Oduu Haaraya

Murtee fi ijjannoo hooggana olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo

Hoogganni olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo eega jaarmiyaleen siyaasa Oromoo tokkummaa fi walitti baqiinsa injifannoon xumuratanii booda, teessuma idilee jalqabaa gaafa waxabajjii 20 fi 21 bara 2015 taasifatee jira. Teessuma kana irratti ajandaaleen gara garaa kan dhiyaatan yeroo ta’u, ajandaalee kana keessaa, haala tokkummaa mooraa qabsa’otaa jabeessuuf jecha keessa darbamee fi itti jiramu, sadarkaa qabsoon Oromoo irra jiruu, haala naannoo Oromiyaa fi addunyaa, haala diinaa akkasumaas dhimma adeemsa Adda Bilisummaa Oromoo gara fuula duraa baldhinaan ilaalee jira. haaluma kanaan eega xiinxallii fi mareen taasifamee booda murtee fi qajeelmafa hojii dhaabaa akeekuudhaan walgahii isaa injifannoon xumuratee jira.

Guddinnii fi dammaqinsi siyaasa Oromoo amma irra jiru, yeroo kamuu caala jabaachaa fi shira diinaa irra aanaa dhufeera. Keessumaa diinni keenya kan nugarboomsaa jiru tokkummaa fi waliif tumsa dhabuu mooraa qabsoo Oromoo ta’uun isaa ifaa dha. Ummanni Oromoo yeroo hunda dhaabbilee siyaasaa irra deddeebi’ee kan gaafachaa jiru tokkummaa dha, qabsoon tukkummaa fi tumsa haqa qabu yeroo hunda injifataa dha. tokkummaan yoo hin jiraanne baayyinii fi qabeenya Oromoon qabu, diina tajaajiluun ala fayidaa hin qabu. kanaaf jecha tokkummaan mooraa qabsoo Oromoo keessatti akka gadi dhaabbatuu fi haarsaa tokkummaa qabsa’otaa fiduuf gaafatu hunda baasuuf hoogganni olaanaa ABO irra deebi’ee dhugoomsee jira.

ABOn mooraa qabsoo Oromoo tokkoomuu fi dhaabbileen siyaasaa garaagarummaa qaban dhiphisanii waliin akka hojjatan dhimma tooftaa otoo hin taane, tarsiimoo dha jedhee amana. Kanaaf jecha, ABOn dhaabbileen siyaasaa ilaalcha waloo fi walitti dhiheenya qaban gara walitti baquutti akka deemanii fi kan garaa garummaan isaanii baldhaa ta’e ilaalcha bilisummaa Biyyaa fi Saba waloon qaban irratti hutubamanii tumsaa fi wal hubannoon akka hojatan dirqama Qabsaawota roga siyaasaa hundaati janna. Jaaramayaaleen siyaasaa ilaalchaa fi akeeka walfakkaatu akkasuma tarsimoo qabsoon tokko taane kuni fakkeenya gaarii humneessa mooraa qabsoof walitti baqiinsi jaarmiyaalee Oromoo waloon labsanne kun fakkeenya gaarii fi muuxannoon hojiin muldhatee dha.

Diina waloon qabnu waloodhaan falmuuf dhaabbileen Oromoo hundi yeroon itti wal tumsinuu fi diina keenya irratti xiyyeeffannu amma. Kanaaf jecha Addi Bilisummaa Oromoo nam-dhuunfaas  tahee qaamni mirga Oromoof qabsaawa jedhu kamuu tokkummaa ilaalcha siyaasaa irratti tolfachuun ititaa fi jabina sabaa fi dhaabaa tahuu hubannee akka ofii fi walis jabeessinu irra deebi’ee muuxannoo amma argame kana babaldhisuu akka qabnu murteessee jira.

Sirnootiin Empayera Itiyoophiyaa bulchaa turan hundi isaanii maqaa gara garaa haa moggaafatan malee imaamatii fi sirni bulchiinsa isaanii Oromoof qaban tokkuma. Garaagarummaan isaanii irra bubbullee bituu qabna kan jedhu malee, jijjirama hundee fi olaantummaa ummata fiduuf hin turre. guchuus hin danda’an.

Sirna bittaa murna bicuu Wayyaanees sirnoota bittoota darbaniin waanti adda taasisu tasa hin jiru. Tarii haalaa fi sirna ittiin daran ilmaan oromiyaa garbummaa jalati bituu ittiin danda’an tolfatanii jiru.

 

Wayyaaneen ummata Oromoo  yeroo kamuu caala ajeesaa, hidhaa fi qabeenya isaa saamaa aangoo irra of tursiisuuf tuffii ummata keenyaaf qabdu labsitee jirti. Maqaa filannoo jedhuun diraamaa waggaa shanshaniin taasifatu kan bara kanaas harka dhibbaan mo’achuu ishee labsitee jirti. Haalli ture garuu kan bara kamuu caala keessumaa dargaggoon Oromoo ijaaramanii filannoo dharaa Wayyaanee akka soba tahe ifatti dhugoomsanii jiru. karaa nagaan Wayyaaneen akka aangoo ummataaf hin dabarsine ilmaan oromiyaa yeroo kamuu caala dhugoomsanii jiru. kanaaf falli akka ilmaan oromiyaatti qabnu tokkummaan kaanee qabsoo roga hundaa gaggeessuu dha. humna taanu malee abbaa biyyummaa fi bilisummaa keenya goonfachuu tasa hin dandeenyu. Diinni qawween nubitaa jira. qawwee hidhannee falmannu malee karaa nagaan tasa akka mirga keenya goonfachuu hin dandeenye filannoon Wayyaanee bara kanaas dhugoomsee jira kanaaf jecha ilmaan oromiyaa keessumaa dhalooti qubee Adda Bilisummaa Oromoo cinaa hiriiruudhaan dirqama lammummaa akka bahan hoogganni Adda Bilisummaa Oromoo waamicha dabarsa.

Dhuma irratti miseensota Adda Bilisummaa Oromoo biyya keessaa fi biyya alaatti dirqama dhaabaa fudhattanii hojii gara garaa irratti bobbaatan, rakkoolee eddu keessa teessanii haarsaa lubbuu irraa kaasee waanta qabsoon miseensa isaa gaafatu alduree tokko malee kaffaluu keessaniif galati keessan bilisummaa haatahu. daandiin bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo ittiin dhugoomsuu dandeenyu, yoo humna taane duwwaa akka tahee fi humni kan dhufu ijaarsa ummataa keessaa tahuu hubachuun dirqama keessan dachaan akka baatan hoogganni olaanaa ABO isiniif dhaama.

Mooraa qabsa’otaa daran jabeessuuf addi Bilisummaa Oromoo akkuma aadaa ilaa fi ilaameedhaan mari’atee tokkummaa qabsa’otaa dhugoomse, ammas jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo dhugaatti Bilisummaa fi abbaa Biyyummaa Oromootti amantan akka mooraa tokkummaa qabsa’otaa jabeessinu maqaa qabsa’otaa fi ummata Oromoon waamicha irra deebinee goona.

Injifannoon ummata Oromoof,

Waxabajjii 2015

=====================================================================================

Qunnamtiif: Dubbataa Jaarmayaa Jaal Qasim Abbaa Nashaa

Email: abosperson@gmail.com, Bilbila: 651-808-8774

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *