Oduu Haaraya
dambalii

Eebba Diraamaa Dambalii karaa TV OBS dhihaachuuf qophiirra jiru

Waan jedhantu nama dhiba yaa Lammii!!! Eebba Diraamaa Dambalii karaa TV OBS dhaan dhiyaachuu dhaaf jedhu eebbisiisuuf Ganama Adaamaa irraa ka’een Finfinneetti qaxxise.Yeroon Finfinnee Galma Aadaa Oromoo Guddicha ga’u Yeroon Beellamaa hin geenye Garuu uummata Mooraa kana keessa jiru yeroon argu ija kiyya amanuu hin dandeenye.Diraamaan Dambaliis uummata Deeggarsaaf Daandii qaxxaamuree wal ga’uu dhaan Galma Guutee Dhangala’ee bakkee dhaabbatee Daawwateen faayame qophiin garaa garaa dhiyaachuu dhaan hanga galgala keessaa sa’a tokkootti haala nama gammachiisuu fi amanuun nama rakkisuun eebbifame.Barreessaan Diraamaa Dambalii Oliyaad, “maaliif qarshii tokko,tokko illee haa ta’u Tikkeetta gurguramu irraa illee walitti qabdee baasii baafte keessaa xiqqoo illee hin deebifattu..?

Jedhamee gaafatamee “Harka koo isa kamtu uummata na jabeessuuf daandii qaxxaamuree dhufu harka qarshii fudhata….?” jedhee deebii ajaayibaa deebise.dhuguma iyyuu nama hin dandeessisu.yeroon uummata har’a Diraamaa Dambalii eebbisuuf dhufe arge Magaalaan Finfinnee Lammii kiyya natti urgoofte.kunoo akkasittiin miidhagna yaa Lammii!!! anis xumura sagantaa kanaa booda Namoota qaamaan wal beeknus ta’e wal hin beekne hedduu quunnamuu dhaan yeroo yerootti akka wal arginuuf waltajjii tokko gara fuulduraatti akka uumnu walii gallee yaada garaa garaa wal jijjiiruu dhaan Gara magaalaa Adaamaatti deebi’ee yeroo ammaa kana nagaan Mana kiyya ga’een jira.Wantoonni dubbatamuu qaban hedduu dha xiqqoo boqonnee booda dubbanna.Wanti hunda dursu garuu Sagantaa qabdan hunda Haquu dhaan yeroo keessan Aarsaa gootanii Waamicha keenya kabajuu dhaan kanneen Argamtan hundaaf kabajni kiyya Daangaa hin qabu!! Ija irraa naaf hafaa Lammii kiyya 

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …