Oduu Haaraya

Pirezdaantii OSA: Wanti Jawaarirratti raawwatame shiraas, loogiis, yakkaas

Haqni Afaan Qaban, Funyaanin Dubbata jedha Oromoon yoo mammaaku. Uggura hoggansa OSAtiin raawwatameen wal qabatees kan tahe kanuma. Namoonni hedduun shira raawwatame sana harka irra qabuudhaaf / defend godhuudhaaf/ yaalii guddaa godhan. Irra deddeebi’anii nu amansiisuudhaaf yaalii guddaa godhan. Garuu dhugaan nuti dhaabbanneef waan isaan dandamachuu dandahan hin taane. Silas, waan bu’uura haqaa hin qabnerratti cichinee hin morminu.

Pirezidaantii OSA kan tahan Dr. Eebbisaa Aadduunyaa miidiyaatti gadi bahanii wanti raawwatame shiras, loogiis, yakkas akka tahe ifaan ifatti dubbataniiru. Akka Pirezidaantiitti kabajaan keessummoota kabataa godhee Jawaar fa’aaf affeerraa kan taasise isaan akka tahan, kana godhuudhaafis aangoo kan qaban akka taheefii Boordiin aangoo isaa malee uggura sana raawwachuu ifatti dubbatan. Marii Boordii waliin taasisaniinis namoonni tokko tokko mormii kaasan dhagaheera. Mormiin isaan kaasan garuu waan na amansiisuu dandahu hin turres jedhan. Hunda caalammoo OSAn dhaaba daneessummaan / divetsityn/ keessatti hin muldhanne akka taheefii sanis sirreessuuf yaalii guddaa akka godhaa jiru addeesse.

Mormiin isaan kaasan na amansiisuu waan dideef, ana dhiisanii na duuba wal gahanii mari’atanii uggura sana raawwatan kan jedhe Dr. Eebbisaan, gama kiyyaan Jawaariin dhiifama guddaan gaafadha, Ummannis Jawaar qofarratti osoo hin tahin daba anarrattis raawwatame naaf hubachuu qabas jedhaniiru. Gaafiif qeeqni Ummatarraa ka’es guutumaan guututti sirrii tahuu eeranii Boordiin uggura kana raawwate maalif akka raawwate gadi bahee Ummataaf ibsa kennuu qabas jedhaniiru. Dabalata saniitiin Qaamni Hoggansa OSA walii galaa / General Bodyn/ dhimma kanarratti mari’atee namoota yakka kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu qabaa jedhaniiru.

Anis, Dr. Eebbisaan gadi bahanii rakkoo uumamte ifaan ifatti Ummatatti himuu isaanitiiif galatoomaaa jechuuniin barbaada

Kanuma

Keenyas Oluma

Hawi Anolee

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *