Oduu Haaraya

Walgahiin Hawaasa Dubartoota Oromoo fi Hawaasa Dubartoota Afrikaa Biyyoota 16 Irraa Walitti Dhufan Magaalaa Guddoo Biyya Masrii Kaayiroo Keessatti Geggeeffame Milkiin Xumurame.

 

Onkoloolessa 15,2015 guyyaa kaleessaa magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo keessaa bakka Opera jedhamutti walgahiin Dubartoota Afrikaa fi Dubartoota Oromoo hirmaachise sirna miidhagaa ta’een geggeeffamaa ture milkiin xumuramuu oduun SBO dhaqqabe hubachiisee jira.

Ajandaa walgahii kanaa keessaa tokko kan ta’e miidhamnii fi cunqursaan dubartoota Afrikaa fi Oromoo irra gahaa jiru hawaasni addunyaa akka hubatuu fi furmaatni akka itti barbaadamuuf medialeen ifa bahee gabaafamaa hin jiru kan jedhu oggaa ta’u, kana irrattis furmaata isaaf bal’inaan mariin geggeeffamuun hubatameera.

Walgahii kana kan banan bakka bu’aa Ministeera Aadaa fi Turizimii biyya Masrii Dr.Mohaammed Rannaanii oggaa ta’an, Itti gaafatamaa walitti dhufeenya Afro-Egypt Dr.Mohaammed Nasru-ddiin akkasumas Itti Aantuun Ambasaaddara Sudaan Kibbaa walduraa duubaan haasaa dhageessisaniin walitti dhufeenyi Masrii fi Afrikaa cimuu akka qabu hubachiisan.

Hirmaattota irraa bakka bu’aan Hawaasa Nuubaa Sudaan Obbo Khaalidii fi Hawaasa Oromoo irraa Obbo Abdusalaam walduraa duubaan isaanis haasawa dhageessisan keessatti hariiroon ykn walitti dhufeenyi Hawaasa Afrikaa fi Hawaasa Masrii jidduu jiru cimuu akka qabu hubachiisaniiru. Walgahichis milkii gaariin akka xumurame beekuun danda’ameera.

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …