Oduu Haaraya

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Lammaffaa

                                                       Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII

Jaalatamoo fi kabajamoo warra barreeffata kana duukaa-bu’aa jirtan, erga kutaa isa duraa sirriitti dhamdhammattanii kunoo kutaa inni lammaffaan isinii dhiyaatee jiraa, mee duukaa-bu’uuf yaalaa! Dabaleesoo, isa dabre keessaa kan mataduree “QAAMADUBBII” jedhu jalatti kaayame, buufata tokko callaatu isiniif dhiyaatee ture. Amma buufata sana keessaa, isaan hafantu dursee isiniif dhiyeeffama.

QAAMADUBBII
Buufanni boqonnaa “QAAMADUBBII” kan isiniif dhiyaate waayee aadaa kadhannaa warra Amaaraa irratti ture. Kunis dubbii barachiisaan isaanii Masfin Walda-Maaram barreesse irratti kan hundeeffame ture. Mee amma waayee kanaa bakkuma dhaabanne sana irraa ka’uun itti haa fufnu! Kana irratti aadaa fi duudhaan warra Amaaraa inni barachiisaan isaanii: “beekumsa sonaan cimaa fi qaroomina akkaan sokke” godhee, nuuf addeessu kun aadaa fi duudhaa Oromoo wajjin dugdaa fi garaa dha. Homaayyuu walitti hin dhufan jechuu kiyya. Oromoo biratti kadhannaan salphina salphina caaluu fi gadaantummaa guddaa dha! Mee kana muuxannoo tokko irraa ka’uunan isinii ibsuuf yaala.
Gaaf tokko durbiin kiyya tokko Shaggar shaggaa biyyaa sanitti, otoo haasawaa jirruu waayee kadhannaa keessa waan galleef: “kadhannaan warra Amaaratii aadaa saaniti ” naan jedhe. Ani ennasuma aariin bobayeen akkuma warra Amaaraa san: “akaakii-zarraaf“, “na qabaa gadi-na dhiisaa” jechuutti ka’e. Dhugaa Rabbii, harka ayyaana Oromoo fi Oromiyaa ani hedduun aareyyu. “Akkamitti kadhannaan aadaa uummata Amaaraati jetta? Akkamitti kadhannaan aadaa uummata tokkoo tahe? Akkamitti ati akkanatti uummata Amaaraa kabajamaa kana arraabsita?”, faa jechuunan baay’ee koodee kiyya sanatti rom’e. Gichilichi Dandi Walisoo fi Abeebe Kuttaayee sun yaada sana irraayyi duubatti deebiyaa-ree? Sirumaa itti-cimsuun dubbii dhugaa fi dhugoo irratti hundaayeen na dura dhaabate. “Oromoonkoo fi Amaarrikee waan jedhee akka mammaaksaatti himu beektaa?”, naan jedheArgitanii ani isaan: “uummata Amaaraa hin arrabsin, oftuulummaa iliitotaa fi gita-bittee isaanii harkiftee Biyya Oromoottis, nuttis hin fidin“, waanan jedheef “Amaarakee“, jechuun uummata Amaaraa akkuma jirutti na dhuunfachiise. Booda ani qabbanaayeen itti-qoosaa: “mee Oromoon-kee kana irratti, Amaarri kiyyammoo kana irratti maal faa dubbatan?” isaan jedhe. “Amaarri harka namaa ilaaluurra kadhaddheen nyaaddha jedha! Oromoonimmoo kadhaddhee nyaachuurra firakoo bira deemuu naa wayya jedha!”, jechuun barumsa lafee irratti malee, lafa irratti hin buune na unachiise. Ilaa, barachiisaan Amaaraa sunis yaaduma kana cimsee nutti hima.
Amma barri isaa bara sanaa mitii, ammoo lafti isaa lafuma sana. Ee, Shaggaruma keenya sanatti. Ani bara dheeraa Biyya Faranjii (Oroppaa) jiraaddheen geeddaramni sun taanan bara 1992 keessa biyya koo, kanan  lubbuu too caalcisee jaaladdhu sanatti deebiye. Oggaa sana dabbasaa mataa hin murannuu, akka ammas mataan nu molaayee bedee, eelee bunaa cululuqxuu sana hin fakkaannee, ofumaan ofiif waada galeen: “rifeensi mataa kiyyaa, biyya kiyyatti malee hin muramuu, biyyee biyya abbaa kiyyaatu isa nyaata“, jedheen bara baay’ee, eeyyee waggaalee 20 ture. Amma Shaggar koo gallaan sirumaa warri keenya: “taagaayii warra Wayyaanee fakkaatta; barabaasoo itti-dabalannaan ati dhibbaa-dhibbatti isaanuma!”, naan jechuun qoosaa fi koflaan na jaanjessani. Amma kaachaa deemeen, namni hiriyaa kiyyaa tokko konkolaataa konkolaachisee, mana namoota Oromoo tokkotti na buusee :”isa taagaay jaraa hin seyinaa, namni keenya kun amma biyya alaatii dhufee sirriitti keessummeessaa! Sirriittis mataasaa maaxafiitii nuuf mimmiidhagsaa“, jedheenii sokke.
Duuba otoo isaan keessaa inni tokko rifeensa mataa kiyya sana akka nama xaafii Bachoo haamuutti hableen kashakkashuu, otoo isaan wal-harkaa fuudhanii qoosaa Oromoo fi qoosaa Shaggar, shaggaa sana na abbuuqqachiisaa jiranuu, jaartiin Oromoo takka uffata baadiyyaa isaa gaarii uffatte, tan naatoon ishii reeffayyuu naasifatu, dhaddhaabbata tokkoon dhaddhaabbachaa: “ijoolleetoo akkam nagumaa? Hundi keechan naa jirtuu? Yaa korommii-koo waan san mee naa jedhaa-kaa! Ani isin malee, maalan qabaree?”, jetteeni. Mana sana keessa namoonni hojjatan hunduu Oromoonni saddeet, waanuma harkaa qaban kennanii fi anis waa itti-idayeefi inni tokko geessee barruu harkashii keessa kaayefi. Ishiin hedduu nu eebbisaa deemte; haati ilmaa dhala dhabdee, biyya ofiis dhabdee harka namaa ilaalaa jirtu suni. Booda Oromoota sana keessaa inni mataa naa maaxaa jiru: “yaa Oromoo agartanii? Aayyoon teenya tun akka warra Amaaraa kadhaa hin beektuu, dhufteetuma “ijoolleetoo fidaa nuun jettii!”, jedhe. Inni tokko-mmoo dubbii sanatti dabaluun: “Oromoon keenya yoom kadhaa beeka? Maal tayeefimmoo kadhata? Maal godhuree amma dubbiin baddee, amma biyyi badee kunoo tokko tokko-saanii kadhaa calqabanii jiru. Garuu, afaan keenyas, aadaan keenyas kadhaaf hin ta’u. Beektuu Oromoonni tokko tokko gaafa kadhachuu calqaban dursaniitoo Afaan Amaaraa baratuu!”, nuun jedhe. Ani amma akka isa gaafa durbii kiyyaa sana isa kanaan: “ati Afaan Amaaraa afaan kadhannaati maaf jetta?”, jechuun itti hin kaane. Naman hin beeknewoo maal jedheen itti-ka’a-ree? Waan hundaafuu, amma baga kunoo barachiisaan Amaaraa sun waayee kadhannaa kana nu barachiise.
As irratti dubbii cimtuu takkan kaasuu fedha. Habashoonni humna qawwee ergisaa fi qawwee kadhannaatiin biyya abbaa keenyaa moyanii qabatan kun, wanneen danuu harkisanii nutti fidani. Yookaan wanneen danuutu isaan wajjin harkifamee biyya Gadaa seene. Kanneen keessaa dhibeen namaa-sa’aa kan yaadatamu. Kadhannaan faas kan isaan waliin nutti dhufe. Biyyi Oromoo durii biyya dammaa fi biyya aannanii, biyya midhaanii fi bunaa, biyya namaa-saani quufee jiraatu ture. Tahus, dabree dabree balaan garagaraa naannoo tokkotti bu’uun namni rakkachuun waanuma jiru. Rakkoolee akkanaa kanaaf garuu, Seerri Gadaa malaa fi fala qaba ture. Nama massaalee (sababoota) addaddaatiin rakkoon irra gaye, biyya keessaa lammii (qomoo) isaatu horii walitti-buusuun isa gargaara. Hammamii fi akkamitti akka tahu immoo qixxee (walgayii) lammiitu murteessa. Kun erga biyyi keenya badee, badee badullee akka happheetti dachee Oromootti maxxanee kan waa hafe, anumtuu gurbummaa kiyyaan argeen jira. Eekaa, kun Oromiyaa Waltajjiitti “Hirpha Lammii” jedhamaayyuu. Kun ammallee dachee Oromiyaa keessaa naannoo Oromoo Booranaa fi Gujiitti ni argama. Booranoonni keenya, angafoonni fi boonsisoon keenya kun hardhallee isaan dhimma bayaa “buusaa gonfaa“, jedhuuni. Raajii dha; Oromoo keenya inni durii, seera fi sirna Gadaa kan bantii dimokiraasii tahe sana keessatti isa akka “buusaa gonfaa” yaa’ii ofii irratti muree baasuun, warra Lixaa kana (Oroppaa fi Ameerikaa Kaabaa) durseeti jira. Isa isaan hardha “Social  Security Contributions” jechuun, mootummoonni isaanii nama dhabe seera baasee, seeraan gargaaru kana dursa jechaa dha, seerri Gadaa Oromoo! Duratti afaan qabamnee, hardhallee humna gayaa dhabneeti malee, nuti yoo olkaanee wanneen seena uummata rajeffatamaa kanaa keessatti argaman ifa goone, addunyaan ijaa fi gurra nutti cufatte tunillee waa nu dhageessi taha.
Mee ani amma akkuma Oromoon: “kan qabuufan dabala jettee, harreen lagatti fincoofte“, jedhu saniin anis warra Habashoota Amaaraa “keenya” kanaaf waa itti-ida’a. Isaanitti geebni addunyaa inni Barachiis Masfiin Walda-Maaram karaa kadhannaa irratti kenneef kun waan itti-xiqqaateef kan biraan itti-dabalaaf-kaa! Habashoonni Amaaraa karaa oftuulummaa fi karaa sanyummaa-tiin geeba addunyaa badhaafamuu qabu. Namni akka isaanitti of-tuulu, of-guuru, of-tuulee of-tuulee samiidhaan of-gayu kan akka isaanii yoo jiraate, addunyaa tana keessa takkaataa (“rare“) dha. “Maali kanneen akkanaa guutaniwoo, eeenyu faa, eenyuu eenyu faa” naan jechuu dandeessu. Ilaamee , dubbiin dhiyoo kana: “Oromticha Biyya Jarmanii jiraatu tokkotu jedhe“-en, himamu tokkon isiniif qooda. Oromticha tokkotu guyyuu: “Jarmanoonni nu tuffatu” jechuu daran heddummeessa. Booda Oromtichi tokko kan biraa, kan isaa yeroo baay’ee nyakkisuu isaa kana qalbeeffate, gaaf tokko duubiin tun morma isa geenyaan: “abboo amma kana nurraa dhiisi! Guyyuu kanamu jettaa! Habashoonni Amaaraa-yyuu kan hamma Oromoo nyaatanii-dhuganii hin bulle, kan hamma Oromoo uffatallee hin qabne, kan hamma Oromoollee dallaani fi godoon isaanillee sirriitti hin ijaaramne, kan hamma Oromoollee keessi manneen isaanii fi alli mooraa isaanii qulqullina hin qabne, kan akka Oromoo hojii hin jaalanne“, si tuffatuu mitii? Maarree, kan isaan siyii gaditti argaman kun akkanatti si tuffatan, yoo Jarmanoonni saayinsii fi teeknolojiin samii qaqqaban kun si tuffatan kan akkana si bobeessu, kan akkana gayyaa gayyaan si rom’isiisu?”, jedheeni.
Mee yaa Waaq beekumsii fi beekaan goluma golaan jira-kaa! Oromtichi keenya inni akkanatti warra Amaaraa fi Jarmanoota Oroppaa walbira qabuun nuuf ibse kun, kan Amaartota “keenya” akka daawwitiitti nu fuuldura qabeetoo nutti agarsiise kun, of-tuulummaa Jarmanootaa gadi-xiqqeessuu isaa miti. Ani ammallee obboleessi keenya kun eenyu akka tahe hin beeku. Haatahu malee, yaadaan walbeekuu keenyatu muldhata. Inni yaada Amaartota “keenya” geeba addunyaa badhaasuu kana irratti na dursee jira jechaa dha. Nuti Oromoota waan taaneef: “Amaara jibbitan”, “maaloo maaloo jibbitan” nuun jechuutu dhufa tahaa, mee amma waayee kanaa irrattan namoota biyyoota alaa keessaa nama tokko callaa kaasee dabra. Tokkichuu ni gayaa jedheeni malee, namoota Oroppaa fi Ameerikaa waayee kanaa irratti warra Amaaraa akkuma kiyya geeba addunyaa badhaasuuf, tarree galaanii ijaajjan shantamii-shan tarreessuun ni dandayama. Waan hundaafuu, warri feetan mee barroo barreessaa biyya USA-a kan: ” G. Lipsky“, dubbisaa!* Kana irratti wanni “jibba Amaaratiifi” jedhamu wayii ka’uu hin qabu. Nama uummata Amaaraas, uummata biraas jibbu Waaqniyyuu isa jibba. Maali Masfiin Walda-Maaram, kan isaaniif karaa kadhannaatiin geeba addunyaa kenneef Amaara jibbeetii? Uummata ofii sana jibbeetii miti!
As irratti waan qalbeeffatumuu qabu tokkotu jira. Habashoonni Amaaraa oftuulummaa duwwaa miti kan qabani. Gadaantummaas ni qabu. “Akkamitti wanneen walfaallessan kana lamaan qabu nuun jetta?“, jechuun gaafii dhiyeessu dandeessu. Wanneen walfaallessoon lamaan: oftuulummaa figadaantummaan kun waan walitti isaan fiduu fi hidhu wayiiti qabu. Lameen kun karaa daayilektika-atiin walitti-dhuffeenya qabu. Daangaa isaan jidduu dhaabate sana, gaafa fedhan irra tarkaanfachuu waan dandayaniif, funyoo daayilektika raagdotaatiin (falaasamootatiin) walitti-gudunfamu. Warri Amaaraa olaantummaa akka qaban waan hunduu beekuuf, isa ibsuufillee rakkisaa miti. Gadaantummaaisaanii ibsuutu irra nama rakkisa. Mee kana fakkeenyota lamaan tokko dhiyeessuunan gabaabutti ibsuuf carraaqa.
Bara warri Xaaliyaanii biyya keenya qabatan irraa kaasee barreessitoonni Oroppaa fi Ameerikaa, isaan waayee naannoo Gaafa Afrikaa irratti qorannoo garagaraa adeemsisan, uummanni Oromoo impaayerittii keessatti wayyaba (“majority“) tahuu isaa ibsaa deemani. Kunis qorannoo lakkoofsa uummataa kan malawwan saayinsii irratti hundeeffameen, Xaaliyaanonni lakkoofsa uummatootaa sirriitti lafa-kaayanii turani. Hamma hardhaattillee mootummaan Habashaa dhufee dabre, kamuu akka warra Xaaliyaanii saayinsii irratti hundeeffamuun lakkoofsa uummatoota impaayerittii lafa hin keenye. Uummanni Oromoo lakkoofsaan isaan caaluun kun qorqalbii hamaa keessa waan isaan galcheef, lakkoofsa uummata Amaaraa abjuudhaan heddummeessaa, kan Oromoo immoo dabaa fi sobaan gaxxiqqeessaa jiru. Amma keessa kutaniiyyuu Oromoon dhibbantaa 35; Amaarri immoo dhibbantaa 32 nuun jechuun sobaa gabaa keessaa nutti hafarsaa jiru. Kun muummiyyeewwan (iliitota) isaanii callaa kan ilaalu otoo hin taane, kan mootummoonni isaaniis akka imaammataatti fudhatani. Asi irrattan fakkeenya gabaabaa fi qabatamaa tokkon isiniif dhiyeessaa mee na hoofkalchaa!
Ani bara 1994 irraa kaasee hamma bara 2000-tti karaa mabban (unbarsiitiin) keessa jiruu qorannoo: aadaa, seenaa fi afaan Oromoo irratti adeemsisaa waan turreef, wagguma waggaanan gara Oromiyaatti deddeebiyaa ture. Oggaan dhaqes gara baatiiwwan sadii faa waanan achi turuuf, dachee Oromoon “nan qaba” nuun jedhu cufan waliingayaa ture. Gaazexaan “Addis Zaman” jedhamu kan duris, oggaa sanis, hardhas kan mootummaa Habashaa tahe, lakkoofsa uummata dira Shaggar keessa jiraatuu kenne. Akka gaazexaa kanaatti uummanni Finfinnee Shaggar: dhibbantaan 19 Guraagee, dhibbantaan 18 Amaaraa yoo tahu dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Argitanii! Uummatoonni kun sadeen akka waa tokkollee karaa kanaan walirraa hin fagaanneef, waadaa waliif galanii, Macaafa Qulqulluu fi Quraana Qulqulluun waliif kakatanii tokko-lamaan qofa wal-caalani! Haatahu malee, raajiin lakkoofsa kanaa as irratti dhaabatee hin hafne. Waggaa lama booda akka tasaa gaazexaa-dhuma sana yommuun dubbisuun, ammas lakkoofsa jiraattota dira Shaggar arguu dandaye. Ammammoo dhibbantaan 19 Guraagee yoo tahu, dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Garuu, dhibbantaan 48 Amaara. Kun raajii kan hin taane maaltu taharee? Warri Amaaraa waggaa lama keessatti wal-horanii, lafa gootuun dhibbantaa 18 irraa dhibbantaa 48 dhaqqabani. Korupphee, booyyee fi hantuunni faanillee akkanatti waggaa lama keessatti wal-horuuree? Qorqalbii badaa; gadaantummaa hamaa! Iliitonniii fi miseensonni gita-bittee Amaaraa “gaallota” isaanii karaa maraan irra caaluun, akka waan isaan irraa eegamuutti lafa kaawwatani.
Fakkeenyin akka isa lammaffaatti isiniiif dhiyeessu immoo kan hundi keessan beektani. Ammoo, kan gariin keessan itti-yaaduun galmee sammuu keessanii keessa hin galfanne taha. Oromoonni biyyambaa (“diaspora“) hedduun keessan lammiiwwan Amaaraa kanneen naannolee keessan jiraatan isinitti qabuun hin oolu. Mee itti-yaadaa gaafa isin: “eessaayyi dhufte?” yookaan “eessatti dhalatte?“, jettaniin maal isiniif deebisu? Dhibba keessaa harki saddeettamni yookaan sanaa ol: “Shaggar irraayyi-kaa!” yookaan “Shaggaritti-kaa!“, jedhaniiti isinii deebisu. Shaggar magaalaa sadarkaa biyyalafaatti lakkaawamu waan taheef, nama magaalaa tahuuf, akka isaan itti-boonanitti araadoyyee tahuuf, bakka itti-dhalatan akka wanna xuraawaa wayitti achi darbachuun Finfinnee Shaggar himatu. Namni waan kana jala deemetoo qorate, Amaartonni biyyambaa jiraatan marti “Shaggaritti dhalachuu isaanii” bira gaya. Kunis gadaantummaa isa qullaa ofii gabaa keessa biddiiqu! Walbira qabuuf, yoo feetan Oromoonni eessayyuu haa dhufanii bakkuma irraa dhufan sanaa fi bakka itti-dhalatan sana itti-boonuun himatu. Takka takka oggaa isaan ganda irraa dhufan, yookaan magaalaattii bicuu wayii kan irraa dhufan san himatan, ani: “magaalaan beekaman bakka sanatti dhiyaatu maal jedhama?“, jechuunan bakka sana beekuuf dhama’a! Isaan ennasuma: “Gorii dha, Muggii dha, Boojjii Coqorsaa-ti; Yaayyoo dha, Buree dha, Aalle; Shabbee dha, Geeraa dha, Saqaa Coqorsaa-ti ; Ijaajjii dha, Shoboka, Baantuu Liibani; Gooroo Walisoo-ti, Harbuu Culullee-ti, Asgorii Bachoo-ti; Garba Gurraacha, Muka Xurii-ti, Tulluu Milkii-ti; Wanjii Gafarsaa-ti, Adaamii Tulluu-ti, Aduu Laalaa-ti; Daaroo Labuu-ti, Ejersa Gooroo-ti, Funyaan Biraa-ti; Kofale, Asaasa, Abbomsaa dha; Diinsho, Agarfa, Nageellee Meexamaa-ti; Shaakkiso, Meegga, Meettaa Gafarsaa-ti — faa jechuun dhugaa fi dhugoo jiru kana lafa kaayu.
Ani amma waraqaa kana keessatti waayee oftuulummaa, gadaantuummaa fi olaantummaa warra Amaaraa kana sababa malee, hin kaafne. Kunoo Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa nuti Oromoonni farfannoo fi leellifannoo Minilik faashistichaa fudhachuu dinnaan, humnaa fi arraba qaban maraan nutti duulaa jiru. “Nuti dursinee Oromoota; kaleessas Oromoota; hardhas Oromoota; borus Oromoota! Jiraan keenyas Oromoota; du’aan keenyas Oromoota!”, waan jennee fi :”biyyi keenya impaayarittii isaanii, Toopphiyaa humna qawweetiin nutti fe’amte tana otoo hin taane, Oromiyaa dha!”, waan sagalee tokkoon jenneef, Minilik isaanis nuuf “goota fi jagna” otoo hin taane, “lafarraa duguugaa, harkaa fi harma muraa uummata keenyaati” waan jenneef, waraana xuraawaa fi cubbamaa isaanii “waaraana qulqulluu“, jechuun nutti labsanii jiru. Kana fudhachuu diduun keenya, biyya haadhaa-abbaa keenyaa,Oromiyaa bilisoomsuu fi walaboomsuuf qabsaawuu keenya kana: “Oromoonni gadaantummaa-dhaan faalamanii jiru“, nuun jedhu. Kanaaf, enyu akka dhibee hamaa oftuulummaaolaantummaa figadaantuummaa jedhamu kanaan akka ofumaan of-faale itti-himuun dirqii nutti tahe.
Kutaan kun akka dheeratee isin hin nuffisiifneef, dabrees akka yeroo keessan isin jalaa hin balleessineef, as irratti dhaabataa hanga kutaa isa sadaffaa irratti walitti deebinutti mee nagaan naa bubbulaa!
                                *  G. Lipsky: Ethiopia –  Its People, Its Society, Its Culture; New Haven, 1962
                                             ** Kutaa Duraa dubbisuuf mee as tuqaaMinilikoota Bardhibbee 21-ffaa: Kutaa Duraa
==============    //    ==============

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qeerroon lafaa ol ka’i mirga kee kabachiisi Hayyoota keetis hiksisi

PRO.Mararaa Guddinaatiin Yaa Saba Bal’aa !! Akkuma beekamu yeroo ammaa kana haala rakkisaa fi yaaddessaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *