Oduu Haaraya

Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)

 

e.V. (Inc.) Irreecha/Irreessa bara 2015 kan cinaa (bukkee) Hora Arsadiitti geggeessamu ilaalchisee

tumsa (backing) ykn yaadannoo (remembrance) isaa ummata Oromoof mirkaneesa.

Baga ganna dhoqqaa’aa fi dukkanaa’aa baatanii ifa (booqaa) birraa argitan. Irreessi/Irreechi

baranaa (kan bara 2015) kan naggaa, kan jiruu fi jireenyaa nuuf haa ta’u.

Ayyaanni irreechaa, malkaa fi hora gurguddoo cinaatti ykn bukkeetti geggeessama. Ayyaanni

IrreechaaAyyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu (yeroo ganni ba’ee Abbaan Gadaa Xaddacha

Saaquudha)” jedhamuunis ni beekama.

Ayyaana irreechaa bifa lamaan kabajama. Inni tokko hidda dhalootaa ykn gosti naannawaa walitti

dhiyeenyatti argaman hundi walitti qabamanii gamtaadhaan faaruu irreechaaf faarsamu jechaa

tulluu ykn malkaa naannawa dhiyeenyatti argamutti deemanii angafaa quxusuun eebbifatanii

irreeffatu.

Sirni kabaja ayyaana irreechaa inni lammaffaan immoo sadarkaa biyyoleessaatti giddugaleessa

tokkotti kabajamuudha. Akka ummata Oromootti giddugaleessi kun Tuulama keessa magaalaa

Bishooftuu, Hora Arsadii ta’eetu beekama. Horri Arsadii yoomii jalqabee giddugala irreeffannaa

ummata Oromoo akka ta’e odeeffannoon ga’aa ta’e yoo jiraatuu baateyyuu maanguddoon Oromoo

garuu dhalootumaanuu achumatti irreeffachaa akka turan dubbatu.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa kan sadarkaa biyyoleessaatti kabajamus ta’ee kan gosa gosaan

iddoo iddootti kabajamu lamaanuu haali itti irreeffatamu walfakkaataadha. Irreecha sadarkaa

biyyoleessatti kabajamu kan adda godhu Abbootiin Gadaa shananii, kan bakka adda addaa jiran,

Abbootiin Muudaa fi warri angafaa iddoo Irreechaatti, Hora Arsadiitti, ba’uudha. Kadhaan Waaqaa

fi eebbi eebbifamus akka biyyoleessaatti.

Irreechi cinaa/bukkee Hora Harsadiitti geggeessamu irreecha gosaa osoo/otoo hintaane Irreecha

biyyoleessaatti. Oromoo hundatu ba’ee irreeffata jechuudha. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa

jiran, Abbootiin Muudaa fi warri angafaa gaaf sana hinhafan.

Sirni irreeffannaa fi irreechi ummata Oromoo biratti erga ummatichi uumame irra eegalee kan

beekamu dha. Ayyaanni irreechaa/irreesaa ummata Oromoo biratti durdurii irraa ka’ee/eegalee

beekama jechaadha. Horri Arsadii iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti

hirreeffachaa turaniidha. Arsadii maqaa namaa yoo ta’u gosa Liiban keessaa Abbaa Malkaa nama

tureedha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …