Oduu Haaraya

SEENAA GABAABAA BOSONATTI BAHUU FII QABAMANII AJJEEFAMUU JENERAAL TADDASAA BIRRUU FAA

Tokkicha Abbaa Milkiin

 
Waan gootota kanaa bal’inaan bareessuuf osuman taa’e yaaduu Aaddee Foolii Gorbaa -haatii Koroneel Hayilu Raggaasaa nadursani.Lubbuun jiraatanii seenaa kana baasuun isaanii bayy’ee nagammachiisse hamilee koo na kakaase.Ammas waaqni dhugaa umrii dheerafi fayyaa isaanii haakennuuf. Issan ilma dhabanii gubachaa wagaa afurtama kana dabarsanii uummanni Oroomoo ammoo erga du’a jara sanaati hooggana dhugaa dhabee hooggana fajajuu fi foorjidii jalatti kufee wagga afurtaman darban kana Taaddasaa fii Hayiluu kumaatamaan lakkaawwaman jalaa wareegamaa har’a gayee.Kuni yoo mirra,qalbii, onnee Oromoo tokkoo hinfonqolchine maaltu fonqolcha laataa? Gara ijoo dubbii kootittan deebi’a:

Jeneraal Taaddasaa Birruu uuggura mootummaan H/Sillaasee irra kaahe jalaa mootummaa Dargiitin dhiifamni godhameefii bahuun isaa ni beekkama.Akkuma uugura irraa baheen qabsootti deebihee ABO ijaaruun Hayyu Duree jaarmichaa ta\’e filatamuu isaas seenaan jaarmichaa hin haalu.Ijaarramuu jaarmiyaa kanaa keessatti hayyoonni MACCAAF TUULAMAA duraanii fii ajejoonni waraanaa dhalootan Giddu gala Oromiyaa(Shawaa) ta\’an jaarmiyaa keessatti baayyinaan aangoo qabachuun saanii kan isaan hingammachiisin qareeyyin (elites) dhalootan naanno Wallaga ta\’an namootni lakkoofsa yertuun -leellistoota Soshaalizimii turan-
( Few Socialist oriented Wel
lega Oromoo elites) mala jarra kana ittin dhabamsiisanii aangoo ittin dhuunfatan qindeeffatanii hojiirra oolchutti ka\’ani.Jarri kuni jaarmiyaa ICAT fii MAESON jedhaman kan tokko tokko keessatti margee daangaan isaaniirre hinbeekamne ijjaarratani Dargii wajjin akka hojjachaa turaniif yeroo sana nama waayee Bilisummaa Oromoo dubbatu akka ajjeesaa yookin ajjeechisiisaa turan seenaa keessa dabarre waan ta\’eef nama nuu qoratee raggaasisu hinfeenu.Garuu, lubbuu Oromoo meeqaatu sababa kanaan harka saanitti darbe kan jedhu qormaata gadi fagoo barbaachisa.

Gara hala ABO keessatti yoon deebi’u jarri kuni kallattiin mormanii adeemasa sana dhaabuu akka hindandeenye waan beekaniif harka lafa jalaatin shirra diigu jalqabani.Raawwiin jalqaba lafaa ittin ka’an “Qaboo Yaa\’i\” jaarmichaa konkolaataa Koroneel Ha\’ilu Raggaasaa keessaa hatanii waan akka basaasota Dargiin fudhatamee fakkeessanii Mangistuutti kennameetti odeessuu jalqabani.Kanaafuu Mangistuun isaan ajjeesuuf akka barbaadaa jiru fakkeessanii hatattamaan akka bosonatti bahan wareersanii manaa baasani.Namoota yeroo san bahan keessaa :

1-Jeneraal Taaddasaa Birruu
2-Koloneel Hayilu Raggaasaa
3-Shaalaqaa Ababaa G/Maaram
4-Dajjaazmaach Kabbadaa Bizunesh (goota bara xaaliyaanii akkas jedhee uummanni sirbaafii ture)
\” Kabbadaa Bizuneshi
Goorotti dachaasee hundumashii
Kabbadaa yaa kabbadaa
Maa akkana goggootaa biyya badaa\”

5-Takluu Tasammaa-dhalataa Meettaa Roobii yoo ta\’u yeroo sana nama bulchaa Ona sanii ta\’ee hojjachaa oso jiru waayee qabsoo kanaa fudhatee nama itti makameedha.
Kana booda itti makamanii naamusaan deemuu dinnaan murtee Jeneraal Taaddasaatin kan of biraa gaggeessan ijoollee abbaa lafaa kan akka:

1.Taayyee Maammoo Sorsuu-kan tsaxitaa H/Sillaasee keessa hojjachaa turee labsii lafaa falmuu ba\’e, abbaan Taayyee Maammo Sursuu bara mootummichaa amma gaafa du\’utitti bulchaa Ona Ada\’a Bargaa kan turedha. Taayyeen naannoo Incinniitti ajjeefame.

2-Ajjamaa Irkoo Bultoo-Kan obboleessi gootota beekkamoo bara Xaaliyaani Garbii Bultoo Hundee Bultoo, Qaalluu guddicha Salaalee kaasee Hanga Bchootti beekamuWalee Bultoo Dhalchu ilma Hirkoo Bultooti.

3. Alamaayyoo Lammaa dhalataa biyyasii ta\’us abban isaa amaara akka ta\’e kan beekamu -Egaa Ajjamaaf Alamaayyoon dargaggeeyyi umriin saanii digdamoota keessa ture yoo ta\’an qabeenyaa lafaa warra saanitin kan jiraatan yoo ta\’u labsii lafaa falmuuf bahanii jaratti makamuu yaalanis jarri yaada saanii laalanii waan ofbiraa gaggeessaniif kophumatti oso sochoo\’anuu uummanni itti marsee rasaasan madeessee erga qabee booda murtii uummataatti dhiheeffamanii kan du\’aan adabamaniifii kan biroollee kan barreessan kuni maqaa saanii hinqabatin keessatti argamu.
Karaa Salaalee ammoo Qanyaazmaach Mulu Hasanuufi namoonni isaaniin hoogganaman akkasumatti bahanii akka turan niyaadatama.

Wanti nama gaddisiisu yeroo kuni hundumtuu dalagamu qophiin tokkoyyuu hintaasifamne.Jarri kuni tasuma ka\’anii harka duwwaa hidhanno malee manaa bahani.Kunis itti yaadamee labsii lafaatin walqabatee akka ta\’u waan sagantaayee hojjatanme fakkaata.Akkuma isaan bahaniin oolee oso hinbulin labsiin lafaa Bitootessa 4/1975 labsame.Kunis kanta\’eef mootummaanillee qabuu dadhabu waan akka labsii lafaa mormuu bahan taasifamee irratti ololuufii qotee bulaan \”lafa argate\”adamsee akka fixu mirkana waan tureefi. Dantaa quba wal hin qabne,garuu galiin irratti kan waliif galame ta’ee argame.

Xiinxaltoonni siyaasaa barasii garuu \”Dargiin labsiocha kan baase itti yaadee sagantaa qabatee oso hinta\’in qabsoo eegalun jarreen kanaa rifachiisee qotee bulaan Oromoo akka isaan hinsimannee fi wajjin hinhirirre taasisuuf \”akka ta\’e irra deddeebi\’ani ibsuun saanii ni yaadatama.(Kanarratti Obbo Zaggayyee Asfaawu waan beekan waan qabaniif dhugaa isaa oso uummata Oromooti ibsanii senaa qulqulluu argachuun ni dandama jedheen amana.)

Gara jaraatti yoo deebinu bahinsa saaniitiif qophiin tokkoyyuu akka hinjirre ,dursanii iddoo qopheeffatan akka hinqabne,wanti hunda calaa nama gaddisiisu meeshaa namtokkeellee of harkaa akka hinqabne barreessan kuni dirree isaan keessa sochoo\’aa turan dhaqee isaan qunnamuun ragaa qabatamaa ijaan argee afaan isaanitirraa odeeffannoo sududaan argatee ture.Namoonni hanga sana bilchaatani qabsoo uummata Oromoo hoogganuuf guurmaahan keessattu kan jaarmiyaa hangafa Oromoo -Walda\’a Maccaaf Tuulamaa hogganaafii gidiraa adda addaa argaa turanii fii hoggantoota waraana ciccimoo kan turan dogoggora akkasii ni hojjatu jedhamee yaaduun nama dhiba.Shiftaan baaddiyyaatuu yoo yakka hojjatee manaa bahu lafa itti of dhoksuu danda\’u dursee itti yaadee meeshaa fi rasaasa gahaa wajjin qopheeffatee baha.Jarri kuni qophiidhuma ammasiitu hinqaban turani. Asirratti isaan dogoggoran jechuu kootii miti, isaan akkuma wal amantii Oromoo jidduu jiruutti warra waan hundumaa isiniif guunnaa akka asitti hinqabamne bahaa jedhaniin sana amananii akka bahan dubbachaa turani.Jarrii garuu, guutifiin hafee garagalaniituu hin ilaalle.Horridhuma galaa ittin godhatanirree akka ergamuuf kan gaafatan oso hinerginiif harkuma firoota isaanii irratti kufanii rakkachaa oso jiranuu akka qabamanii dhuman barreessan kuni quba qaba.Lafti isaan qabsoo kanaa filatanis Godinaa Lixa Shawaa Ona Meettaa Roobii iddoo dhaloota Koloneel Hayluu fi Dajjaazmaach Kabbadaa naannoo gammoojji laga Mogor yoo ta\’u lafa Finfinneeraa km 100 caalaa hinfagaannee dha.Lafti kuni dhuguma qabsoo sanaaf mijataadhaa? Kufaatiin ABO kan duraa sanirraa jalqaba.Uunkuraan ammaa kunis yeroo saniis numa ture.

Akka jarreen yeroo sana dubbachaa turanitti meesha fii loltuun isiniif ergama ,waan barbbaachisu hundumaa isiniif guutama akka asitti hinqabamne hattattamaan bahaa jedhamanii qophii tokko malee akka bahan dubbachaa turani.Loltuun Shaambal Gabbataa nama jedhamuun hoogganamu kumni lama karaa Jalduu bahee akka isaan dhaqqabu akka itti himames dubbachaa turani.Garuu suni hinmul\’anne.Barreessan kuni Jeneraal Taaddasaa fii Koroneel Hayiluu naannoo Shinoo jedhamuutti uummata naannoo sanaatiif kaayyoo saanii ibsanii erga xumuranii booda qunnamuun jarri lachanuu meeshaa waraanaa akka of harkaa hinqabne argee jira.Meeshan waraanaa isaan bira turte M1 Takluu Tassamaa qabatee deemu qofaa akka ta’e hubatee ture.
Sana booda marii adeemsifameen barreessan kuni jara kanatti makamee wajjiin qabsoo adeemsisuuf akka barbaadu yaada dhiheessee ture.Jarri lachanuu garuu akka Finfinneetti deebi\’e barattoota gurmeessee qabsoo siyaasaa eegalchiisuun xalayaa(pamphlet)garagaraa baasuun akka facaasan dirqama itti laachuun gara Finfinneetti deebisan.Dirqama kana yoo kennan qarshiin jaarmichaa kan miseensota irraa guurramme Birrii Toophiyaa $300,000.00 Obbo Darajje Dheerressaa fii Doktor Yohaannis Warqineh harka waan jiruuf isaan ammoo qunnamuun kan danda\’amu karaa nama Obbo Kabbadaa W/Gabriel jedhamu nama mana sagadaa Ortodooksii Isxifaanos jedhamu fuul duratti waajjira dhuunfaa konkolaataa itti kireessan\”Nyala Tours\” jedhamu qabu akka ta\’e ibsanii waraqaa koodiidhaan barreeffame laataniifi qarshii ittin hojjatamu isaanirraa akka fudhamee hojjatamu fii isaaniifis qarshiin ittiin sochoo\’an akka ergamuuf xalayichaan dhaamanii Finfinneetti deebisani.

Barreessan kuni dirqama kana fudhatee akkuma deebi\’een odeeffannoo kana barattoota Yuniversiti Finfinnee tokko tokkotti dabarsee odeeffannichi babal\’atee gaaffin waan dhufeef walgayiin lafa-jalaa mooraa 6 kiiloo keessatti adeemsifame.Namoota walgayii kanarratti argaman keessaa barreessan kuni kan amma yaadachuu danda\’u-Abboomaa Mitikkuu, Mitikkuu Tarfaasaa, Yohaanis Bantii (Galaasaa), Dambii Disaasaa, Abdataa Guutamaa,kanneen har\’a biyya keessa jiran maqaa isaanii asitti dhahuun balaa irran gahuu danda\’u fii kan biroollee barattoota hedduutu qooda fudhate.

