Oduu Haaraya

Qooda ofii beekhani hojjachuun guddina fi bilchina sammuuti

Ar’aa keessatti garuu irra caalaan keenya keessattu Oromoni baqannee biyya alaa tana keessa jiru, waa‘ee hirmachuu fi gumaachuu qabsoo bilisummaa Oromo ilaalchisee qooda ofii wallaaluu keenyatu baroota dheeraaf nu jidduutti mumul’ata ture. haali kun immoo Midhaa hamanan jedhamne, qabsoo bilisummaa saba sabaaf godhaa ture keessati fidee jira.ammas hin dhaabanne haali kun akkuma itti fufeeni jira.tanan booda gahe dhaabbachuudha qaba.nutis Qooda keenya beeyne qabsoo teenya bira dhabbachuu qabna akka baqataa biyya alaa tokkotti waan nuraa egamuu hunda gumaachudhan.

wani nuti hanga ammatti Wallaale biyya alaa keessa kan jiru hundi keenya baqataa tahu daganne.garii gariin keenya hoggana qabsoo bilisumma Oromo jenne if yaamna.hoganumma garuu biyyati dirree keessati ifirra lafa keenye bahu keenya, daganne, namni biyya ambaa keessa jiruu hundi qabsoo bilisumma sabaatiif godhamtuu keessati qooni isaa deegaraa tahu qofa natti fakkata.san bira dabree, hoggana miti qabsoo bilisummaa sabatiif miseensa kan tahu dandahu nattin fakkatu.ani gamma kiyyaan namoota Oromoo fi Oromiyaafin qabsaawa jedhee deemu tokko raa rakkon qabu fedhu karaa nagayatin deemaa fedhu karaa humna Afaan qawweetin deema.garuu hoganummaa fi qabsayaa tahun biyyaa Ofii keessati, ummata Ofii keessati tahu qabaadha yaani kiyya. Sani ala nuti hundinu ummata keenyara faganne asi achi ajajjuun qabsodha miti.yoo qabsoo hogganu barbaanne biyya ummata keenya keessa teenye achi as dubbachuudha baqata biyya alaa jiru kan akka keenya kanati.haala kanaan nutis baqatooni qabsoo teenya bira waan nuraa egamuun dhabachuun deegaruun dandayama.lakki akkasi miti asuma biyya alaa keessa ta’eetin sifii ummata biyyallee ajaja yoo kan jedhu jirate dogoggora gudda keessa jira haa sireefatuun jedha.kan jala deemuus waliin halayyaa qileetti deema akka jiru hubachuun barbaachisaadha.

Walumaa galaati hogganii qabsoo teenya gaggeessu biyya keessa jiraate idda boo’oota isaa achira asitti haa nuuf filuu, haa nubeeysisuu.akkasitti yoo deemne sun qabsoodha ykn digoomsa taati hundi waan ittin dhiyneef waan ittin hidhamnneef, ittin tumamneef angoo barbaadun angoratti wal nyachuun hin dhabatuu jechaadha.
Biyyaa alaa keessati baqataan wanni qabaachuu qabu jarmaya hawaasa cimaa kan qabsoo biyya keessati warri saba isaatiif qabsawu godhamtuus tahe waan Oromo ilaalchisu hunda bira dhaabachuuf, waldayaa hawaasa Oromo cimaa kan jaalala, tokkumma, wal qixumma fi sabonummaan guutame qabachuutu fardiidha.yeroo san qabsoo isaa biyya keessa gaggeefamtu yoo jirattees bira dhabachuu dandaya.galatoma.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …