Oduu Haaraya

Of jajjuu manni karaa irra: Deebii barruu mata-duree “muka Jallaa Diriirsuun osoo qacalee ti” jedhu jalatti obboo Jawaar S. Mohammed Barreesseef

 

Mata duree “Jallaa Mukaa Diriirsuun Osoo Qacalee ti” jedhu jalatti barruu obboo Jawaar barreesse dubbisee jira. Obboo Jawaar fakkeessuu yaalus, barruun isaa waca ykn iyya malee waan firii qabu keessaa arguun hin danda’amu. Yakki obboo Jawaar ODF irratti dhiheessu kun dhugumaan duwwaa akka tahe tolchine hubachuuf qabxiilee inni tuttuqe irra deebinee haa ilaalluu.


1. Qabsoo Oromoo gaaffii sabaa irraa gara gaaffii Ambaatti gadi Cabsan jedha inni jalqabaa: Dhugumaan ODF gaaffii sabummaa gara gaaffii ambaatti gadi buusee? Labsi ODF  “….Ethiopia has been, and remains, the prison of nations and nationalities, with the Oromo being one of the prisoners”  jedha. Yaadni armaa olii kun Ethiopiyaan kaleessaa fi ar’as mana hidhaa saboota akka taate bifa mamii hin qabneen ibsa. Yaada armaa olii kana keessa kadhaan hin jiru. Jechi ambummaa jedhu labsa ODF keessatti qabxii gabaabaa mirgoota “citizens right” jedhaman ibsuuf qofaan kan itti gargaaramnii dha.

Gaaffii ummata Oromoos sharafuun hin mul’atu. Labsa kana keessa xinnoo gadi buunee yoo ilaalle, akkana We remain convinced that the struggle for self-determination by the Oromo and other oppressed nations is still legitimate due to the persisting imperial character of the Ethiopian state, which has been stubbornly lingering  even after the exercise of political power has  passed from one ruling elite to the other” jedha. Kun kan agarsiisa utubaan ODF gaaffii abbaa biyyummaa fi sabummaa ummatni Oromoo jaarraa oliif gaafataa fi falmaa tureef tahuu tolchee ibsa. Yaada kana daran hubachuuf, “This measure does not imply the repudiation of the struggle waged to date by the Oromo Liberation Front (OLF) but rather to build on its achievements and to open a bold new forward looking chapter” . ODF dhibdee ummata Oromoo fi saboota biyyaattii keessa jiran hundi mudataniif furmaata ummataa hundaa waliin argamsiisuuf bifa haarayaan qabsoo Oromoo karoorsuun ejjannaa kaleessa ture, keessaattuu akeeka ABO fi qabsoo ilmaan Oromoo ABO jala hiriiruun godhaa turanKkan daran gadi jabeessu malee kan gonkumaa kan haaluu miti. Kanaaf gaaffii Oromoo gara gaaffii ambummaatti jijjiiruun jedhamu afanfaajjii uumuu fi jaalala rakasha gola Oromoo waca qofaan qabsoo gaggeessuu barbaadu irraa argachuuf kan godhame fakkaata.

2. Yakki lammataa, “Oromoo gurmuu akka sabaatti of dandahe irra gara murna afaaniitti gadi cabsuu” jedha. itti dabaluunis, warri Oromoo cunqurse saba Amaaraa ykn Tigree jechuu dhiisanii warra afaan akkanaa dubbatu jechuun gaaffi keenya gara gaaffii afaaniitti gadi cabse jedha obboo Jawaar. Garuu obboo Jawaar hanga ammaatti sabaa fi afaan cunqursaaf adda keename akka hin jirree hubachuu dadhabuu isaa ti. Ummata tokko akka nama cunqursuu qofaaf dhalateetti lafa kaayuun, cunqurfamuu qofaan kan dhalate waan jiru fakkeessi ti.

Akka natti fakkaatutti obboo Jawaar filannoo jechootaa kan labsa ODF fi jechoota obboo Leencoo Lataa itti dhimma bahan hubachuu dhabuu ykn ammoo amala waa balaaleffachuu aadaa godhatuu irraa madde jedhee amana. Jecha warra afaan Amaaraa fi Tigree dubbatu jedhutti gargaaramuun ummata biyyattii guutuu, Oromo illee dabalate akkamitti sabummaa irraa mulqee murna ykn “warra afaan” akkasii dubbbatutti akka gadi buusu kan beekuu danda’u obboo Jawaar qofa. Yakkoota amala kijibaa fi waan hin jirre hafarsuu irraa maddan kana qofaa miti. Qabxiilee lameen kana malees obboo Jawaar yakkoota hedduu dhiheessan. Egaa gaaffiin jiru, ololli dharaa fi afanfaajjii akkanaa hafarsuuf maaltu obboo Jawaar kakaase kan jedhu taha.

Akka natti fakkaatutti hunda fakkaachuu fi anaatu beekaan tun of jaalatiinsa daangaa hin qabnee fi tarii fuula dura bolola biyya keenya keessatti nama beekkamaa tahee as bahuuf qabu irraa madda. Waggoota shanan dabran keessa obboo Jawaar Toophiyaa balaaleffatu, deebi’ee faarsoo qaamota Oromoo fi namoota Oromoo keessatti mumul’atan dura dhaabbatu agarree jirra. Guy,yaa sagaleen cinaa isaa jiru itti hasaasu warra kaayyuu ganamaa leellsu tahee as bahuu fi guyyaa itti aanu ammoo rakkoon Oromoo karaa federaalummaatiin akka dhumatu ummatootni impaayeroo Toophiyaa keessa jiran hunda akka obbolleeyyanitti harka walqabatanii qabsaawan waamicha dabarsuun isa dhibee hin beeku. Akkuma guyyaa barbaade, mirga ummata Oromoo boortaan malee hin dhufu jedhu, galgaluma sana ammoo akkamitti qawwee hiikkannee karaa “nonviolent Struggle” akkamitti ummatoota Toophiyaa waliin qabsaawuu akka qabnuu kitaaba nuuf hiikee nu barsiisuuf rakkoo hin qabu.

Tarii ammoo jeequmsa mataa dhugaa hin jirre nama jalaqabu tahuu mala, ykn ammoo akkuma ummatni naannoo an itti dhaladhee mammaakutti “nama of jajju/of dhaadhu manni karaa irra” jedhan ebalu jedhamuuf waan hundatti bu’a taha. Kan nama raaju garuu, namni hubataan akka obboo Jawaar osoo dhugaa irratti hin hundoofne yaada namaa busheessuu fi dhaloota isa duraa yakkuu qofaan beekkamuu fi ummata biratti kabajaa argatuun akka hin danda’amne wallaaluu isaa ti.

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia’s Psychology

Part 1 Odaa Hora  Most of the accomplishments of human activities in daily life, ideas: …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *