Oduu Haaraya

Waamicha hiriira mormii magaalaa Berliinii kan guyyaa 03/12/2014

 

Kabajamoo fi jaallatamo hawwaasoota/jiraatoota Oromoo biyya Berliin, Jarmanii, Awuroopaa fi firoota oromoo hundaaf,

Duran dursee nagaan oromummaa bakka jirttan maratti isiin haa qaqabu.

Itti aansuun yeroof akka „Mumicha Ministeera Itoophiyaa“ jedhamee beekamuu fi ergamtuu Wayyaanee kan tahe Hailemariam Dessaalanyi gaafa 02-03/12/2014 magaalaa Berliin akka dhufuu/argamu fi akka Piresidaantii biyya Jermanii kan tahe Jochim Gauck duukaa akka marii qabaan odeefanoo mirkana’e qabna.

Nuti hawaasnni Oromoo magaalaa Berliin kan biyya Oromiyaatti taha jiru (Sarbaminsa Mirga namumaa,Ajjechaa,Hidhaa siyaasaa, gidiraa, dhabamsiisa fi saamicha) fi kessumaa kan yeroo dhiyoo dura karaa AI „Amnesty International“ yakka umaata oromoo iratti otoo wal-iraa hincitiin tahaa jiru otoo hin irranfatiin mormii keenya wal-cina dhabachuudhaan sagalee guddan akka dhageesisnnuf akka irratti argamtaan isin afferra.Dirqamni lammummaas nurra jira.

Guyyaa:03.12.2014

Sa’aa: 09:00 – 13:00

Edoo: Balbala Piresidaantii Jarmanii ful-dura

Spreeweg 1, 10557 Berlin

KHG-HOB

Check Also

duubbee

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have …