Oduu Haaraya

Toophiyaa keessatti sababa hongeetiin beeladoonni hedduun dhumaa jiran.

OMN:Oduu Haga.10,2015 . Oromia Media Network

Itoophiyaa bakkeewwan adda addaa keessatti dhabamuu roobaa irra kan ka’e loowwan fi beeladonni hedduun dhumaa jiraachuun Asoosheetid piress gabaase.
Mootummaan Itoophiyaa balaa gahaa jiru kana goggiinsa jedhe yoo waames Haallii beela fi dhumaatii beeladotaa Itoophiyaa kaaabaa kaaba bahaa fi Baha biyyatitti gahaa jiru hedduu yaadeessa akka ta’e beeksiseera.

Asoosheetid piressi konkolaachiftootaa fi jiraatoota dubbisuun akka gabaasetti Magaalaa Finfinnee tii hanga Hanga Naannoo Afar Maggaala Samaraatti loowwann kumaan lakka’aman nyaata fi bishaanii dhugaatii waan dhabaniif daandii irratti kukkufanii argamu jedheera.

Dubbi himaan Ministira Qonna biyyattii Wondimu Filatee gama isaaniin balaa gahe kana yoo haalu baatanis Mootummaan miidhaan gahaa kuusa keessa akka qabu himanii qonnaan bultoonnis akka miidhaan gogiinsa dandamtu oomishaniif gargaarsa adda adda kennaa jiraachuu himan.

Jijjiramni haala qilleensaa Itoophiyaa keessatti gahaa jiru qonnaan bultoota Itoophiyaa lafa xixxiqaa irratti oomishaniif baayyee ulfaataa akka ta’e gabaasi kun ni mullisa.
Itoophiyaa keessatti bokkaa roobuu qofaa eegachuun Omiishni adda addaa kan oomishamu akka ta’e beekamaa dha kan jedhe Asoosheetid Piress haa ta’u malee diinagdeen biyyattii qonna irratti kan hundaa’ee dha. Lammiileen Itoophiyaa dhibeentaa 85 qonnaan bultootaa yemmuu ta’an Omishaa waliigalaa biyyattii GDP dhaaf dhibeentaa 45 kan gummaachuu dha.

Hongee fi Gogiinsa bara baraan deddebi’ee yemmuu akkasitti ka’u Omishaa fi Beeladoota irraan balaa hamaa gahuu irra darbee diinagdee biyyatti akka miidhu kan gabaase Maddeewwan Oduu US news fi Asoosheetid Pirees.

Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …