Oduu Haaraya
mooraa fin finnee

QEERROO: Guyyaa Har’aa Naannowaan Mooraa Yuuniversitii Finfinnee Humna Waraana Wayyaaneen Marfamee Jira

Torbeewwan kana mootummaan Wayyaanee haala isa mudatee jiru keessatti sodaachuu irraan daandiiwwan irratti konkolaataa dhaabee sakattaaisuu gabaasuun kenya ni yaadatama, haaluma kanaan har’ammoo mooraan barnootaa olaanoo Yuuniversitiilee keessaa fi ala humna waraana isaa qubachiisee kan jiru suuraan Qeerroon gabaasa isaa dhiyeessuun kan ibsuudha.Halkan edaa mooraa yuuniversitii kiiloo 6 fi kiiloo 4 keessa barattootni sabbontotni Oromoo waraqaa balaliituu dabaa fi dhumiinsa ilmaan Oromoo biyya keessaa fi biyya ollaatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamni mootummaa Wayyaanee tahuu qaba kan jedhuun barruun darbamee mul’atee ture tikaa fi qaama dhokataa mooraa keessaa qabuun halkanuma funaanamuu Qeerroon gabaasee jira, haaluma kanaan har’a ganama irraa kaasee daandiin konkolaataa naannoowaa Yuuniversitii Kiiloo 4, 5 fi Kiiloo 6 waraana Wayyaaneen qabamee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Haalli kun Yuuniversitii Madda Walaabuu, Bulee Horaa fi Haromayyaattis halkan edaa Ebla 24, 2015 Qeerroon waraqoota barattoota dammaqsuu fi mootummaan Wayyaanee gocha suukkanneessaa ilmaan Oromoo irra gahaa jiruuf iti gaafatamaa fi seeratti dhiyaachuu akka qabu maxxanfamee akka bule Qeerroon gabaasee jira, yeroo ammaa humni waraanaa naannowan dhaabbilee barnootaa olaanoo sodaatu qubachiisee akka jiru gabaasni Qeerroo addeessaa jira.

Qeerroo.org

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …