Oduu Haaraya

Toophiyaa keessatti Kan akka Orthodox qabeenya qabu hin jiru

Biyya biraatti manneen amantii….

– Dhaabbata gargaarsa adda addaa tolchanii hiyyeessa gargaaru,

– Hospital adda addaa hundeessanii dhukkubsataa wal’aanu,

University adda addaa ijaaranii nama itti barsiisu,

– Gaafa balaan, hoongeen uumamaa ummata biyyaa rukutu donation adda addaa taasisanii ummata gargaaru,

Manni amantii Ethiopia kamtu waan akkanaa raawwata?

Seventh Day Adventist college fi hospital wayii qabdi. Catholic ammoo hospital hanga ta’e qabdi.

Kana irraan kan hafe homaa hin jiran.

Toophiyaa keessatti Kan akka Orthodox qabeenya qabu hin jiru. Maybe Africa keessatti Manni amantii qabeenya hanga orthodox qabu hin jiru. Zamana HayileSillase 2/3ffaan lafa Ethiopia seeraan kan Orthodox ture. Orthodox amantii mootummaa ture. Bulchiinsa siyaasaa keessas turan. Minister barnootaa zamana HaileSillase mana amantii Orthodox ture. Booda naannoo bara 1938 keessa faranjiin HaileSillasie dhiibdee akka minstrummaa mana amantii dhaabu goote.

Orthodox qabeenya guddaa waggaa 1000 oli qabdi. Fooqiin Finfinnetti argitan baay’een isaanii Kan orthodox ti. Finfinnee keessa fageenya KM 4 haa ta’uu 6n fooqii fi bataskaana orthodoxtu jira. Fooqiin kuni hundi daldala addaatu irratti gaggeeffama. Waggaatti birrii billion heddutu irraa argama. Maallaqni bataskaana kanaa waggaa 10 dura billion 30tu commercial bank of Ethiopia ture jedhama.

Finfinnee keessaa ammoo yoo baane, Qullubbii Gabriel irraa waggaatti birrii billionatu argama. Woliso keessaa ammoo zaafii guddaatu jira. Gaafa ciranii gurguran zaafiin suni maallaqa million hedduutu irraa argama.

Garuu qabeenya kana eenyutu irraa fayyadamaa jira? Hospital ummata fayyadu hin ijaarre. Hiyyeessa hin gargaarre. University ummata fayyadu hin ijaarre. Kan irraa fayyadamaa jiru beekkamaa dha. Daniel Kibret fa’a, Goojjee maqaa qeesii qabdu fa’a…

Hundeen qabeenya kanaa 90% oli Oromiyaa dha!

Abbootiin keenya kana hubatanii hudhanii qabaniiru!!

Bira dhaabbanna hanga dhumaa!!

Maddi: Babsa Tula Sooshaal meediyaa

[youtube-feed feed=1]

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *