Oduu Haaraya

OLF’s Statement on the Latest Arsi Massacre by TPLF-led Ethiopian Government

Tarkaanfiin Suukaneessaa Sirni Wayyaanee Godinaa Arsiitti Oromoota Musliima Irratti Fudhate Umrii Sirnichaa Gabaabsa Malee Hin Dheeressu

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

 

Sirni faashistii Wayyaanee mormii hawaasni Muslimaa ‘Sagaleen keenya haa dhagahamu’ mata duree jedhuun waggoota lamaaf walitti aansee karaa nagaan geggeessaa jiru humnaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufeera. Sambata dabre Hagayya 3, bara 2013 godinaa Arsii magaalota Kofalee fi naannoo isaa keessatti ummata karaa nagaan sagalee mormii dhageessise irratti humni waraanaa sirnichaa dhukaasa banuudhaan namoota kudhan aduu saafaatiin ajjeesuu fi kudhanoota madeessuun miidiyaalee idil addunyaa hedduu irratti gabaafameera. Namoonni dhibbaan lakkaawaman badii tokkoon maleetti guuramanii hidhaman. Hidhaan kun babal’atee naannoo biraa illee shororkeessaa jira.

Sirni tarkaanfii gara jabinaa kana fudhate muslimoota karaa nagaadhaan ‘hogganootni keenya hidhaman haa hiikamani, barsiisa amantii Ahbash jedhamu dirqiidhaan hin fudhannu’ jedhanii morman rukutee callisiisuuf jecha ‘shororkeessitoota’ ittiin jedhee yakkuu irraa hin dhaabbanne. Dhimma amantii keessa akka fedhe harka naqachuu Wayyaanee waan mormaniif qofa ‘shororkeessitoota’ kan jedhaman musliimonni biyyattii garuu, tarkaanfii shororkeessummaa sobaan itti yakkaman isaanii fudhatu takkaa hin argamne. Waggaa lama guutuuf mormiin geggeessaa turan karaa nagayaan gaaffii isaanii dhageessifachuu qofa ture. Kanas mootummoonni hedduu fi dhaabonni mirga namoomaa idil addunyaa ragaa bahaa jirani.

Mootummaan Wayyaanee humna sodaatu tokkoon ‘shororkeessaa’ ittiin jedhee gara jabinaan rukutuun aadaadhuma isaa ti. Jireenya isaa guutuu mormitoota humna isaanii sodaatu, addatti ammoo Adda Bilisummaa Oromootiin ‘shororkeessaa’ ittiin jechuun addunyaatti lallabachaa yoona gahe. Ammas sirni kun ummata Oromoo irraa hin deebine. Karaa gaaffii siyaasaatiin Oromoo irratti duuluun itti xiqqaannaan dhimma amantii keessaanis Oromoo addatti diinomsatee gara jabinaan rukuchaa jiraachuun isaa beekamuu qaba. Amma duras Onkoloolessa bara 2012 keessa bifuma wal fakkaatuun Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo magaalaa Garbaa keessatti lammiilee Oromoo Muslima sobaan yakkee ajjeesuun isaa yaadannoo yeroo dhihoo ti. Hanga ammaatti tarkaanfiin golgaa amantiitiin ummata nagaa irratti fudhatame hundi isaa Oromiyaa keessa.

Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii faashistummaa sirni Wayyaane godinaa Arsii keessatti ilmaan Oromoo qulqulluu sobaan yakkee ajjeesuu fi madeessuu fudhate gad jabeessee balaaleffata. Mootummaan farra ummatootaa fi farra amantii ummataa tahe kun yakkoota ajjeechaa hanga ammaatti lammiilee nagaa irratti fudhateefis guyyaa tokko seera duratti kan dhihaachuuf jiru tahuu yaadachiifna. Mootummaan mirgootni amantii kamiiyyuu heera kiyya keessatti kabajamaa dha ofiin jedhu baatii Ramadaanaa keessa dhiiga Muslimoota soomana irra jiranii jigsuu isaatiin sirna abaaramaa fi jibbamaa tahuu isaa caalaatti mirkaneeffate. Amantii ummata bulchaan jira ofiin jedhuuf gonkumaa kan ulfina hin qabne tahuu isaa dirreetti agarsiifate. Mootummaan kun Musliimota karaa nagaan qofa mirga amantii isaanii kabajsiisuuf falmachaa jiran dhiibee gara tarkaanfii humnaatti ceesisuuf dhiibbaan taasisaa jirus umriidhuma aangoo isaa gabaabsa malee hin dheeressu.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 5, bara 2013

 

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea | Tel 2911 153848 | www.OromoLiberationFront.org

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …