Oduu Haaraya
gammachuu ayyaanaa

Oolmaa mana murtii ijibaata federaalaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Ammas Boritti Beellamame

Qondaalli ABO Kolonel Gammachuu Ayyaanaa kan mana murtiitti deddeebi’uun isaa xumura dhabe har’as beellamaan mana hidhaatti deebi’e.Har’a Caamsaa 23,2022 mana murtii ijibbaata Federaalaatti kan dhihaate qondaalli olaanaan ABO Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa har’as dhimmi isaa xumura osoo hin argatin beellam biroo Caamsaa 24,2022 jechuun guyyaa borii, ganama sa’aa 3:00tti beellamamee gara mana hidhaatti deebisamee jira.

Caamsaa 19,2022 Koloneel Gammachuu Ayyaanaa wayta mana murtiitti dhihaatee turetti, poolisiin Oromiyaa har’atti qaamaan dhihaatee dhimma Koloneel Gammachuun walqabatee waan dhihaate irratti deebisaa akka laatu ajaju iyyuu, poolisiin Oromiyaa dhaddacha har’aa irratti waan hin argamin beellamni Koloneel Gammachuu boritti qabamuu oduun arganne ifa godha. Gama biraan himatamaa 3ffaan Amanu’el Ijjiguu Margaa lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa mirkaneessuun abbaan alaanga manni murtiif akka dhiheessu, manni murtii irra deebin Abbaa Alangaa Federaalaa ajajee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …