Oduu Haaraya

”Bareedde bareedde jennaan mucayyoon ija bobaafte jedhan”

Oosiiyaas Yoonaa

Jidduu kana olola addaa tokkotu oofama; innis Professeroonnii fi Doktoroonni keenyi bu’aa wayiitu akka hin buufne taasisanii namoonni hafarsan ni mul’atu. Dhugaan jiru garuu sabni barate akka ifa aduu akka mul’atu ta’uu isaa beekuun barbaachisaadha. Oromoonni barnootaan sadarkaan isaanii olka’e gosa barnoota walfakkaatuu baratan jedhanii yaaduun mataa isaatiinuu wallaalummaadha. Jawaar kan inni siyaasaa irratti bobba’eef siyaasaa waan baratuuf. Warreen akka Jawaar barnootni isaanii siyaasa ilaallatu haa xiqqaatu haa guddatu bilchina siyaasaa har’a nu keessaa belbeltuuf daandii saaqaniiru.

Haa ta’u malee wallaalummaa namoota tokko tokkoo irraa kan ka’e namootni profeserummaa fi doktorummaa qaban dhimmaa siyaasaa irratti bu’aa wayiituu hin fidne jedhanii balaaleffachuun sirrii miti. Nama gosa saayinsii Keemistiriitiin doktorummaa qabu gadi bahii waa’ee sabaa dubbadhu jechuun asiidii fi beezii walitti dabaluun niwutraalii taasisuu jechuudha. Kanaaf, wanti namni kun godhuu dand’u yoo jiraate gama ogummaa isaatiin yoo bakka itti barbaadamu qabaatedha yookiin dinagdee qofaan utubuudha.

Dadhabinni hanga yoonaa muldhataa jiru warruma ogummaa siyaasaan beekumsa qabna jedhan irraa kan hafe beektota Oromoo hundaa walitti qabanii bu’aa hin buustan jechuun dogoggora guddaa ta’eetu natti mul’ta. Warreen ogummaa siyaasaa baratanii doktorummaa qaban kanneen akka Dr. Mararaa fi Dr. Nagaasoo irraa waa bartu jedheen yaada. Kanneen biyya ambaa jiraatan ammoo jireenya bu’aa ba’ii biyya ambaa keessa taa’anii yeroo isaanii ummata isaaniif gumaachaatii jiru (Prof. Assefa Jaalataa, Prof. Mohammad Hasan, Prof. Makuria Bulcha, fkkf) hedduun isaanii carraaqqii gurguddoo taasisanii jiran, ittis jiru.

Rakkoowwan ummata keenya walakkaatti mul’atan sana irra aanuun dadhabbii guddaa akka gaafatu beekuun barbaachisaadha. Beektotni keenya kun waggaa hedduudhaaf olola Habashootaa fi galtuu nama keenyaa fuuldura dhaabbachuun qabsoo kana asiin gessisaniiru. Akkasumas rakkoo guddoon biyya ambaa jirtu inni karaa biyya Keeniyaa bahe qabsaa’aa jedhamee akka ilaalamuu fi inni karaa Boolee ba’e ammoo akka qabsaa’aatti hin ilaalamu. Inni kunis rakkoo guddaa uumeera. Namoota gurguddoo hedduu irraa akkan dhagahetti kabajaan akka ilmaan namaatti waliif qabnu erga nurraa mulqamee akka tureeru natti himan. Karaa Boolees haa ba’uu karaa Baalee qabsoon ummata Oromoo kan galma ga’uu danda’u dantaa ummataa yoo dursan qofa. Qabeenyaa barbaadaaf jecha gara biyya ambaatti bahuudhaaf namni tokko kaampii Biyya Keeniyaa keessa yoo waggaa shan ciisee qabsoo Oromoo maqaa dhahatee gara biyya ambaa yaade sanaa kan deemu yoo taate, akka ilaalcha kootti kunis OPDO irraa wanti adda isa taasisu hin jiru. Kana ammoo akka nama tokkootti sagantaa Faana Baqataa kan amma OMN irratti dabarsaa jiran namoonni hordoftan yoo jiraattan waan hedduu madaaluu fi xiinxaluu dandeessu jedheen abdadha.

Jarreen fuula gargaraa fi fedhii gara garaa qaban kun guyyaa walgahii irratti dhimma Oromoof walitti dhufan rakkinoonni hedduun akka itti caalan taasisu. Kun ammoo ati waan Oromoo hin beektu ana malee jechuun walkomachuu irra nama geessisee beektota keenya mufachiiseera.

Kanaaf, dhimmi keenyi kallattiin kan xiyyeeffachuu qabu itti gaafatamtoota Jaarmayoota siyaasaa irratti ta’uu ibsuun barbaada. Itti gaafatamtootni kunneen hedduun isaanii akkuma Wayyaaneen aangoo gadlakkisuu diddu warri keenyaas aangoo itti fakkateetu maqaa qabsoo kanaan dhaaba irra ciisanii qabsoo kana sakaallaa adda addaaf akka saxilamu taasisaniiru daran akka sakaalamus shakkii guddaa na keessatti uumeera. Rakkoowwaan adda addaa saba keenya keessatti mumuldhatuuf furmaata hatattamaa qiyaafatanii qabsoon sun akka fuulduratti tarkaanfatu taasisuun dirqama sabaa fudhatan sana galma geessisuu qabun jedha.

Gabaabumatti, sabni hin baratiin dukkana keessa akka jiraatu biyya Somaaliyaa, Biyyoota Gidduu Galeessa Bahaa fi Biyyoota amantaan walqabsiisanii barnootni ammayyaa hin barbaachisu jedhan keessatti rakkinoota uumamaa jiran madaaluun waan ifa jirudha. Wallaalummaan obboleewwan hedduu akka walwaraansisaa jiru beekuun barbaachisaadha. Kanaaf yeroo darbe durbee biyya Paakistaan umuriin waggaa 17 kan maqaan isiidhaa ”Maalaalaa” jedhamtu daa’immaan gara mana barnootaatti erguun rakkoo isaaniif fala akka ta’u carraaqqii isheen godhaa jirturraa ka’uun badhaasaa ”Nobel Prize,2014” mo’achuun ishee kan yaadatamudha.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *