Oduu Haaraya

Reeffi baqattoota lammiilee Itoophiyaa 122 ta’u naannoo galaana diimaa (Sanag) tti argamuu isaa (Horse media) gabaaseera.

Baqattoonni kunniin ka’umsa isaanii Somaliland taasisuun gara Yemenii fi biyyoota adda addaa kan imalaa turan baqattoota Itoophiyaa fi Somaliland balaa Dheebuu bishaanii fi nyaata gahaa dhabuun walakkaa galaanatti lubbuun isaanii darbuu danda’eera.

Baqattoota kanneen keessaa lubbuun lammiilee Itoophiyaa 80 ta’an du’arraa hafuun isaanii ibsameera. Mootummaan biyya bulchu guddina ikonomiin biyyattiin guddachaa jirti jedhus lammiileen isaanii ammaan tana balaa baqannaaf saaxilamaa akka jiran ifaadha.

Yabaloonni seeraan ala nama fe’aa jiranis qarqara galaanarratti to’annaa jala ooluun isaanii bulchaan naannoo Sanaaag ahmed abdi ibseera jedha gabaasni (Horse media)

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …