Oduu Haaraya

Haqa Falmachuuf Dirqama Qabna!!

Kadiro Elemotiin
Yaa obboleeyyan, nagayaa qabdu? Mammaksa Soomaalii kan Muummichi Ministeera Toophiyaa durii jedhu yaadattu, “Wushochu yichowallu, gimelu gizowun qetilewal?” Kana maaliif akka inni jedhe beektanii? Tokkoffaa tuffifii jedha. Lamaffaa, nuttu murtiin murtoofte eeggate waca. Duta. Warri Oromiyaa (OPDO) waan hedduu iraa eeguu hin qabnu. OPDOn meeshaa TPLF ti. Na hubadhaa, sabboontonni Oromoo achi keessa hin jiran hin jenne. Haala amma jiruun, isaanilleen, woma godhu hin dandayan. Dhaabichi angoofi dandeettii bu’aa Oromoofi sabaafi sablammoota Oromiyaa keessa qubatan tiksuu hin qabu. Ammaaf, OPDOn Wayyaaneen socho’aa. Somba warraan hafuura baafata. Mataa warraan yaada. Ofiin hin bulan. Uummata bulchuu dandayaanii ree? OPDOn, dhimma Oromiyaa gubbaatti abbummaafi olaantummaa hin qabu. Aangoo hin qabu. Humnas hin qabu. Humna qabanillee itti fayyadamu ni sodaatu. Kun jechuun Oromiyaa gargaaruuf fedhii hin qaban jechuu miti. Fedhiis ibsachuu ni sodaatu.

Kanaaf, guyyaa siidaa Aanolee OPDOn eebbisetti, barattoota hedduu Wayyaaneen hidheef. Kanaaf, guyyaa genocide Miniilik balleeffanutti, Wayyaaneen murtii genocide biraa Oromoo naannoo Finfinnee gubbaatti dabarseef. Nu Oromoon dubbii haqaa sodaatuu hin qabnu. Lafa nama hin gaafannee. Qabeenyaa nama hin mormannee. Kan nama hin kajeelluu. Keenyaa nurraa hin saaminaa jenneen. Nu saamuuf jettan uummata lafaa hin fixinaa jenneen. Keenyaa wajjin haa nyaannuu jechaa jirra. Biyya keenyaa hin qubatinaa hin jennee, nagayaan wallin haa qubannuu jenneen. Ofii qubachuuf jettanii, uummata keenyaa hin buqqisinaa jechaa jirra. Gaafiin keenyaa, gaafii mirgaati. Gaafii haqaati. Gaafii mirgaa gaafachuuf sodaachuu hin qabnu. Libsachuu hin barbaachisuu. Gaafii haqaa hin sodaatinaa, Oromoo. Kun gaafii nama cufaati. Dhugaan, ka Waaqa jedha Oromoon durii. Dhugaa namu eeguu qabaa. Namuu tissue qabaa. Kun dhugaa Islaamaati, kan Kiristaanaati, Waaqeffataati. Haqaa nama cufaati.

Nama haqni irraa jallatee, kan haqa dhabe, ka dabsan maraa biraa dhaabbachuu dirqama Oromooti. Haqni uummata Soomaalii gaafii keenyaa. Kan Dhaasanach gaafii keenyaa. Kan Gaambeellaalleen akkasuma. Gaafiin haqaa kan uummata Tigraayilleen, kan Amaaraalleen gaafii keenyaa. Gaafii mirgaa, ka dhugaa cufa deeggaruu qabna. Sun ammoo, mirgaallee, dirqamallee. Yoo firaa guddifannee, injifanna. Moo’anna! Dabsanna! Gaafiin Finfinnee gaafii mirgaa kan uummata cufa laaluu. Gaafii haqaatillee. Sodaatuu hin qabnu. Callisuu hin qabnu. Falmachuu qabna. Iyyachuu qabna. Yookin, gaaloonni kutanii, sareeleen dutanii jedhanii nutti qoosan. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, baratoonni, barsiistoonni, shamarraan, maanguuddoonni iyyachuu qabna. Oromiyaan nu malee woma hin qabdu. Finfinneelleen akkasuma. Iyyadhaa, ammas iyyadhaa. Gurmaayaa, ammas gurmaayaa. Ijaaramaa, ammallee ijaaramaa. Badhaasoo, nagayaa nu guuti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …