Oduu Haaraya

Waamicha Hiriira Mormii Ummata Oromootifi firoota isaa hundaaf

Finfinnee Falmadhu

Waamicha Hiriira Mormii Ummata Oromootifi firoota isaa hundaaf
Karoora maqaa Maastar Pilaanii Finfinne jedhuun ummata Oromoo lafarraa buqqaasuufi mirga abbaa biyyumaa Oromoon Finfinnerraa qabu waakkachuu qophaa’e barattoonni fi ummanni Oromoo mormaa akka jiru ni beekama. Mootummaan hamma ammatti gaafilee dhihtaaniif deebii hin kennine. Daranuu gaafilee karaa nagayaatin dhihaate kan humnaan awwaluuf qondaalota mootummaa Oromiyaa gaafilee kaasan hidhuufi doorsisuu, baratootta hiriira nagayaa bayan ammoo rasaasaan ajjeesutti seeneera. Mormii kan bifa tokkummaafi qindaa’ina qabuun agarsiisuuf gaafa Jimaataa, Caamsaa 9, 2014 Oromiyaafi addunyaa guututti, Dhaadannoo Finfinnee Falmadhu” jedhuun hirirri mormii nagayaa akka geggeeffamu murtaaye jira. Hiriirri kun, biyyota alaatti fuuldura Embaasii/ Qonsulaa Itoophiyaatti, bakka embaasin hin jirre ammoo waajjiroota mootummaa biyyoota sanii, dhaabbilee mirga namoomaatifi miidiyaa gurguddaatti godhama. Biyya keessatti ammoo haalaafi bakka mijaawe maratti godhama. Kanaaf jaarmayaaleen hawaasaa, dhaabbileen siyaasaa, waldaaleen dargaggootaafi barattoota mormii kana milkeessuuf shoora isaanirraa eeggamu akka bahan waamicha dhiheessina.

Gaafin mormii kanaa:
1. Maastar Plaanin Finfinne babal’isuuf karoorfame haa ugguramu. Sababni isaa
a. Hayyama naannoo Oromiyaatin hirmaannaa ummata Oromootin alatti waan baheef karoora heeraafi adeemsa sirnaawaatin hin bayin waan ta’eef. Heerri mootummaa Itoophiyaa keewwanni 52 naannoleen daangaa ofii keessatti aangoo guutuu qabu jedha. Heerii mootummaa Oromiyaa keewwannii 8 uummatni Oromoo daangaa biyya isaa keessatti aangoo olaanaa fi mirga guutu kan qabu ta’uu ibsee jira. kanaafu Pilaaniin kun aangoofi mirga naannoo Oromiyaa sarba. Heerii mootummaa Itoophiyaa keewwanni 43 fi heerri mootummaa Oromiyaa keewwanni 43 ummanni guddina diinaggee keessatti kallattiin hirmaachuuf mirga qabu jedha. Pilaaniin ummata Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahe kun mirga heeraan ummataaf kenname sarba.
b. Pilaaniin kun hojiirra yoo oole bal’ina magaalaa Finfinnee harka 20 oli guddisa. Kun ammoo qonnaan bultoota Oromoo miliyoonotaan shallaggaman qe’eerraa buqqisuuf deema.
c. Akka heera mootummaa Itoophiyaa keewwata 43, lakkoofsa 2, sagantaas ta’ee pirojektii misoomaa tokko irratti ummatti kallattiin ilaallatu, jalqabaa hanga dhumaatti itti hirmaachuuf sagalee isaa kennachuu qaba. Master plan kuni ammoo ummata dhimmichi ilaallatu dalgatti haqooluun, qaama dhimmi hin ilaalannee, kan mirgaafi aangoon seeraan hin laataminifin irratti fe’amaa jira.
d. Dambii Caffee Oromiyaa Lakkoofsa 115/2000, “Waajjira Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Hundeessuuf Bahe”, keewwata 9 jalatti waajjirri Godinicha qabeenya lafaa fi uumamaa uummata bakka bu’uudhuudha akka bulchu ni ibsa. Pilaaniin kun beekkumsaafi hirmaannaa bulchiinsaafi ummata Zoonii Addaatin alatti waan baheef aangoo zoonichaatifi mirga ummataa ni sarba.
2. Abbaan biyyummaa Oromoon Finfinnerraa qabu seeraan hojitti haa hiikamu. Abbaan biyyaa Finfinnee Oromo ta’uun seenaanis, heeraafi seerris ragaadha.
a. Gama seenaatin Finfinneen Oromoo humna waraanaatin lafarraa buqqaansuun jaaramuun dhugaa namuu beeku.
b. Gama seeraatin Heerrii mootummaa Itoophiyaa keewwanni 49(5) lafti Finfinnee tan Oromiyaa ta’uu mirkaneessa. Labsii caffee Oromiyaa bara 2005 ( find exact number) Finfinneen magaalaa guddittiifi teessoo mootummaa Oromiyaa akka taatu raggasisee jira. Har’as qabatamaa mootummaan Oromiyaa waajiirri isaatifi hojiin achi keessaa geggeeffama.
Garuu har’as akkuma kaleessaa Oromoon dantaa heeraan kaayameef sanirra fayyadamuun haa hafuuti hambaafi eenyummaan Oromo magaalaa Finfinnee keessaa saffisaan haqamaa jira. Maastapilaniin kun dhabasiifamuu eenyummaa Oromoo kana gara magaalaalee naannoo sanititti babal’isuun Oromummaa guutti balleessuuf deema.
Rakkoo babal’inni magaalaa Finfinnee ummata Oromoo irraan gahu kana hambisuufi mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf mirgi seenaaf seeraan Oromoof mirkanaa’e sun hojirra oolu qaba. Finfinneen bulchiinsaa fi taaytaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala seenuu qabdi.
Kanaafuu, mootummaan Itoophiyaa gaafii mirgaa karaa nagayaatin dhihaate kana ukkamsuuf tattaaffachuu dhiisee dhimma kana waltajjii mariitti dhiheessee akkaataa heeraafi seeraatin akka deebisu waamicha goona. Ummanni Oromootifi warreen mirgaafi bilisummaa ummataatti amanan hundi mootummaa Itoophiyyaarra dhiibbaa akka godhan gaafanna.
Koree Qindeessituu Duula Finfinnee Falmadhu
Ebla 30, 2014
Finfinnee
Nu qunnamuudhaaf gara march4finfinnee@gmail.com nuuf barreessaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …