Oduu Haaraya

OROMOOTA GODINA ARSII LIXAATIIF

Daldalli siyaasaa woyyaaneen dirree Sikkoo fi Mandoo irraatti taphataa jirtu haalduree tokko malee fashalaa’uu qaba!
=>
Godinni Arsii Lixaa fedhii Oromootaan ala labsii diinni hookoo isaan adenitti bixilanii Oromiyaatti dhalchaniin/ opdo/dirqamsiifamee kan hundeeffame bara 1998 ALH aanota Godina Baalee fi Arsii irraa citaniin.
Kaayyoon hundeeffama isaas humni guddaan walabummaa Oromiyaa fi badii impaayeraattiif sodaachisuu,iddoo dahannoo Gaarreen Baalee fi qabeenyaan badhaadhe kan koonyaa kibba Bahaa kutaa Baaleetti argama. Kanarraa ka’uun akka saamichaa fi humna Oromoo laaffisuuf tolutti ajaja diinticha Oromoo Mallas Zeenaawiitiin addaan cite.
Yoo kan yaadattan ta’e Oromoon Sikkoo fi Mandoo afaan tokkoo fi ejjannoo tokkoon mormaa osoo jiran leenjii hubannoo kennuu jedhuun basaastota isaanii Opdon namoota fuulaaf fuulatti morman isin ABO dha jechuun Oromoota mana hidhaatti darbanii hamma ammaatti hidhaa jiran tokko tokkoon beekna.Humna basaasaan caalamaniiti malee jaalataniiti miti.
Keessa seenaa isaa isinumaaf dhiisa!
Diinni Oromoo erga lafa Oromoo shorqubatee seera qoqqooduu fi bituu/divide & buy/ kanaan milkaaye.
Akkuma argaa turre tarkaanffii mormii seera farra Oromoo ummanni Oromoo fudhateen Shawaa Dhihaa,Harargee Bahaa fi Arsii Lixaa adda dureen diina mukukkula qabsiifnaan ABO fi Shaabiyatu keessa jira jechuun foodda televisiyoonaa gabroomsaatiin ministeera hidhamaa/puppet hayilamariyam/dabalatee kashalabbee,sagaagaltuu fi farshaantuun aduwa/getachoo radda/,sagaagaltuu Dubaay/mimmi sibhaatu/,gantuun amaanaa ummataa/abbay tsehay/ fi kkf..adda dureen afaaniin alba’uun haqa ummata Oromoo haalaa turan.
Tarkaanffii fudhatameen baarraguun guutuu Oromiyaa kutaa 8 tti qooduun humna bulchiinsa waraanaa jala galchan.
Waan fedhan jedhanis hiree Oromoo kan murteessu tigiree fi amaara Oromoo keessaa/opdo/ osoo hintaane Ummata Oromooti.
Amma immoo opdon Labsii Abbay Tsehaye hojii irra oolchuuf waarroo salphinaa uffattee harsama raasaa jirti.
Kunis Magaalaa Guddoo Godina Arsii Lixaa SHAASHAMANNEE irraa gara DODOLAtti kan jedhutu qiyyeeffame.
Kaayyoon isaa raawwii MASTER PLAN fi WALITTI MAKIINSA MAGAALOTAATI/Master plan,regio-police & metro-police/
Kunis magaalaa SHAASHAMANNEE Oromiyaa jalaa baasanii magaalota akka Hawaasaa fi Maqaleetiin walitti hidhuun galii ishiitiin akka uf dandeettu jechuun daandii saamichaa fi sanyi duguuggaa saaqachuuf.
Seenaa magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa,Harar,Awodaay fi kan amma itti roorrisaa jiran Shaashamannee,Adaamaa,Bishooftuu,Mooyalee,Nageellee Booranaa/Shaakisoof jecha/,Jimma,Gindhiir,Naqamte sirritti beekuu nu feessisa.
Magaalonni kunniin kan galii baay’ee qabaniidha.Diinni kanaaf itti roorrisa.
Diinagdeen cabanii bilisoomuun kufanii lafa dhabuudha.
Ammatti hojii irra oolee kan jiru magaalaa Dodola fedhii ummataan ala jiddugala dhiyeessi aanota jahaa/Adaabbaa,Asaasa,Qoree,Kofalee,kokkossa fi Nansaboo/ godhaniiru.
Xaa’oo irraa jalqabee hamma sukkaraaf zayitaatti magaalaa Dodolaa irraa rabsama jira.SHAASHAMANNEE eenyuun dhaalchiftan?
Kan magaalaa Dodola filataniif immoo
1.Qabsoo ummanni naannoo sanitti/Adaabbaa,Dodola,Asaasa,Kofale,Qoree,Eddoo,Waabee,Seerota,Nageelle Meexamaa,Kokkossa fi kkf…furgaasaa jiru jiddugala godhatanii rukutuuf.
2.Aarsaa ummanni kafaleen lafti qonnaa mootummaa Jibuutiif waggaa 45f gurgurame harka ummataatti waan deebi’eef ammas tarkaanffiin kun kutaa Sikkoo fi Mandootti akka itti fuufu waan beekaniif teessoo waraanaa magaalaa Dodolaa godhatanii sanyii duguuggaa raawwachuun lafa QEERROON BILISOOMSITE gabroomfachuuf malee Dodolaaf yaadanii miti.
QEERROON OROMOO LAFA BILISOOMTEE AABBOO FI AAYYOOTTI KENNITEE TA GABROOMTE BILISOOMSITI MALEE TA BILISOOMTE HIN GABROOMSITU!
3.Daandiin afur magaalaa Dodolaatti waan wal gahuuf buufata waraanaa godhachuuf
4.Riqichi Waabee cinnaan dubbiin nuuf dhumaa jettee waan amanteef Dodolaan kaampii waraanaa godhachuufi kkf..
Jaalatanii jibbaniis osoo ilmaan Oromoo beelaan dhumaan qonni diinni xuyyuuraan xaa’oo itti afuufuun summii ummatatti harcaasu sun daaraa bubbeen fuute ta’uuf deema.Haa bilchaatuu ni nyaattaa jedhiin!Akka qoteen yoo aramtee haamte nuti ilmaan Oromooti miti.Arguuf teessu.Afaaniin osoo hintaane gochaan argisiifna.
Labsii Saamichaa,jibbaa,arrabsoo sabaa fi sanyi duguuggaati malee misoomni dirqamaan ummatatti fe’an hinjiru.Natu siif beekaan dur hafte.
Labsiin bilisummaa gaafii tokkummaan biyya bilisoomsuuti.
OROMOOTA;Dubbiin tun dubbii dabaati.Diinni tanaan milkoofnaan akkuma waraabessi hoolaa tokko tokkoon qucee qabe ajjeesu diinnis magaalota asii olitti eeraman Oromiyaa jalaa baasuuf qophii xumuraniiru.
Kun Bofa afaa jalaati,daanqaa mormii seera farra Oromoo ummanni Oromoo ilmaan isaa itti kitimaa godhaaruuti.Tuulamaa fi Macca,Sabboo fi Goona,Raayyaa fi Aseebu,Sikkoo fi Mando,Ituu fi Humbaana osoo hin jenne afaan tokkoo fi ejjannoo tokkoon tarkaanffii barbaachisuti cehuu qabna.
Nimoona!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …