Oduu Haaraya

Tamsaasni OMN gama Saatlaayititiin darbu ,Adoolessaa 1 bara 2015 irraa kaasee Uggurame.

OMN: Oduu Adol.01,2015 Tamsaasni OMN adda cite kana qilleensa irratti deebisuuf, bulchiinsi fi hojjetonni dhaabbatichaa ciminaan hojjechaa waan jiraniif Ummanni akka obsaan eegatu Daarektarri OMN obbo Jawaar Mohammad gaafataniiru.

kaampaanii saataliyitii wabeeffachuun, Obbo Jawaara odeeffannoo nuuf kennaniin, OMN’n qilleensarra buusuuf, yaaliin yeroo dheeraaf godhamaa turuusaa eeranii,wayita ammaa Adooleessaa 1 bara 2015, Roobii ganama Saatii 8 irra egalee, akka uggurame himaniiru.

Qaamni tamsaasa kana uggure eenyu akka tahe hanga ammaatti waanti ifa ta’e yoo hin jiraannes, muuxannoo kana dura tureen, mootummaan Itoophiyaa harka keessaa qabaachuu akka hin oolle Daarekitariin OMN obbo Jawar Mohammad kan ibsan.

OMN kanaan duras yeroo sadetiif akka uggurame kan himan obbo Jawar dhimmichi qoratamee akkuma beekameen,yeroo gababaa keessatti gara qilleensatti deebi’uuf Bulchiinsi OMN ciminaan hojjechaa jira.

Bu’aa ba’ii hedduu booda kan hundeeffame OMN, sagalee Ummataa akka itti hinfufne wanni godhu gonkumaa hin jiraatu.Akka salphaatti qilleensaa irra dhabama jechuunis abjuu dha kan jedhan Daarektarri kun, yeroo dhihoo keessatti dabalataan tamsaasni raadiyoo akka eegaluu dubbataniiru.Hanga rakkinni uumame kun furamutti karaa Marsaa Internetaa fi miidiyaalee hawwsatiin OMN akka hordofanis dhaamaniiru.

Alamaayyoo Qannaatu gabaase.

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …