Oduu Haaraya

Prof. Asafaa Tafarraa Dibaabaa baga gammadde/baga gammanne..

Prof. Asafaa Tafarraa Dibaabaati! Dhaloonnisaa Macca. Barreessa kitaabota hedduuti. Maatii qotee bulaa keessatti dhalatee guddate. Hayyuu kanarraa gadi taa’ee baradheen beeka.Qabsoo barataan Oromoo kamuu dabarsu keessa nama dabarsedha. Gaaffii eenyummaa hedduu gaafataa nama tureefi sababa kanaafis yeroo gargaaraatti nama mana hidhaatti darbatamaa turedha. Kolleejjii Jimmaas barsiisaa ture. Booda kana yeroo Amarikaa deemuuf ka’etti ammoo Yunivarsiitii Finfinneettis barsiisaa ture. Barattoota digirii jalqabaafi digirii lammataa ta’an haala gaariin nama barsiisaa tureefi falaasama Oromoon qabdu mara qotee baasuun hojjetee nama hojjechiisaa turedha. Guyyaa kaleessaa yunivarsiitii Amarikaa keessa jirtu kan Biluumgiton’ jedhamtu keessatti dooktorummaasaa qabxii adda ta’e galmeessisuun eebbifameera. Qabxii hunda dursu galmeessisuusaatiinis waraqaa ragaa addaa dhang’iameera. Prof. Asafaan hayyoota Oromoo addunyaa kanarratti sammuu guddaa qaban keessatti ramadama. Oromoof qabeenyaa guddaadha. Seenaa Prof. Asafaafi hayyoota keenya akka addunyaatti waan baay’eetiin adda ta’an bifa kitaabaatiin yeroo dhiyootti kan qopheessinee dhalootaaf raabsinu yoo ta’u, ammaaf jireenya Asafaarraa dhaloonni maal barata kan jedhuunan goolaba.
1. Cimanii/jabaatanii barnoota ofiitti cichanii garaa diinotaa gubuu.
2. Ofitti amanamummaa guutuu qabaachuun mul’ata ofii sabaaf arjoomuu…
3. Namni dabafama haqaan gadi qabamu Waaqayyo/Rabbiin cinaasaa waan jiruuf lafa yaade ga’uufi kkf…

Egaa:

1. Prof. Asafaa Tafarraa Dibaabaa gara biyyaatti as deebitee dhaloota haaraa beekumsa dheebotaa jiru kana akka dheebuuf baaftu, atis akkuma warra kaanii biyya faranjiitti akka nujalaa hinhafne kabajaan sigaafanna.
2. Profeeseroonni Oromoo biyya ormaarraa faranjii barsiisaa jirtan dhaloota dhiiga keessan ta’ee sammuunsaa waan baay’ee uumuu utuu danda’uu barsiisota wallaalchifamoodhaan wallaalchifamaa jiranitti deebitanii akka barsiistan, ijaartan, guddistan ammas daddaballee isin gaafanna…
3. Ardiin Amarikaa,Awurooppaa, Awustiraaliyaa isheen sammuu hayyoota keenyaa bitaa jirtu hayyootaafi qaroowwan keenya gadi nuuf haalakkistu.
4. Mootummaan amma biyya kana bulchaa jirus hayyoota kanaaf waan isaan barbaachisu guuteefi hayyoota keenya yunivarsiitiitti akka nuuf dachaasu dhaloonni kun nifedha/nigaafatas.
5. Dhaloonni amma qixa irra jirrutti saba kenya keessa baane kanaaf falmuu, hojjechuufi carrraaquutu nurraa eegama..

Prof. Asafaa Tafarraa Dibaabaa baga gammadde/baga gammanne..CONGRATULATIONS!!!

Hub. Kana booda innis kitaaba isiniif gulaaluu danda’a. Teessoosaa asafadibaba@gmail.com kanaan baga gammadde jedhanii…baga gammaddan!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …