Oduu Haaraya

Saba gabroomfame lubbuu wal galaafachiisuu fi dhiiga walii dhangalaasisuun amala gabroomfataati.

Saba gabroomfame lubbuu wal galaafachiisuu fi dhiiga walii dhangalaasisuun amala gabroomfataati.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromiyaa (ABO)

Ebla 7, 2014

Saba Oromoo fi Lammiilee Oromiyaa akkasuma ollaa Oromiyaa barootaaf nagayaan ummata Oromoo waliin jiraachaa turan, gadaa gabroomfataan Oromiyaa sanacha ofii keessa galfatee kaasee lubbuu kumaantamaa wal galaafachiisu fi qabeenya Biliona hudduun lakkaawumuus barbadeessaa jiraachuun cululuqa galmee seenaa fi arraas gidiraa Sabni Oromoo fi Lammiileen Oromiyaa akkasuma ollaalleen Oromiyaa roga hundaa keessaa jirru.
Saba gabroomee wal galaafachiisuun hidda gabroomfataan kamuu ummata gabroomee keessaa yeroo yeroon diriifatu, hiddi gabroomfataas kan inni dhugee baalli gabrummaa akka lalisu godhuus dhiiga Saba gabroomeeti. Gabrummaan eega taakkaa jettee Oromiyaa dhunfattee kaasee umriin gabroomfataa kan dheeratteen dhiiga Saba Oromoo gosaa,kutaan/qubsumaan, amantiifi booruu aadaa jiruu fi jireenya Oromoo keessatti uumeen akka as gahe wal nama hin gaafachiisu. kan arra Boorana fi Gujii iddutti tahee lubbuu dhibbeentaa fi qabeenya dhamaa jiruu ummata kanaa tahe kan barbadeessaa jiru kanuma.
Dhiigni ilmaan Oromoo kalee shira diinaan wal dhangaalaa fi lubbuu dhibbeentaan wal galaafachiisaa jiru kuni dhiiga gabrummaan ittii jiraattu malee kan gosa takkaaf tola oolee kaan galaafatu akka hin taane sirritti hubatamuu qaba, waliin fixee kan dandamatees galaa godhochuun waan hin shakkamne.
Addi Bilisummaa Oromiyaa gocha diinni Boorana fi Gujii idduttu taasisaa jiru kana gaaga’ama muddachaa jiru gadda guddaa qabna, Shira TPLF kana muddii kutuuf roga hundaan ni hojanna. Hujiin dabballeen diinaa saba keenya keessatti hojachaa jirtu ablee diinni itti kenneen Saba keenya kokkee murtee diinaaf harkaan dhiquun fidhiilee isii guutachuudhaaf bobbaa Oromummaa balleessuu, Aadaa afaan Oromoo hiddaan dhabamsiisuun maqaa lafaa namaa jijjiirruun hakka Sab-bicuun Oromoo irratti duulchisan hin jirretti Oromoo iddutti xurii uumuun hujii gara jabina diinaati.
Maqaa namaa lafaa jijjiiruun kanuma aadefate gabroomsaan maqaa Nageellee Booranaa kan gadaa gabrummaa dura ture gara Kibremengist fi Hagrimariam fatti jijjiiruun lola lubbuu hedduu fi qabeenya barbadeesse kanaaf kan sababa tahe hujii diinummaati. ummanni keenya gama lachuun kuni dhimma dantaa Sabummaa gadii fi dhimma lubbuu qabeenya kamuu itti galaafatamu akka hin tane sirritti hubachuu qaba, lullii akkanaa kan diinni ummata kenya qilee gabrummaa keessaa gadi fageessuu fedhuuf malee eenyuuffuu kan bu’aa hin buufne, garuu hoongoo qabeenya fi dhumaatii lubbuu qofa taha.
Dirmachuun Sabummaa fi dirqamni Lamummaa Ummata keenya ollummaan jirtanii fi sadarkaa Oromiyaati rakkoo Booranaa fi Gujii jiddutti dhalate kana dirmatani furuun itti gaafatama seenaati akka Aadaa hooda gulantaa Oromooti. Buleeyyiin Boorana fi Gujii kan Oromiyaa fi Oromiyaa ala jirtaniis osoo yeroo hin fudhanne lubbuu harcaatuu fi dhiiga dhangalaa jiru akka dandamachiiftan dirama Sabummaa dabarfanna. Dirmachuun lamummaa ilmaan Oromoo hunda, keessattuu kan goblaa diina jala hin jirre dirmannee aadaa Oromoon rakkoo keessaa itti furattuun akka rakkoo kanaaf fala dhooynu gaafanna.
Oromiyaan Ni Bilisoomti!!
Adda Bilisummaa Oromiyaa
Ebla 7, 2014

 
Appeal of Oromia Liberation Front (OLF) to Borana and Guji Oromo communities.
The central committee of Oromia liberation Front (OLF) expresses its utmost sadness for the violence that is taking place between two Oromo communities- the Borana and Guji, which share the painful marginalization of colonial oppression under the minority regime in Ethiopia at war today. It would have been beneficiary if both would have opted to resolve differences through traditional mechanisms than means of weapon of violence. These conflicts that are going on are very mind-numbing and disastrous to national Wellbeing of the entire Oromo nation weakening unity. It is heart breaking to the nation in irreparable manner living with us a dark page of history. We are very much angered by OPDO failure which claims that it represents Oromo people to resolve the problem between the two communities as early on than letting differences grow to the level of blood shade. The entire outcome is making Oromo people gun fodder for colonialist wellbeing.
The murky work of enemy agents has allowed the colonizers wash their hands with the blood of our brothers. It is very frustrating that these two communities failed to address their common challenges by joining force but acted in a manner that is not honorable. It was not necessary to change name of a place as far as it carry an Oromo name. However, change of name is necessary at some points when it is enemy given name such as kibremengist and Hageremariam. The Name of Nagelle Borana does not match the criteria like the above two towns. Therefore, we have taken political position and that would be element of our future administrative policy: that the name to remain Nagelle Borana as it has been for the last over hundreds of years even before enemy occupied Oromia and it is as old as our nation itself and shading blood on something that is irrelevant to affect Oromo interest and Oromummaa is erroneous by its nature.
Secondly, we call up on elders of neighboring Oromo Zones like Bale, Arsi and Central Oromia have full right and responsibility to interfere and stop the fighting to create peace and reconciliation between two bother communities. To our judgment such change has no significant contribution to Oromo cause rather breeds differences and conflicts. We strictly advise any place that bears Oromo name remain unchanged at all times as it has been in the past. The only way out of such irresponsible mistake that is happening between Guji and Borana can only be remedied by honoring the existing names of the past because of psychological impact and most ritual sites of Borana Gada are around the town of Nagelle Borana. The intended change fundamentally rocks the very foundation of the entire Oromo Gada institutions which Guji Oromo is also practicing. Therefore, to protect the Oromo institution and unity we affirm that the change is not necessary and very far from Oromo reality to harbor.
Third, the conflict is caused by shallow minded enemy agents who like to maintain their service to the colonizers. Rural Guji or Borana peasants who are at war with each other now are not the planners of the change or the conflict but they are dragged into conflict by those who desire to execute enemy agenda. We are fully aware that it is the work of agents and enemy murky work to dismantle Oromo unity and rule over divided nation. We know the masterminds of the problem and the executers working for the enemy. Therefore, the best option for both communities is to refrain from conflict which does not serve the best interest of our nation.
To bring this conflict to an end the elders of both communities must have the capacity to sit together and sort out the bitterness that is created by the agents of EPRDF. Secondly. The wise men of Oromia must involve anchoring peace on strong foundation between the two communities.
Lastly, we appeal to elites of Borana and Guji in Diaspora and at home to think in terms of national interest than petty local gains or losses. Without unity freedom is not achievable. By separating Guji from Borana there is nothing to be achieved but much to be lost. The main goal to cause conflict is to close out side access of Oromo struggle by creating differences within communities along the border. Therefore, the conflict is part of EPRDF war declared against entire nation. We strictly assert that those who are demanding the change are not serving the interest of our nation but that of the colonizers. Therefore we will not allow any thing that can compromise our national interests and the destiny of our nation and advise both communities to use maximum restraints and work for peace.
OROMIA SHALL BE FREE!!
April 7, 2014
Oromia liberation Front

Can be reached at
aboromiyaa@gmail.com
sp@oromialiberationfront.net
oa@oromialiberationfront.net

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

3 comments

  1. Yaa Liban Waaqoo, ai dubbii akkanaa kana seenuu silaa baatte gaarii dha. Ati nama sabaaf, gandaaf dhiisii ofiifuu dubbachuu dandayuu miti. Lubbaa namaa hin rakisheesin. Adda Bilisummaa Oromiyaa – what a joke.

  2. Jabadhaa Kayyoon Oromo Oromiyaan Ni Bilisomtiidha nuti Oromoonni Bilisummaa Oromiyaati amanuu isiin waliin jiraa jabaadha ibsa dansaadha