Oduu Haaraya

Waamichaa: Deeggartootaa KFO Hundaaf

Akkumaa agartanitti mootummaan abbaa hirree wayyaaneen Seeraa mataa isaati baasee kootta naan dorgomaa jedhee itti nu waamee cabsee tuffii hawaasa Oromootif qabu nu agarsiiseraa. Gochaan. Korojoo hatuun. Tajjabdoota ari’uf reebun. Osoo guyyaan filmaata hin gahin filmaata godhuun. Kana malees guyyaa kaleessaa sa’a shanitti Osoo boordin filannoo hin labsin OPDOn %90 mooneerraa jedhanii labsachuun isaani ni yaadatamaa. Kuni hundi kanaan osoo jiruu boordiin filmaataa abbaa moowatee Guyyaa 22-6-2015 ji’aa tokko boodaa akka labsuu ifa godheet jira. Tajjabdoonni 59 maqaadhaf Tokkummaa Afrikaarraa dhufan guyyaa 7-6-2015 murtiin filannoo osoo hin himaamin guyyaa 15 duraa dacha’anii deebi’u deeman. Haala kana fayyadamanii uummataa Oromoo amma fincilaafi qabsoo bilisummaa finiinsuf hidhatee lafaa ka’ee kana guyyaa dheeressani tasagabbeessuf fiffigaa jiru.Kanaafu, Boordiin Filannoo biyyaa kanaa eenyuu akka filatamee dafee akka nu labsuu gaafachuu qabnaa. San boodas tarkanfiwwaan fudhachuu qabnuu hundarratti akka duubaatti hin deebinee wal abdachiisu qabna. Galatoomaa!
Injifannoon kan uummataa Cunqurfamee akka ta’ee tolaanis ta’ee lolaan yeroon mirkaneeffannu Ammaa! Boruu Miti Har’aa!
‪#‎Vote4OFC‬

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …