Aanaan Zuwaay Dugdaa Godina Arsii qarqaraa haroo dambalii dheerina naannawa harichaa walakkaa ol irra naannofte tan argamtu fi lagni kataar aanicha wallakkatti kutee kan darbu dha. Finfinnee irraa kiloomeetira naanno 150 irratti argamti. magaalli guddoon aanatti ogolchoo jedhamti.
Aanaan kun bahaan Aana xiyyoo(Asallaa), dhihaan Aanaa Adaami Tulluu jiddoo kombolchaa(hara Dambalii ), kaabaan Aaana Heexosaa(Itayya), Kaaba dhihaan Aana dugdaa fii Aanaa Boorra (Maqii ), kibbaan Aana Arsii nageellee fi muunessaa daangoftee kan argamuu yoo tau, ballinni lafa aanicha kiloomeetir iskuweeri 1269 , qilleensi aanicha Gammoojjii giddu galeessa fi gogaa, teessumni lafaa diriiraa yoo tau aanattiin guutumatti SULULA QIINXAMAA GUDDICHA keessatti argamti. baayinni ummataa aanichaa 150,000 kan tilmamudha . odeefanno aanattii kan sirritti ibsuu barbaadeef sila aana tana MOTUMMAA qofa moo ummatummatu hin bakne kan jedhu irra shakkii waan godheef .
Yeroo ammaa hongee ykn caama rooba bara kana keessaa muudateen lafti daanga aanicha keessati argamu guutumaan guututti midhaan irraa dhabamee jira. Aana kana bara darbe bara 2014 (2007) illee oomishni isaa kan baayyee gadi bue ykn wallakka lafa aanichaa ol irraa kan bade dha. Yeroo ammaa kana ummanni 150,000 tti tilmaamamu beelaan darara gudda keessa akka jiru waan ofii koo keessaa jiraadhe argaa jiruudha.
Umanni bara dheengadda(2014) gara bulchiinsa aanatti rakkoo(beela) isaa kan deddeebi’ee gabaase yoo tau ; bulchiinsi aanicha amma yeroon kan misoomatti, biyyattiin jijjiramtee jirti nuti baruma hunda beela himachu hin qabnu jechuudhaan irra fuudhuu kan dideefi umanni akkasumatti loon(beeylada) isaa gurgurataa, kan loon hin qabne bosona ciree cilee fi qoraan gurgurata, guyyatti yeroo tokko nyaata gaaf dhabe qooqa bulaa, bara dhufu nuuf dabara(midhaan nuuf gaya) jedha abdii isaa nyaacha kan ture yoo tauu barri itti aanus isaa duraatu hanqatee hongeen takku arganii hin beekne isaan muudatee abdiin itti dukkanooftee jirti.
Fakkii magaala ogolchoo bakka ummatni cileen itti gurguratu ilaala
Umanni bara kanas(2015) amma nuttu jabaatte dubbiin akka duriimi akka biri jechuudhan ganamaafi galgala motummaa tti iyyaannoo isaani dhiyeessaa kan turan yoo tau kaabinootni DHDUO iyannoo ummataa of cinaa kaayuudhaan lafa sulula(dhooqa) bishaan irra ciisu lafa oolcha tokkoo (1/4 hektar) kan daandi Ogolcho gara Gotoo irratti argamu irratti midhaan akka carraa jiidha qabu suura kaasuudhaan aanaan teenna misomaan fooyyee irra jirti jedhaa ganna darbe kana gaabasa kan turanii fi bara darbe (2014) illee xaafii walakkaa hektaara irratti geette sanuu akka aanatti iddoo tokko qofa jirtu suura kaasudhaan gabaasaa kan bayan tauun beekamaadha.
Gargaarsi erga umanni iyyee waan godhu dhabe booda kan jalqabe ta’ullee gargaarsi kenamaa jiru kan dagutti ummata fixu ta’u isaaf ummatni soda guddaa keessa seene hurgufamaa jira. Haalli kennama gargaarsa lubbuu nama tokkof kilograma 15 kan turtiin isaa hin beekamne jia tokkof ta’ee, lamaaf taee, sadiif tae, wanti beekamu hin jiru haalli hanga amma jiru yeroo jia tokkof ture kenname jira, Namni tokko maati saddeti yoo qabaate kilo 45 qofatu kennamaf kana jechuun kan nama sadii qofa jechuudha namootni hafan haa du’anii jechuu yoo ta’e male namni tokko kiiloograama 5 nyaate sanuu bishaaniin unatee kan waan jiifatuun hinqabne jia tokko haa eeguu jechuun haa ulatuuf yoo tae malee nyaataaf kan hin taane tauufi ilaalcha dadhabaa bira darbee gara jabinnaan ummatni akka beelaan dhumu dhaabbatanii ilaalu jechuudha.
Umaatni kun zayita nyaata, midhaan ittoo fi midhaan nyaata akka isaan barbaachisu deddebian gara bulchiinsa aanichatti iyyatanii fooyyee yoo dhaban ummata keessa nama filuudhaan hanga mootumma federaalatti akka nuuf iyyatan jedhanii yoo qopheessa seeraan ala ummata irraa qarshii gurtanii essa deemtu jechuudhaan koree ummatni filee lubbuu teenna baraara jedhee qopheesse illee akka hirpha garaa isaanitiif hin iyyatne sodaachisee kan dhoorke ta’u ummatni raga baha. Ammas haalli kun akkanaan itti fufa taanan ummatni aanicha ji’a muraasa booda beelaan lafa irra dhumna jedhee soda beelaan shororkaaya kan jiru yoo tau osoo hin dune dura nuti ummatni hundi yaane akka biddeena jedha iyyinnu jechuun sochii isaa asiif achitti kan geggeessa jiru yoo tau motummaan akka hiriira bayani biddeena hin kadhanne kara garagaraan gufuu itti ta’aa jira.
Kana males Aanichi baajata keenya irra qusanne ummata qarqqaarra jedhe hojjattoota Aanicha wolitti qabee mindaa keessan irra mallaqa paarseentii digdami shan mura jechuun hojjatoota mootumma harka irra gara afaaniitiin jiraatan shororkeessa kan jiru dha. bulchiinsi Aanichaa baajata eessa fuudhuuf deema ofiifu waajira manni isaa jalaa fi gubbaan qorqoorro, dallaan isaa Aananno , magaala daandii fi traafika kolbaa hin qabne, fi ummata harka 95% qonnan jiraatu kan hundu beela’e keessa taae baajata keennan isin qarqaarra jechuun ummatatti baaca kan jiru malee ummataaf tasuma waan yaadame miti jechuun hojjattonni mootumma mormii jabbeessan.
Mootummaan misooma jedhaa ganna digdaamaaf shaagalaa ture garuu aanaan zuwaay dugda oso laga jallisiif tau kilomeetira 30 dheeratu qabduu fi hara dambalii walakkaa ol irra naannoftee argamtu ganna digdama kana keessatti bishaan kanneen irra osoo homa hin fayyadamin jiruun ummata aanicha irraan gadee mucucaata kan ture fi jiruudha. bosona aanicha keessa jiru kan akka bosona muka boboffee haroo dambalii marsee argamu kan hektaatara 1200 tilmaamamu , bosonni shanbulii, gaara gaachannan fi gaara Aalutoo , caffaan sheetamaata, golbee fi natilee kan margii fi bosonni isaa argaa ijaatiinu nama qabbaneesu fi hawatu yeroo waggaa 15 hin guunnee keessatti achi buuteen isaa dhabame. wolumagalatti aanattin mukkeen hagguggamtee kan turte yeroo amma ummatni qooraaniif cileef gurguree midhaan bitachuuf jecha ciree kan fixee tau namni aana sana deeme hundu raga baha.
Sababa dadhabbi eegumsaafi cirama bosonaa irraa kan ka’e haroon dambalii kan dur tibbaa(gaachana) fi miidhagina lafa aanicha gonfachiise amma qullatti kan bahee fi of duraafis dhabamuutti kan deemu fakkata. Missomni mootummaan shaagaluuf aana keenya hin geenne moo akkamitti gammojumman fi hiyyumaan Aana kana itti jabaata jirti gaafiin jedhu ummata aanicha mataa naannessa jira.