Oduu Haaraya

Tokkummaa maqaa ABO jijjiiramaatin labsame ilaalchisee Ibsa ABO B/G/Kamaal Galchuun durfamu irraa keename.

 

Dimshaashatti dhaabni keenna ABOn tokkummaan dhugaa (tokkummaa haqaa) dhaabotii Oromo yookaan humnoota siyaasaa Oromoo  jiddutti tolfamu kamuu ni deeggara, ni tin’isa.

Tokkummaan sabni keenya gaafachaa/hawwaa  jiru tokkummaa nam tokkee fi nam lameen  ittin uf dhaadhessan osoo hin taane tokkummaa haqaa dhaabota hujiidhaan ummata keessa jiran jidutti tolfamuu fi qabsoo Oromoo uf dura tarkaanfachiisu danad’u arguudha.

Dhaaba keenna ABO dhaaf tokkummaan haqaa (dhugaa) kan qabsaayota Oromo fi dhaabota siyaasaa Oromo jidutti tolfamu tooftaa deegarsa rakisha ittiin barbaadan osoo hin taane ijannoo tarsiimoti.

Akkuma miseensonni, deegartoonni fi ummanni keenya hundi hubatu ABO jijjiiramaa dhaaba biyya keessaa fi alaa akkasumas biyyoota ollaa keessaa jaarmaya beekkamaa qabuu fi diree falmmaa keessayis waraana diina waliin kokkee wal qabee wareegama ol’aanaa baasaa jiru uf jalatti ijaaree socho’aa jiruudha. Jaarmayaan kunis HD ABO B/G/Kamaal Galchuun durfamaa jira.

Kan kana irraa hafe nam tokkee fi nam lameen sirna dhaabaa cabsudhaan dhaaba keessa moggatti uf baasanii fi dhaabnni uf keessaa baase walitti dhufuudhaan maqaa ABO jijjiramaa moggafaachuun ummata Oromoo afaanfajjesuu fi burjaajessuuf tokkummaa dharaa labsuun qabsoo Oromotif bu’aan inni fidu hin jiraatu.

ABOn B/G/Kamaal Galchuun durfamu tokkummaan haqaa kan dhufu dhaabotii Oromo lafairra jiran kan miseensaa fi deegarsa ummataa qaban yoo dhugaa irratti hundaayanii walitti dhufan qofa jedhee amana.

Kanaaf, tokkummaa dhiheenya kana maqaa ABO jijjiiramaan namootin dhunfaa (akka Dr. Nuro Dadafoo) labsan kan namoota ji’oota muraasa dura dhaaba irraa moggatti uf baasaniin labsame akka ta’ee fi dhaabnni keeyna ABOn B/G/Kamaal Galchuun hooganamu tokkumaa labsame kana keessaa qooda kan hin qabne ta’uu miseensota, deegartootaa fi ummata keenyaaf ifa goona.

Waajira – HD ABO

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …