Oduu Haaraya

Oromoo ajjeesaa fi Oromiyaa zoonii woranaa fakkeessaa ‘baadii raawwatameef dhiifama’ jechuun tuffiidha

Angawoonni ummata ajjeesisan angoo osoo gadi hin dhiisin, worri Oromoo ajjeesan osoo seeraaf hin dhiyaatin nageenni waaree Itoophiyaa keessatti yoomuu dhufuu hin danda’u.

By Nasruu –
Paarlaamaa biyyattiitti guyyaa har’aa kan dhiyaate Haylamaaraam Dassaalenyi badii baatii afurii oliif dhala Oromoo irratti rawwataa turaniif dogogorri uumamuu dubbachuun isaa dhagayameera. As biratti kan hundi beekuu qabu Woyyaanee harkaa qawween baaraqeetii miti kan ummanni dhibba heddu ajjeefamee fi kumaatamni madaaye. Ilmaan Oromoo baatii afurii oliif akkasitti harca’aa kan turan gocha garajabeenyaa itti yaadamee hojjatamaa tureen. Agaazii fi humni federaalaa xayyaraa fi taankiin ummata lafarraa xuruurraa kan ture ajaja gubbaa irraa (Haylamaaramii fi gooftota isaatiin) kennameen. Egaa gocha sanyii duguuguu itti yaadamee fi akka gaaritti karoorfamee geggeeffamaa tureef dhiifama ykn dogoggora jechuu maaltu fide?

Nuti Oromoon beekna. Haylamaaramii fi gooftonni isaas qajeelatti beeku. Daandiin ajjeesuu fi sanyii Oromoo mancaasuu kan filatameef Itoophiyaa keessatti ajjeesuun waan aadeffatameef malee wanti gara ajjeefamuutti nama geessu raawwatamee miti. Mootummaan Woyyaanee angottis kan dhufe, angoo irras kan jiru addadurummaadhaan Oromoo ajjeesaatiin. Ganna 25 guutuu gaafii ummataaf kan laatamaa ture rasaasa. Oromoo sodaachuu fi angoo irraa dheebuu hamaa qabaachuun kan nama geessu gara bineensummaatti: duruunfatanii daa’imaa hanga manguddootti ajjeesuu. Yeroo kamuu caalatti baatiin afran dabran kana hundaaf ifa godhaniiru.
Lubbuu namaa caalatti wanti kabajamaan hin jiru- biyya seerrii fi itti-gafatamummaan jiru keessatti. Mootummaa dhumaatii nama hedduuf sababa ta’ee mitii kan lubbuun nama tokkoo harka isaatti baate gatii guddaadha kan kaffalu; biyya lubbuun namaa kabajaa qabdu keessatti. Kan daran nama aaarsu mootummaan Woyyaanee gocha diinummaatiin erga dachii Oromoo kabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga dhihaatti dhiiga uwwisee booda qoosaa fi dubbii gowwoomsaa qabatee gadi bayuu isaati. Mootummnaan kuni Oromoo haa ta’u jedheeti kan ajjeese. Kana jechuun kan isarraa eeggamu dhiifama jedhaa ummata sobuuf carraaquu osoo hin taane yakka raawwateef itti-gafatamummaa guutummatti fudhachuudha. Itti gafatamummaa fudhachuun hanga hundi isaanii angoo gadi dhiisutti deemuu qaba. Wanti kanaa gadii tokkoyyuu naga waaree biyya san keessatti fiduu hin danda’u. Kaba godhuu didanii angotti silmii ta’uun ibiddi qabate cimee akka boba’uuf hayyamuu jechuudha.

Woyyaaneen akka amala isii addunyaa sobuuf arraba mummuxachuu eegaluu isiiti kijibni dhiifama jedhu kun kan agarsiisu. Garuu, Oromoo sobuu fi sossobuun kana booda tasa yaalamuu hin qabu; Woyyaaneen waa hubatti osoo ta’ee. Falli jiru tokko qofa: dhugaa fudhachuudhaan gaafii Oromoo ganna hedduuf afaan qawween ukkaamsaa turaniif deebii laatuudha.

Woyyaaneen dhugaa liqimsuudhaaf kan hin qophoofne ta’uu hujii fi haasofni isii addeessutti jira. Wotraanni Oromiyaa dhuunfate mooratti kan deeb’iu hin fakkaatu. Yoo hin jilbbiiffannee ajjeechaa fi hidhaan itti fufa jedhaa Oromoo doorsisuu irraa hin dhabanne. Ammas gaafii ummataa qaamota ‘farra nagaa’ jettuun wolitti guduunfuu hin dhiisne. Hala kana keessatti gaaga’ama gayeef gaddineerra jechuun gocha madaa irratti sooqiddaa naquudhaati.

Oromoon maaliif, akkamittii fi eenyuun akka ajjeefamee fi qe’een isaa saamame bareechee beeka. Gochas badii sadarkaa kanaa saba kana irratti raawwatame fi gaaga’ama gayeef falli dhiifama sobaa gaafachuu miti. Ammatti kan barbaachisu waan lama qofa. Tokkofaa, gaafiin Oromoon kaase hundi hatattamaan deebii argachuu qabu. Keessumayyuu waa’een ajjeechaan dhabachuu, Agaaziin ummata irraa ka’uu fi namoonni hidhaman hiikamuu waan yeroon itti laatamuu miti. Inni lammaffaa, gubbaa hanga lagaatti angawoonni ajaja ajjesuu laatanii fi kanniin kallattiidhaan ajeechaa irratti bobba’an huni angoo gadi lakkisuu qabu. Angoo gadi lakkisuu qofattii miti kuni kan dhabatu: kan harki isaa dhiigaan laaqame hundi seeratti dhihaatutu irra jira. Bakka kuni hin taanetti mootummaan fderlaalaa fi OPDOn paarlaamaa fi caffee Oromiyaa irra deddeemaa ‘dhiifama dogoggora’ jedhaa firimbii kijibaa afuufaa deemuun halicha yoo daran hammeese malee bifa kamiinuu madaa Oromoo fayyisuu fi imimmaan lola’e gogsuu hin danda’u
Maddii ‪#‎Awashpost‬

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …