Gaaffichaaf waltajjii irraa deebiin itti-kennamuu baatus!!! Gaaffichi akkas jedha “Naannoon Oromiyaa Carraawwan inveestimentii fi daldalaatiin kutaalee biyyattii hunda keessaa fooyyoftuu ta’uun alatti utubaa dinagdee biyyattiitis. Carraa kana Oromoo caalaa dhalattoota saba biraatu fayyadamaa jira.
Ammas Oromoon naannawaa magaalaatti kaappitaalaan cimaa hin jiru. Kun rakkoo guddaa dha. Maaliif waan kana irratti hin yaadamne?” jedhanii dureessi kun gaafatan. Gaaffichaaf deebiin kenname hin turre.
Gaaffiin kun keessa koo yeroo dheeraafi kan ture. Inumaayyuu waltajjiin irra ture irratti namni hedduun Afaan Oromoo hin beeku jedhameeti mariin Afaan Amaaraatiin kan taasifame. Qabeenya naannichaa ni fayyadamu.
Afaan Oromoo immoo baruu hin barbaadan. Afaan Oromoo Afaan hojii naannichaa ta’ee otoo jiruu namoonni kun Afaan Oromoo hin beekan jedhanii maricha Afaan Amaaraatiin taasisan.
Namni keenya Afaan Amaaraa dubbachuuf wayita gidiraa isaa argu taa’ee ilaaleen baay’ee gadde.
1ffaan Afaan hojii mootummaa naannichaa hanga Afaan Oromoo ta’etti marichi Afaan Oromootiin ta’uutu irra ture.
2ffaa. Warri qabeenya naannichaa fayyadamus yoo xiqqaate Afaan Oromootiif kabaja qabaate Afaanichas baruuf yaaluutu irra jiraata. Yeroo fayidaa Oromiyaa jaallataa yeroo biraammoo dugda itti-kennuun sirrii natti hin fakkaattu.
3ffaa. Gaaffii dureessa kanaatiif warri waltajjii irra taa’an deebii kennuutu irra ture.
4ffaa Seenaan filannoo bara 1997 otoo beekamuu Oromoo naannawaa magaalaatti cimsuuf toftaa fayyadamuu dhabuun rakkoo guddaa dha. Salphaadhumatti toftaa kana fayyadamuun ni danda’ama. Afaan Oromoo Afaan hojii naannichaa hanga ta’etti kanaanuu waan hedduun toftaan hojjachuun ni danda’ama. Yoo namni Oromoof yaadu jiraate jechuu kooti!!!