Haala kanarratti halkan guutuu mariin adeemsifamaa bulee wanti irra gahame koreen ijaarramee barattoota gurmeessuun gareen tokko bosona dhaquun jaratti makamee qotee bulaa keessa seenuun hojii siyaasaa akka hojjatuuf gareen biraa ammoo Finfinnee keessatti hojii siyaasaa akka hojjatu walii galamee. Garee isa bosonatti bobba\’u hoogganuuf murataan namaa Abboomaan fedhii saatiin dirqama fudhatee, garee sanas barreessan kuni geessee akka jaraan walqunnamsiisu dirqamni laatameefii qophii barbaachiisaa xumurree bultii gabaabaa keessatti walitti deebi\’uuf murtaayee addaan baane.

Barreessan kuni akka walii galametti dirqama saa bahuuf egaa turullee nama deebi\’e isa qunnamu waan dhabeef namoota murtee sana dabarsan tokko tokko barbaadee dubbisuyyuu dubbin akka gaafa walgayichaa ta\’uu didde.Jarri gaafas dhaadatanis sagalee qabbanaawafii jibbaan yeroodhaf qophiin taasifame waan hinjirreef homaa gochuu hindandeenyu jechuun waadaa saanii diigani.Sana booda barreessaa kana karaattuu yoo argan dubbisu lagatan.Egaa dhugaan jiru barattooni suni duraa yoo akkasitti dhaadatan kiyyoo jaraaf kiyyeeffame iccitii isaa hinbarre turani. Hojii kana hojjachuuf warra saaniitin yoo mari\’atan garuu akka adabatanii taa\’an waan itti himameef of duuba garagalani.

Yeroo dheerra oso hinturin qarqaarsuma sab-gantoota Oromootin Jeneraal Taaddasaani fi Koroneel Hayiluun qabamanii duuti itti murtaayee jechuun yoo ajjeeffaman Taklu Tasammaa gaafuma isaan qabaman jagnummaan irratti lolaa ture loluma sanarratti wareegame.Dajjazmaach Kabbadaan Shaalaqaa Abbabaa waliin ta\’un hafanii lola hedduu akka adeemsisaa turan barreessan kuni quba qaba.Dajjazmaach Kabbadaan wagga ja\’af dargii cinqaa turee booda akka wareegame nibeekkama.Waa\’e Shaalaqaa Abbabaa garuu ergasii barreessan kuni waan dhagaye hinqabu.Qanyazmaach Mulu Hasanuufi hordoftoonni isaaniis lola hedduu adeemsisuun Dargii muddaa turanii boodarratti wareegamanii jiru.

Egaa kuni hundumtuu ta\’uu kan danda\’e shiira gareen olitti tuqe xaxeen akka ta\’e namoonni ragaa bahan jiraachuu ni malu jedheen yaada.Aadde Fooliin hanguma beekan Jaagamaatu gane jedhan malee dubbin gara biraa jirti .Dhuguma Jaagamaan harka keessa hinqabu jechaa miti. Tarii bobbaan Shaambal Gabbataa fii loltoota 2,000 waan isa laallattu natti fakkaatti.
Hundumaafuu SIIDDAAN UUMMATA OROMOO TAADDASAA BIRRUU FII GOTOTA BOBA\’AN kan akka HAYILU RAGGASAA akkasitti wareegamanii .

Obboleeyyan koo ijaa qalbiirraa nahambisaa. Waan garii iciiti dhimma sabaa olaanaa ilaaluu wajjiin du’uleen numa jiraata. Haata’u malee namootni yertuun bara baraan qabsoo bilisummaa Oromoo gootni meeqa akka itti wareegame beekaamaa ta’ee osoo jiruu, namootumaan yertuun kufaatii keenyaaf ka’insa irraa sababaa ta’an eenyuffa akka ta’an osoo beeknu calliisaa ture. Yoo dubane badii kana caaluu fidaa laata jechuun caliisne. Kan na aarsee waa jechuu barbaade namootni du’an silaahuu du’an, kanneen lubbuun jiran ammo badii balleessan kana irraa barachuu fi uummata Oromoo dhiiffama gaafachuun hafee badii sadaffaa jalqabu isaaniitti. Ammas Kanatti fuftee maal hojjette jechuun keessan ni malaa ,kanalee haala isaa laaleen ittfufa.

Oromiyaan ni bilisoomtii !!!

Tokkicha Abbaa Milkii
bariitee@ymail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …