Oduu Haaraya

TOOFTAA HOJJATTOONNI MOOTUMMAA QABSOO KEESSATTI HIRMAACHUU DANDA’AN

 

Ilmaan Oromoo hedduun daa’immaan guddifachuuf jecha osoo hin fedhin mootummaa kanaan mindeeffamanii hojjachaa jiraachuun ni beekama.Maddi galii isaanii mootummaa waan ta’eef garaan isaanii qabsoo Oromoo bira osoo jiruu ifatti bayanii mormuuf ni rakkatu. Kana jechuun garuu tooftaan osoo hojii ofii hin gaaga’inif hirmaannaan isaanii irratti hin beekamin qabsoo keessatti ittiin hirmaatan hin jiru jechuu miti. Tooftaalee hojjattoonni waajjiroota sirna abbaa irree keessa hojjatan qabsotti hirmaataniin keessaa tokko hojii laaffisuu ( procrastination) dha. Fakkeenyaaf gaafa nagayaa barreessittuun ( secretary) takka waraqaa fuula lamaa barreessitee fixuuf sa’a takka yoo itti fixe amma harkifachuun sa’a lama tursiisuu. Shooferri waajjira mootummaa tokko Finfinneerraa meesha fe’ee Adaabbaa dhaquuf guyyaa tokko yoo itti fudhate, sababa uumee karaa buluun guyyaa lama balleessuudha. Yookin ammoo waan hojjatanirratti dogongoroota hoojii hinqisan uumaa deemuunis tooftaa biraati. Dubbiin isiniif galtee mii?

Kun akkamiin mootummaa miidha seetan. Mootummaa jechuun akka makiinaa fe’iinsaati. Biyya cunqursee bulchuudhaaf goommaan, buloonni, mariin, maarshiin, daaw’itiin hundi akka tolfamanitti hojjachuun dirqama. Biloonni keessaa laaffataa yoo deemu, goommaan yoo uratu, mariin yoo goggogu makiinaan sirnaan deemuu dadhaba, boodas dhhabbata ykn harca’a. Mootummaanis ummata cunqursuuf hojjattooni saffisaafi haala barbaachisaa ta’een dalaguun murteessaadha. Kun ta’uu baatee hojjataan bakkuma jiru waan itti jiru yoo laaffise, humni sirnichi itti biyya cunqurse bulchu laafaa deema.

Tooftaan kun bu’a qebeessa yoo ta’u hirmaattota miidhaaf hin saaxilu ( effective and low risk tact) jedhama.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …