Oduu Haaraya

Oromoo baka du’e itti owalameettillee boqoonaa dhowaacha jiru.

Waalissaa Oromoo Musxafa Harawwee Isaa Dargiitu ajjeesee Woyanen imoo lafee isaa darbuuf qoota jirti.

 

Hararge Bahaa Hammareessa

Bakii owaalcha Oromoo ulfina dhabee lafeen isaa daachii kessatti owalamtee kessaa funanamtee darbamuuf bakii owalcha Oromoo ajaja Motummaa biyattin buldozeraan digaamaa jirachuu isaa oduun Oromia iraa nugahee addesseera.
Maddi Oduu kun akka nuuf mirkaneseetti Oromoiya kessatti lafa oromoon du’e itti owalamee qotamee lafeen isaa osoo hinhafin owalchi isaa digamee hambaan/lafeen dhala nama akka salphaatti darbamuuf tatafiin godhama jiruu yeroo amma mormii ummata nanoon hadhabatu maalee gochaan kun ajaja motumaa nanoon hojetama akka jiru bekameera.
Yeroo amma kana kessa kanaaf fakeenya guudda kan tahu Godina Hararge Bahaa kessa goochaa godhamaa jiruu ragaadha.
Godina Hararge Bahaa Hammareessa bakka jaamtuu keessaati motummaan naannoo hararii Dhozariin osoo qotaajiru lafee Waalissaa Musxafa Harawwee tifi sheekoota kan motummaan dargii ajeese akkanati basa osoo jiru irraati dhaqabamee jira . Hala kana akka inni dhabatu ummanii Oromoo bakka saniti walgaahanii akka hin bassnee dhorkuti jiran .
Haalii kun gutuma Oromiya kessatti saminsa lafa motumaan woyanee rawachaa jiruuf
fakkenya isaa tokko weiti tahu halii kun ummata oromoo jirati qofa osoo hintane baka
du’e inii itti owalameetti ilee boqona dhorkuuf tataffi motumichii agarsisa jiruuf fakkenya gudaa tahuu isaa namotii dhima kana itti dhiyenyaan hordofaan nuuf mirkaneesu.
Waalissaa Musxafa Harawwee saboontota Oromoo harka motumaa Dargiitti waregamaan keessa isaa tokko.
“Isaa Dargiitu ajjeesee Woyanen imoo lafee isaa darbuuf qoota jirti” jeedhe tajabaan tokko.

kan armaan gaditti illaltaan kun Owala/qabrii Waalissaa Oromoo Musxafa Harawweeti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …