Oduu Haaraya

Oduu Gaddaa Sadaasa 19/2014

Obbo Abdulaxiif Ahamed Sa`iid erga yaro dheeraa dhukkubaan dararaamaa ture sadaasaa 19/2014 ganamarraa sa`aati lamatti Hospitaala Joglaa Magaalaa hararitti Du`aan addunyaa kanarraa boqatee jira.

Sirni awwaalcha Isaas guyyuma kana waaree boda Aanaa Sibilu Araddaa Galmotti sirni awwaalcha isaa bifa miidhagaan raawwatee jira.
Obbo Abdulaxiif Ahamed sa`iid nama ganna 42ti.
kan dhalatee guddatees baha Oromiyaa Harargee dhihaa Aanaa Ciroo Araddaa Rukhelle ja`amutti dhalatee guddate.

Bulchiinsa Dargii keysaa biyyarra baqatudhaan Somaaliyaa Jibuutii Ertirea Yamen fii Sa`udii Arabiyaa keysatti baqattummaan jiraachaa ture.
Obbo Abdulaxiif ahamed sa`iid Abbaa ijollee Afuriti 4ti. Jolleen isaa baqattummaan Magaalaa Cairo keysatti jiraachaa jiru.

Dutii waan hin olleef Obbo Abdulaxiif Du`aan dhabuu kenyaaf heeduu gaddina.Sadaasa 19/2014 Du`aan Addunyaa kanarraa boqachuun isaa firaa fii Aalii isaa hunda gaddisisee jira.

Sirni gaddaa isaa Biyya Bakka dhalota isaa kan taate Rukhelle fii Riyaad ganda Manfuuhaa ja`amu Akkasumaasa Magaalaa Cairo ganda Ma`aadii ja`amu keysatti sirna miidhagaan gadgeyfamaa jira.
Nuus gama kenyaan Obbo Abdulaxiif ahamed Sa`iidif Araarama kadhachafii maatii fii firottan isaatif jajjabina hawwina.

Hegeree Oromiyaa sadaasa 19/2014

Check Also

qeesoota habashaa1

Why the Ethiopian Orthodox Church should rectify historical injustice

By ABBAA BIYYAA  Leaders of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church (EOTC) on Wednesday agreed to end a …