Oduu Haaraya

Oromootii biyya ala jiran Jermenii, Faransaay, Washingiton,DC, Osloo,Minisootaa fi magaalota adda addaatti hiriira mormii bahan

VOA:

Hiriira hardhaatti Oromootii godina Amerikaa gara garaatii dhufan bulchiinsa mootummaa USA,White House, duratti hiriira mormiitiif walti dhufanii achumaan Minsitiri Haajaa Alaa Amerikaa, State Departmentdhaqanii rakkoolee Oromiyaa keessa jirtu jedhan bulchoota mootummaa kanaatti himatan.

Hiriira Ministirii Haajaa Alaa AmerikaaHiriira Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa

​Rakkoolee himatan keessaa; Oromoo hidhuun, ijjeesuun,lafa isaa saamuun haa dhaabbatuu, waraanii Itoophiyaa manneen baranoota Oromiyaa keessaa haa bahuu, Oromiyaan ta Oromootii fi waan hedduu.

Warrii hiriira bahe kun Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa gahee bulchiinsa mootummaa Amerikaatti xalayaa kennate.

​Gama kaaniin hiriirii kun godinoota Amerika ka akka Seattle,Minnisoota fi godina gara garaalleetti ya bahan.

Hiriirumti wal fakkaatan Jermanii magalaa Berlin keessatti geggeessamee jira.Hiriira har’a ganama Berlin keessaa kun Ministrii Haajaa Alaa fi Paarlaamaa Jarmanii, embaasilee Ameerikaa fi Faransaay kan Berliin keessaa akkasumas paarlaamaa Awrooppaatti xalayaa iyyannaa isaanii galfataniiru.

Noorweey,Osloo keessatti Oromoon biirolee bulchiinsa mootummaa biyya sunii duratti hiriira mormii bahanii rakkoo Oromiyaa keessa jirtu jedhan himatan.

Oromoon Awustiraaliyaa jiranillee kalee hiriira mormii bahanii rakkoo Oromiyaa keessa jirtu jedhan himatan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …