Oduu Haaraya

Barataa Oromo kan fannifame reeffi ganama argame

 

Quba qabduu yaa lammii koo??

Barataa Universty walloo kaanbaasii dasee dirree kubbaa miilaa keessatti fannifamee reeffi isaa argame kun maqaan isaa ‪#‎Rabbirraa‬ Biloo jedhama
Iddoon dhaloota isaa ‪#‎shaggar‬ dhiyaa aanaa Gindabaratti dhalate

Garuu akkuma kutaa kudha lama xumuretti qabxii gaarii fiduudhan gara unv.walloo kaanbaasii dasee gahee muummee barnoota Health Science barataa waggaa 1 ture garuu barataan kun sabboonaa fi barataa cimaa waan taheef eenyummaa saba ofiitin boonaa fi harka alagaa jalatti kan hin kufne nama sabaaf dhaabbatu ture Mootummaan wayyaanee garuu waan cimina isaa argiteef barataa kaba gaafa kibxata caamsaa #04 bara #2015 rarraaftee ajjeeftee ganama reeffa isaa akkuma ajjeefteen biraa deemte ijoolleen oromoo akkuma dhabaniin polisii moorichatti beeksisanii ganama barbaadurra gadi taa’an garuu waan isaan hin eeginitu isaan qunname Osomaa hin fagaatin achuma dirree kubbatti isaa fannifamee rarra’u arginaan polisii fi bulchiinsa unverstitti beeksisan Bulchiinsis homaa hin dubbanne garuu ijoollen oromoo reeffi barataa kanaa qoratamuu qaba jennaan Mootummaa fi bulchiibsi unvaristii wallos yoo maqaletti ykn Hospitaala minilikitti qoratame malee iddoo biratti qoratamuu dhoorganii jennaan reeffi barataa kanaa osoo hin qoratamin gara maatii isatti galfame

Yaa lammii koo walquba qabnaa???

Diinni keenya durii fi harras nu jalaa gafaa hin jiru maaloo maaloo maal waliif taana??

Hamma yoomitti teenyee haga mana keenyaa nu guuran eeyna

Yaa lammii koo nutu tafaa jira malee diinni keenta rafaa hin jiruu beeki

Gaafa ati firaasha gaarii bitadhe jettee irratti olbaate diinni kee akka si jala jiru hin dagatin

Yaa lammii koo harka walqabadhuu ka’i

Gadaan gadaa bilisummaati

Maal eeyda ree?
Diinni faana sabaa akka dhahaa jiru beekuu qabna

Falmannee lollee ofirraa kaasuu qabna

Maaloo haga yoomii wal awwaalaa oolla?

Maaloo haga yoomii alagaan OPDOn waltaatee dhiiga keenya xuuxxi

Wayyoo wayyoo wayooo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …