Oduu Haaraya

Tarsiimoo Siyaasaa (Kutaa Qaraa)

——————————————————————————————-
……………………………..……………………………………………………………………
Siyaasni beekomsa barbaada. Siyaasaa gaggeessuuf garuu beekomsi qofti gahaa miti.Tarsiimoo ykn art(qarummaa) gaafata. Siyaasni yo qarumma hin qabaanne wareegama guddaa fi gaaga’ama cimaa namootaa fi hawaasarraan gaha. Wanti an dargaggoota Oromoo gorsu tokko. Dargaggoonni Oromoo amma sabboonummaa ni qabdu, fedhii fi jaalala bilisummaa ni qabdu, mirga uummata keessaniif falmachuu fi murannoo qabdu. Kanaan isiniin boonna. Waan hafaatti jira. Innille beekumsa siyaasaa ti. Gorsa- pls seenaa qabsoo biyya garaagaraa dubbisaa. Isaan kana keessaa Kitaaba Qabsoo Chaayinaa kan Mao Zedong; Long way to freedom kan Mandella; Satiyagraha, the way of Truth kan Mao; X-Speaks fa dubbisaa. Qabsoo Afrikaa kibbaa, Qabsoo gurraacha Ameerikaa fi qabsoo biyyoota gara garaa irraa waa hedduu barattu waan ta’eef isaan dubbisaa. Wantoota armaan gadii kanneeniif xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna:

1. Yeoo kam eenyuun akka lollu (The when-and-who) beekuu
……………………………………………………………………………………………………
Yeroo tokkotti diina lamaa fi sadiin loluun gowwummaa dha. Kanaafuu yeroo tokko diina tokko qofa lolla. Asirratti dubbii Dr Mararaa takka keessa buusa:
WORAABESSI TOKKO AMMA NU NYAATAA JIRA. WORAABESSI BIRAA NU NYAACHUUF ILKAAN QARACHAA JIRA. KAANILLE OFUMARRATTI EEGGACHAA AMMA ISA NU NYAACHAA JIRU KANA OFIRRAA BUUFACHUU QABNA.

Dubbiin hayyuu akkasi. Xiyyeeffannaan keenya ammatti mootummaa abbaa irree qofarratti ta’uu qaba. Mootummaan kun kan hagana angoorra tureef qabsoo saboonni gugurdaan lamaan wolirratti godhanuun ta’uu beekuu qabna. Ammaan tana sabni biyya san keessa jiru marti mootummaa abbaa irree woyyaanee akka irraa bu’u barbaada. Worri duraan nu qorqaa bayelle irratti qabsaawaa jiru. Nu ammoo kan amma nu ajjeesaa jiruu fi nu saamaa jiru dhiifnee waa’ee siidaa fi waa’ee worra ammaan tana angoorra hin jirree haasofna. Worra angoorra jiruu fi kan dur angoorra ture ka amma garuu angoorra hin jirrelle lamaanuu bakka tokkotti loluu yaalla. Inni kun dogoggora tarsiimoo waan ta’eef haa sirreeffannu. Siidaa Minilik Oromoon yo biyya san keessatti angoo qabate galgala tokkoon diiguu danda’a. Maaltu nu dhoowwa? Garuu mootummaa ta’uudhaaf hojjachuu nu barbaachisa. Yeroon ammaa woyyaanee qofa irratti haa duullu. Worri maqaa tokkummaatiin daldalulle haa qabsaawan. Tumsa nuuf ta’u. Diinuma nu lollu lolan waan ta’eef isaan rifachiisuu hin qabnu. Yo nu amma isaanirratti duulle Oromoorra worrumma amma jiru nuuf woyya jedhanii worra kanarratti qabsaawuu dhiisu. Nu’uuf isaan kan wol lollu eerga kan amma jiru kun kufeen booda ta’uu qaba. Hanga kan amma jiru kun kufutti woraabessa ilkaan qaratu san hin tuqinaa.

2. Diina xiqqeessuu fi fira baayyisuu
……………………………………………………………………………………………………..
Hogganaa paartii Kommunistii Chayinaa Maa’oon akka jedhutti :
Qabsoo keessatti qaama 4 tu jira. Isaanis:
1. Nu Qabsaawota (we)
2. Deeggartoota keenya(our supporters)
3. bench sitters (worra taa’ee ilaalu kan gama lamaanuu hin eeggarre)
4. Diina (the enemy)
Nu kan gochuu qabnu deeggartoonni akka nutti makaman gochuu- bring the supporters into we; benchi sitters akka gara deeggartummaatti dhufanu hojjachuu- bring bench sitters into our supporters. Yo gara deeggarummaa keenyatti dhufuu dhabanille gara diinaatti akka hin makamne kan godhu ta’uu qaba tarsiimoon keenya.
———————————————————————————————
……………………………………………………………………………………………………..
Dubbiin kun nullee hin ilaallata. Keessattuu tarsiimoon keenya namoota/saboota qabsoo keenya hin deeggarre ykn hin mormines kan akka sabootaa fi sablammoota kibbaa kanneen kan hawwatu ta’uu qaba. Fkn. Sabni Kafaa akkum keenya sirnoota darbanii fi kan ammaa keessattille cunqurfameera. Osoo qabsoo keenya tumsee hin jibbu. Garuu yo nu waan keenya qofa haasofnu taate yo hegeree bilisummaa nu wojjiin akka qabaatu itti himamuu fi hammatamuu baate; yo gaafa balaan isaanirra gahu nu dhimma keenyaa moti jennee callisnu taate gara keenyatti makamuurra gara cunqursitoota kaleessaa (worra maqaa tokkummaatiin daldaluu) santi makama jechuu. Gedi’oonille akkasuma; Hadiyyaanille akkasuma. Konsoo fi Burjiilleen akkasuma. Saboonni kunneen saboota dhiigaanille Oromoon wolmakanii jiranu dha. Saboota Kuushi dha. Garuu yo nu tarsiimoo isaan ittiin hammannu hin qabaanne taate gara humnoota kaanii nurraa deemu.
———————————————————————————————-
“Oromoo fi Oromummaa ni jaalanna; garuu saboota biraalle ni hmmanna!”
———————————————————————————————
Qabsoo keessatti yeroo maraa diina xiqqeessuu fi fira baayyisuun barbaachisaa dha. Sabboonummaan keenna kan beekumsaa fi bilchina qabu ta’uu irra jira. Kan nu irratti qabsoofnu namoota muraasa angoorra bahanii abbaa irree ta’aniin malee saba isaan keessaa bahaniin akka hin taane hubachuu fi hubachiisuu qabna. Duraanille namoota muraasa saba amaaraa keessaa bahanii qawwee hidhatan, loltuu fi angawoota Minilikii fi Hayilesillaasee ta’anittu badii raawwate malee saba amaaraa hundaa miti. Ammallee kan irratti qabsoofnu namoota Tigraay keessaa bahanii sirna biyyittii too’atan irratti malee saba Tigraayi irratti miti. Kun akkasitti hubatamuu qaba. Akka badiitti kan ilaalamu garuu miseensonni saba sanii badii angawoonni saba isaanii keessaa bahan dalagan san deeggarru. Saniif jennee nu isaanirratti duuluu hin qabnu. deeggartoota tuffanneetuma jara mataa irratti xiyyeeffatuu qabna. …Itti fufa……………….

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abiy vowed to pick up his military uniforms (i.e., his guns) if he loses.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *