayuu) jalqabu, natti qorree maaloo si jalan seena jedhii kadhadhuutii; yoo inni ofjala si seessisu, laboobbaa isaa irraa cicciriitii hojii ala taasisi jettiin.

 

Andaaqittiin karoora fi shira ishii hundumaa hojiirra erga oolchite booda hantuuta wajjin kophaatti hafu. Amma loon kana keessaa isa furdate filatanii qalachuuf qophaayu. Erga filatanii qalatan booda, andaaqqittiin shira ishii kan xumuraa hojiirra oolchuuf; hantuutaan akkana jetti: Yaa hantuuttoo, beektaa ati bar goota goota caaluu dha; rumicha bofa ajjeese sanuu malaan galaafattee jirta; amma akki gootu, foon jaji’iitii morma keetitti maradhuutii, dhakaa (dhagaa) guddaarra bayiitii gootummaa keetiin dhaadadhu jettiin. Hantuutnis tole jedhee; akkuma itti himametti qophaayee; dhagaarra bayee otuu dhaadachaa jiruu cululleen? bakkee dhuftee hin beekamne tasa foonuma sana wajjin hantuuticha fudhattee badde. Akkanatti andaaqqoon malaan (shiraan) hundumaa ofbiraa fixxee loon dhuunfattee hafte jedhama.

Kun malaan duuluu dha moo shiraan duuluudhaa? Dubbii abbaatu hiikkata.

 

2) Namtichi akkamitti jara kana laga gamatti ceesisa?

 

Oduun durii inni lammataa kun kan dur qofaallee waan ta’u natti hin fakkaatu. Karaa biraatiin ammoo inni kun oduu qofaa otuu hin taane, gaafii xinnoo sammuu hojjisiisu dhas. Mee deebii isaa argachuu yaalaa. Inni kunis akkaataa adda addaatiin beekamuu mala.

 

Namticha tokkotu qeerrensa, ra’ee fi raafuu (goommana) oofee otuu deemaa jiruu laga tokko bira gaya. Jarri sadeen kun (qeerransi, ra’ee fi raafuun) kophaa isaanii laga cewuu hin danda’an. Gargaarsa namtichaa barbaadu jechuu dha. Namtichi ammoo yeroo tokkoon waan tokko qofaa baatee laga sana ceesisuu danda’a. Waa lama baatee ceesisuu hin danda’u jechuu dha. Haa ta’u malee rakkoo tokko qaba. Yoo ra’ee fi qeerrensa walbiratti dhiisee, raafuu fuudhee laga ce’e, qeerrensi ra’ee nyaatee eguu danda’a. Yoo ra’ee fi raafuu walbiratti dhiisee; qeerrensa fuudhee ce’e ammoo, ra’een raafuu sana nyaattee eeguu dandeessi.  Egaa akkamitti jara sadeen kana tokko tokkoon laga gamatti ceesisuu danda’a? Deebiin gaafii kanaa dubbistootaaf banaa dha.

 

3) Baddanii badaa yaa warra badoo!

 

Oduu durii isa sadaffaa kana mata dureedhuma kanaan yeroo tokko bara 2011 dhiyeesseen ture. Warri isa sana hin argin ykn irra deebi’anii yaadachuu barbaadan, isa armaan gadii kana (the following link) tuquudhaan dubbisuu danda’u.

 

http://gadaa.com/oduu/10600/2011/08/18/baddanii-badaa-yaa-warra-badoo/

 

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Qeraansi raafu hin nyaatu dura re’e cesisu. Itti anse qerransa cesisu. Yommu deebi’u re’ee fudhatee debi’a akka hin nyaatamne. Re’e gamanatti dhisani raafu cesisu. Raafu eega cesisani booda re’ee cesisu yeroo lammafaaf. Akkanatti laga cesisu. kana akamitti qabsoo waliin hidhata osoo itti yaadne gaaridha.