Raggaasaa jimmaa ykn Hussein Abbaa Bulguu goota Oromoo dhaloota naannoo jimmaa ti. Bara chaartaraa WBOtti dabalame. 1991 irraa kaasee hanga ABOn chaartara Mootummaa Cehumsaa keessaa bahutti waajjira ABO Jijjigaa keessa ture. Yeroo kanatti dirqama itti kenname hundaa hamilee fi gootummaa raawwachaa nama ture, fakkeenya dhugaa qabsaawotaa tahee kan jaallan hamilchisee dha.
Chaartara keessaa yeroo bahamu, waajjira keessa ture hanga dhumaatti ittisee loltoota Wayyaanee hedduu erga galaafatee booda humnaa isaatii ala tahe bakka isaa gadi dhiisee WBO barbaacha lafa dhalootaan hin beeknee fi keessatti hin gudatin keessa, yeroo diinni ABO dhabamsiisuuf akka mixiitti dachee guute, keessattuu namni dhalootaan lafa beekkamu hin himannee fi loqodaan adda tahe socho’uu hin dandeenye keessatti ajaja WBO yeroo sanatti Zoonii Jaarsoo jedhu qunname. Kana dura garuu, yeroo chaarta keessaa bahan waraanni bilisummaa Oromoo hedduun waan wal-hin beekneef bakka hedduutti waan shakkaniif humna itti dabalamu dhabee lafa hedduu keessa naanna’aa ture. Dhuma irratti goota akka isaa jaala Baazuqaa jedhamuun walitti bahan. Akkuma namoota biroo [ajajoota] shakkus, nama Oromoof qabsaa’a jedhutti waan garaa jabaatu dadhabeef waraanatti dabalee addatti akka wal hin ganne waadaa waliif seenan. 1991-92 humni OPDO irra guddaan dhaloota booji’amtoota waranaa Dargii fi akka carraa seenaa tahee dhalootanis Oromoota naanno murtaa’e keessaa bahan waan taheef loqodaan naannoo yoo hin fakkaatin takka ammoo namoota waraana keessatti beekkam akka gaariitti ibsuu deeggartoota beektu yoo hin qabaanne,waraana ykn miseensota si beekan yoo hin argatin humna WBOtiin takka addaan baatu itti deebi’uun rakkisaa ture.
Faca’iinsa 1992 booda Zoonii kana deebisanii ijaaruuf ummata biratti of dhageessisuun barbaachisaa ture. Kanaaf socho’anii ummata ijaaruu fi diinota rukutuu akkasumas qabeenya dhaabaa faffaca’e walitti qabuun fardii tahe. Jaallan isaa waliin lola addaan hin cinne godhuu fi dirqama qabsoo hunda bahuun qooda jaal raggaasaan gammachuun fudhatuu dha. Amalli isaa nama hedduu hin dubbanne fi nama tuttuqaa hin jaalanne, haasaa ifaa fi qulqullina jaallan isaa irraa eeguudha. Lolli gaafa dhalate nama hunda dura of aansu takkaa jaallan isaa irraa baqatee hin beeknee fi diinaaf mataa isaa gad hin qabannee dha.
Jaallan hedduu waliin dabarse keessaa seenaa isaa adda godhee kan fudhadheef, jaal Raggaasaan gootummaa addaa inni agarsiisaa tureefi. Tooftaa lolaa keessatti bakka rasaasa irraa nama dahuu fi akka gaarii diina itti barbadeessuu nama dandeessisu qabachuun barbaachisaa dha. Kan Jaal raggaasaa adda godhu, lola keessatti takkaa gadi-taa’ee dhukaasuu dhabuu fi lubbuu isaatiif xinnollee nama hin yaaddofne goota goota caalu tahuu isaa ti.
Harka diinaa seenuu
Dhuma 1993 keessa lola irratti harka diinaa seene. Naannoo itti lolaa turan kan diinaan marfame waan ta’eef rasaasni tokko dhuka’u diinni yeroo gabaabaa keessatti bakka sadi- afurii walii birmatee humna keenya marsa. Lolli bakki itti tahe naannoo Kombolchaa [harargee] qubsuma diinaa ejersa Gooroo, Malkaa raafuu fi Odaa gidduutti. Lola hedduu oowwa erga godhanii diina lakkobsaan hedduu tahan barbadeessan booda humnaa isaanii oltahee humni WBO faca’a. Inni kan dhukaasaa ture, qawwee PKM [machine gun]waan ture. Lola keessaa qofaa isaa duubatti hafee bahe. Hanga tokko deemee, qawwee baatee qofa isaa guyyaadhaan dirree keessa deemuun waan itti hin tolleef ykn gaaga’aa waan ta’eef qawwee addaan hiikee awwaaluu [akka waraanni jedhutti “istooree”] halkan eeggatee deggartoota keenyaan gargaaramee humantti deebi’uu murteeffate. Isaa qawwee addaan hiikaa jiru diinni waliif birmatu osoo inni hin argun magaalaa Ejersa Gooroo irraa dhufu irra bahee toohannoo diinaa jala oolee. Diinni qabee caampii Waraanaa Malkaa Raafuu ykn Magaalaa Kombolchaa geesse. Harka duubatti hidhanii mana hidhaatti darban. Jaal Raaggaasaan garuu harka hin kennine. Ammas akkuma hidhannoo isaa hidhatetti jira. Hidhannoon isaa muratnoo isaa yoggayyuu diina Oromoo ajjeesuuf qabuu fi qabsoo Oromoo hanga guyyaa wareegamuutti itti fufuu ture. Guyyaa guutuu yaadaa oole, akkamitti akka diina harkaa bahee jaallan isaatti dabalamu. Diinnis ammoo waan iisheen gaafatu deebisuu waan dideef dukkana keessa lubbuu isaa qisaasuuf saa’aa lakkaawachaa jirti. Yeroo xinnoo dukkanaa’u waan godhuu danda’u hundaa erga mataatti guuttatee booda mana fincaanii na geessaa jedheen. Guyyaa garuu hidhaa harkaa of-irraa ciree akka hin beekkamne harka duubatti dachaasee [akkuma hidhaa jiru fakkeessee] ala na baasaa jedheen. Yeroo bakka fincaanii gahu harki kiyya hidhaadhaa Ziippii kofoo narraa furi jedhee wardiyaa qawwee nyaachifatee duuba deemu gaafate. Yeroo waardiyichi gadi jedhu jilbaan qoffee rukutee lafa buusee qawwee isaa butatee dallaa shiboon ijaarame utaalee bahe. Qawwee fannoo shiboon qabee baafachuu dahdabee inni nagaan bahe. Kan nama raaju, j. Raggaasaan yommu gootummaa akkanaatiin diina galaafatee hidhaa cabsee bahu, diinaan akka malee reebamee golgaan lafee isaa caphaa fi duugdi isaa akkasumas qaamni isaa hundi bututaa ture. Kan kan hubatnuun achii bahee ji’a tokkoo ol deeggartoota keenya biratti erga tajaajilamee qofa kan inni deebisee hidhannoo isaa hunda caalaa jaalatu kan fannifachuu danda’e.