Oduu Haaraya

Waanti balleessine yoo jiraates hanga dhiifama gaafachuutti deemuu qabnaa jedhan Abuna Maatiyaas.

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas rakkoon bataskaanattii mudate atakaaroo walqabuun kan furamu akka hin taane himan.

Abuna Maatiyaas ergaa jalqaba yaa’ii sinoodoosii irratti dabarsaniin keessattuu rakkooleen naannolee Tigraay fi Oromiyaatti mudatan mana lubummaa bira darbanii kan uummataa ta’aa dhufuu eeraniiru.

Kanaafuu gaaffii uummataa bifa sirrii ta’een dhaggeeffachuun bifa amantichaa fi qannoonaa bataskaanattii eegeen gaaffii isaanii fudhachuu barbaachisaa jedhan.

Waanti balleessine yoo jiraates hanga dhiifama gaafachuutti deemuu qabnaa jedhan Abuna Maatiyaas.

Yaa’iin Sinoodoosii Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa eegalameeti jira.

Yaa’iin kun ergamni mana amantichaa hagamtu raawwatame hagamtu hin milkaayin kan jedhu qorachuu fi kallattii gara fuulduraa kaawuuf ta’uu Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsan.

Abuna maatiyaas haasawa baniinsaa yaa’ii kanarratti godhaniin rakkoon bataskaana keenya mudachaa jiru atakaaroo wal qabuu fi xiiqiidhaan hin furamu jedhan.

Keessumaa qormaanni naannoo Oromiyaa fi Tigraay keessaa nu mudachaa jiru rakkoo mana lubummaa ta’uu bira darbee kan uummataa ta’aa waan dhufeef gaaffiii uummataa dhaggeeffachuun karaa amantichi heeyyamuu fi qanoonaa bataskaanaatiin ogummaa fi jaalalaan simannee furuun miidhama uummata keenyaa qooddachuu qabna jedhan.

Abuna Maatiyaas hordoftoota amantichaaf waan abbaa fi haati ilmaan isaaniif godhan gochuufii qabna. Bakka hir’ifne dhiifama gaafachuu fi gaabbuuf lapheen keenya banaa ta’uu qaba jechuun haasawa godhan. Araaramaa, dhiifama waliif godhaa, gaabbii seenaa jennee barsiisaa akkuma jirru nuyi ofii keenyaafis dhiifamnii fi gaabbiin duudhaa keenya ta’uu qaba jedhan.

Sinoodoosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa yaa’ii miilanaa kanarratti gaaffiiwwan ijoo Amantootaan Oromiyaarraa ka’aa turaniif deebii kenna jechuun amantoonni eegaa jiru.

Ji’oota lama dura gaaffii waggoota dheeraa Oromiyaa keessaa ka’aa ture hordofee garaagartee Bataskaanicha keessatti dhalateen Sinoodosiin Bataskaanichaa bakka lamatti bahee turuun ni yaadatama. Garaagarteen sun qaamoleen lamaan bakka manguddootni fi Ministirri muummee Abiy Ahmad argamanitti erga mariyatamee booda bataskaanicha keessatti jijjiiramni gaaffii uummataa bu’uura godhate akka jiraatu waliigalamee araaraan goolabame.

Gaaffiileen Amantoota Oromiyaa keessaa kanneen akka Afaan ofiin barnootaa fi tajaajila amantaa argachuu, Abbootii afaan hojii naannichaa beekanii fi eenyummaa Oromootiif kabaja qabaniin tajaajilamuu fi rakkoowwan bulchiinsa gaarii Yaa’ii Sinoodoosii eegalame kanarratti akka furmaaata argatan waliigalamee ture. Amantoonni Oromiyaa keessaas yaa’iin kun yaa’ii gaaffii uummataa ilaalcha keessa galchuun murteewwan guguddoo dabarsu jechuun eegaa jiru.

Maddi:OMN

Check Also

sinodoosii haaraya

Sinoodsii haaraa hundeeyfamerratti duulli maqaa balleessiin adda addaa baname.

Gareewwan mana amantaa ijaaruun olaantummaa paartii tokkoo kabachiisuu barbaadan abbootii Sinoodsii haaraa hundeessan irratti duula

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *