Oduu Haaraya

Usaamaa bin-laadin ni jira, hin duune

Hegeree Oromiyaatiin

Kana jedhan Obbo Edwaard Sunuden nama CIA waliin dhimma Al-qaa’idaa irratti yaro dheeraa hojjachaa turee hoggaa tahuu garuu yero ammaa CIA jalaa baafate biyya raashiyaa magaalaa mosko keysatti jiraachaa jira.

Obbo Edwaard Sonoden gaazexaa mosko ja’amuf akka ibsetti Usamaa bin-laadin akka namni hedduun itti hubachaa jiru kana oso hin tahin nama CIA waliin hojjachaa ture tahuu ibsee jira.

Hojjataan CIA Obbo Edwaard Sonoden itti dabaludhaan Usaamaa bin-laadin yero ammaa biyya amrekaa magaalaa haawaayi ja’amuti keysatti tajaajila guddaa dhaabbanni basaasota amrekaa CIA ja’amun bekkamu godhaafi jiru jalatti kan jiraachaa jiru tahu hubachise jira.

Sonoden gaafa CIA amrekaa waliin hojjachaa turtti dhimma usaamaa bin-laadin ni ajjefame jechuu fakkeysu irratti kan hojjachaa ture tahuu ibse , yero gabaaba bodatti qunnamtii bin-laadini fi CIA amrekaa jiddu jirtu fi turte irratti kitaabaa kan qopheysaa jiran tahuus dubbate jira.

Tanaafuu Usamaa bin-laadin ni du’e fakkeyame male kan hin du’inii jiru tahuu caalaa shek Usaamaan nama CIA waliin hidhata guddaa qabufi waliin hojjachaa ture tahuu basaasni CIA amrekaa duraanii obbo edwaard sunoden ibse jira.

Gabaasa kana kan qopheyse Al-Jazeera chanal .

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …