Oduu Haaraya

OROMTICHA MOOTII SIRBAA

Sabboonaa Oromoo
Alii Mahammad Muussaa
Kabajamaa namaa
abbaa hujii boonsaa
Mee tamuma himeetin
yaabo mee tam dhiisaa?
Barreeffamteen-dhumtu
seenaa fi faaruunsaa
Xiqqon irraa himaa
yaa dhiiroo dubbisaa.

“Namuu afaan isaan
wallisutti jiraa
Sa duuba ani hoo
namaa gadin jiraa?
Kiyya maal taheetin
guddisa kan jaraa
koo malee hin wallisu
du’eetuman dabraa”
Jechuun lafaa ka’e
jalqabuma duraa.

“A.B jannee kaanaa
kanumaan jalqabnaa
Afaanuma keenyan
katabnee dubbifnaa”
Jecha gaafasii san
akkamitti daganna.

Gaafattii duraanii
gaafa jalqabaasan
Gaafa afaan keenyaan
dubbachuu nu dhoorkan
Yeroo dubbataniis
yakkatti laalaman
Garuu Alii Birraan
gaafa san onnatan
Afaan Oromootiin
walleedhaan dhawwaaqan.
Sodaa takka malee
sabasaaf if kannan.

Dukkana liqixii
birraan nuuf ibsitee
Haguuggii afaanii
alagaan uffifte
“Raadiyoona cabsa”
jechuun kan moggaafte
Cimina kankeetiin
ifatti garsiifte
Jara nu tuffate
afaan qabachiifte.
Kan sodaatee tures
onnee itti goote.

Inni durumarraa
tokkummaadhaaf fiigaa
“Waa malli nu dhibee
janne bitaa mirgaa
Karaa sirrii dhiifnee
maaliif deemna moggaa”
Kan gaafas nuuf dhaame
arrallee nuuf ragaa.

Hacuuccaa diinaatiin
gaafa dhabne mirga
Yeroo Ahmad Taqii
dhangalaasan dhiiga,
“Yaa Hundee bareedaa
yaa fiinxee miidhagaa
Azalaa jannataa
meeyra bishaan lagaa”
Sirba keessatti ibse
gochaaf roorroo alagaa
Ammallee jiraadhu
dhalachuun kee bagaa!

Walleen walaleeyseet
dhaamsas dabarsataa
“Barnootaa barnootaa
ammas barnootaa…
Kana tahuu qaba
kaayyoon Oromootaa”
Akkas jechuudhaani
sabasaa gorfataa
Ali Birraa keenya
wahi nutti goomtaa!

Shantammeessoo kee
kan itti eegalte
Namuu bakka jiruu
wal afeerratee
Iddoo jiran hundaa
biyyas dabalatee
Kabajaa kan keetiif
bakkatti mul’atee
Lafarratti hin hafne
hundaan dabaalamtee
An akka kiyyatti
kunuu si-xiqqaate.

Oromticha mootii sirbaa
siitu faaruu qabaa
Maqaa keetiin boonnee
siit nuuf tahe abbaa
Gahee kan kee baatee
oomishte jajjabaa
Sagalee taanteetiif
diina meeqaat gaabbaa
Tokko siin hin gitu
gaabbeetuma dhabaa.

Gochaan kee nu boonsee
tanaaf si faarfannaa
Nuti sabni kan kee
maqaa keen dhaaddannaa
Daawwitii nuuf taatee
hedduu si jaalannaa
Umrii dheertuu
Waaqa siif kadhanna.
Umrii dheertuu
Rabbi siif kadhanna.

Dr. Ali Birraa
ilma Mahammad Muussaa
Umriin tee haa taatu
umrii Harraageessaa!
Ammaallee jiraadhu
lammii gammachiiftee
Adawwiin tee shishim
cilee bishaan buute!
Adawwiin tee shishim
cilee bishaan buute!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …