Oduu Haaraya

Oduu gaddaa; Sheekh Haamid Bookhe Aakhiraman

Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji’uun

Sheekh Haamid Bookhe Sheekha kabajamaa fi jaalatamaa Sheekkotan gurguddoo Carcar qabu keessa tokkoo gara fuula Rabbii godaanan. Rabbi mucuca isaani mara irra dabreefii jannatul Firdowsi haa kennuuf akkasuma Firaa fii Ahlii hunda Rabbi haa jajjabeessu!
Sheekh Haamid Bookhe yeroo dheeraadhaf diin barsiisaadhaa turan, isaanuma majlisa barsiisu itti uf barree hagana geenyee Rabbii kheyrii isaan carraaqaniif galata Jannataan haa deebisuuf!

“Shekh Hamid Bookhe
Aalima fii Hayyuu
Arjaafii garaa laafinaan
Khan faarfaman ,,,,,,,
Akkasumas
Nama Diin islaamaa
Harargee fii Oromiyaa guutuu irraa ittii yaa’aanii irraa baratan Baroota dheeraaf majlisa dhaabanii
Darasaa diin barsiiftu Oomishaa turan
ilmii hiddaan gad dhaaban
Rabbiin Jannataan haa Gammachiisu!”

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *