Oduu Haaraya

Qondaalli Paartii Kongreensii Federaalawa Oromoo tokko mana hidhaa miliquun Awurooppaa seenan.

OMN:Oduu 04,2015 Obboo Abdallaa Qaasim, Dorgomaafi bakka bu’aan Paartii kongrensii fedaraala Oromoo godina Hargee Bahaafi Lixaa mana hidhaatii miliquun biyyaa bahan. Obboo Abdallaan gammoojjii Saharaa fi galaana meditraaniyaanii keessa ce’uun Awuroppaa seenaniiru.
Obbo Abdallaa Qaasim, osoo gara qabsoo paartii KFOtti hin makamiin duratti, waggoottan kudhaa lamaaf hojii poolisummaa hanga qondaalummaatii fi waggoottan sadiniif hojii hoggansaa aanaaleerra hojjataa erga turaniin booda, dhiibbaa mootummaan namoota aantummaa uummataa qabanirraan geessisuurraa kan ka’een, hojii mootummaa dhiisanii qabsoo uummatatti makaman.
Obbo Abdallaan Filannoo baranaa Itoophiyaa keessatti adeemsifameerratti godinaalee Harargee bahaafi Lixaa keessatti Paartii KFO bakka bu’ummaafi dorgomuun hojjachaa turan. Akka isaan jedhanitti, “hujii mootummaa dhiisanii hujii dhuunfaa jalbulle, qabsoo uummaataatiif fala waan hin taaneef, gara paartii KFOtti dabalamuun uummata aanaalee 16 ijaarree mootummaarraa gara galchine” jedhan.
Obbo Abdallaan, ilaalchaa fi ijjannoo siyaasaa isaaniitiif erga doorsifamanii booda, qabamanii mana hidhaa seenanii, achittis dararaa fi reebichi hamaatu irra gahaa ture.Sana booda odoo Mana murtiitti isaanii dhiheessaa jiranii, daandiirratti mana nyaataa keessatti harkaa miliquun biyyaa akka bahan OMN tti himaniiru.
Obbo Abdallaan erga biyyaa bahaniin booda, mootummaan haadha manaa isaanii reebuudhaan ulfa garatti waan miidheef, dahumsarratti sababa sanaan lubbuun isii darbuu gaddaan nuuf ibsaniiru.
Mootummaan Woyyaanee karaa nagaatiin aangoo gadi dhiisuun abjuu waan ta’eef, falli jiru qabsoo hidhanoo jabeessuudha kan jedhan Obbo Abdallaan,Oromoon moora tokkotti deebi’uun akka irra jiraatuufi uummanni Oromoolle iddoo jiruu tokkummaan hafuursee akka ka’uu qabu dhaamaniiru.

Gabaasaan Daani’eel Bariisoo Areerii ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …