Oduu Haaraya
arafa2013

SADARKAA GUYYAA ARAFAA !!!!!

By: Ammar Sheikh Amin Ibro

Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu…. mata dureen kiyya kan arraa “sadarkaa guyyaa Arafaa” ja’a. osoo oobsaan na hordoftanii hedduu na gammachiisa !!!

Guyyaan Arafaa ji’a zul hijjaa keessaa guyyaa 9ffaa ti. sababni inni maqaa kanaan yaamameef namoonni hujii hajjiirra jiran guyyaa 9ffaa kana waan dirree “Arafa” ja’amtu keessa dhaabbataniifi !! Guyyaan arafaa kun guyyoota rabbiin uume keessaa irra caalaa guyyaati. hadiisa keessatti ergamaan rabbii S.A.W akkana ja’a ” irra caalaan guyyaa guyyaa arafaa ti !!”

Guyyaa Arafaa kana soomanuun dilii waggaa dabree fii kan dhufu namarraa haqa !! hadiisa sahiiha keessatti ergamaan rabbii S.A.W akkana ja’a ” guyyaa Arafaa soomanuun dilii waggaa dabree fii kan waggaa dhufuu namarraa haqa” asirratti wanni beekuu qabdan diliin namarraa haqamtu tun dilii xixiqqoo dha malee gurguddoo miti, diliin gurguddoon Towbaa dhaan malee hin haqamtu !!!
Rabbiin guyyaa Arafaa kana gabroottan isaa hedduu ibiddarraa bilisoomsa !! Ammas guyyaan Arafaa kun guyyaa du’aaiin akkaan keessatti qeebalamtu. Ergamaan rabbii S.A.W akkana ja’a “keyrul du’aai du’aau Arafa” hiikkaan isaa “irra caaltuun du’aaii du’aaii guyyaa Arafaa ti” jechuu dha. tanaafuu du’aaitti jabaachuu qabna. obboleeyyan kiyya !!! hadaraa……du’aaii godhattan keessa na buusuu hin dagatinaa

Hubachiisa !!!!
Namni dilii qabu cufti guyyaa Arafaa soomanuu qaba. An gama kiyyaan waanin dilii hedduu qabuuf jecha soomanuun qaba je’eetin murteessee jira, Ati hoo dilii hin qabduu???? duuba maaliif hin soomanne??
walumaa galatti guyyaan Arafaa kun akka bilaashitti nun dabarre, soomannee du’aaii godhannee bifa bareedaan dabarsuu qabna.
obboleeyyan kiyya !!! hadaraa guyyaan caalaan kun akka nun dabarre !!!!

Yaa rabbi !! nama guyyaa kana keessatti soomanee du’aaii godhatee irraa jaalattee ibiddarraa bilisoomsitu keessatti nu ramadi !!

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …