Oduu Haaraya

Uummanni Oromoo kana booda gurra ittiin OPDO dhaaga’u hinqabu; hinqabatus.

INJIFANNOON GALANI!

tplf opdo

Kabajamaa Abbaa Duulaa Gammadaafi Obbo Warqinaa Gabayyoo imala jaarsummaaf gara Shaashamanneetti taasisaniif milkii dhaban. Uummata oonnatee mirga abbaa biyyummaafi bilisummaa dhiigaan bitachuuf bulluqee ka’e jaarsummaadhaan qabbaneessuuf kan deeman kabajamoonni aanga’oonni mootummaa kun nama loltoota hedduun marsamanii dhaqanillee uummanni isin faana taa’uun OPDOf beekamtii kennuutti waan lakkaa’amuuf, lamuu lammataas OPDO ijaan arguu akka hinbarbaanne uummatichi waan dhugoomseef salphatanii galaniiru.
Hubadhaa!
1. Uummanni Oromoo kana booda gurra ittiin OPDO dhaaga’u hinqabu; hinqabatus.
2. Uummata kana booda bilisummaa malee kan deebii isaaf kennuu tasumaa hinjiru.
3. Dhiigaan Oromoo ta’anii bobaa Wayyaanee jala kan jiran utuu qabsoo Oromootti dabalamanii amma yeroosaati…

Sabni Oromoo dhugaa waan qabuuf ni injifata; Waaqayyos waliin jira!!

Jaalleewan keenya baga uummanni Oromoo Shashamannee isin salphisan; baga nagaan Finfinneetti deebitan!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …