Oduu Haaraya

Nuu fi Isaan (Oromoo fi Koloneeffataa)

  • Atoo Sarbaa hin qabduu sarbaa millaa hin qabduu maaliin lafa dhiittaa yaa abbee?
  • Atoo gamtaa hin qabduu gamtaa dhiiraa hin qabduu maaliin nama miitaa ya aabbee?”*

Roorroo koloneefataa hammaa bahaa kan yaaliin seenaa, aadaa, afaanii fi dudhaa Oromoo balleessuuf godhame dabalatutu qabsoof ummata kakaase. Hardhas yoo tahe waldhaansoon mirgaaf godhamu itt fufaa,sirna Gadaa keessaa akeekota dhimma itt bahuun dandahaman guddifachuun irra ilaalamuu hin qabu. Ijoolleen Oromoo yero qabsoo bilisummaaf ka’an sana,kaayyoon saba saanii akkasumas firaa fi diinni eenyu akka tahan isaaniif taliila ture. Sun sagantaa malbulchaa dhaaba kallacha qabsoo Oromoo tahe, ABO irra kaa’ameera. Baras firaa fi diina gidduu timjii mullatutu ture. Angoon hoggansaas akeekamee ture.Bulee garuu want halle caalaa dimimmisaawaa fi laaqamaa dhufuutt ka’e. Amma firaa fi diinaa gargar baafachuun mamii dha; daangaan angoo fi barri hoggansaa, mirgaa fi dirqammi qondaalotaa fi miseensotaa sadarkaa hin beekamne gahaniiru. Eenyuun “Nuwi”, eenyuun “Isaan” jechuuf qabsaawoti qayabbannoo waloo dhabaa jirruu.Kanaaf dargagggoon hireen ummata kanaa dhimma keenya jedhan keessa deebi’anii mari’achuun yeroo saati.Dur Gadaan tokko yeroo murtaaweef hin dabarsu ture.Gadaa haaraan dhufu seera ofii tumata.Yoo haaraa hin baafnes kan darbe irra deebi’ee akka kan ofiitt tuma.Eenyuu seeraa ol hin turre.Sun akeekaa guddifatamuu qabu.Amma egaa,Gadaan seeraanis aadaanis kan dargaggoo waan taheef dirqammi joonjee qabate keessaa sabicha baasuu kan saaniitii.Kan kana gochuu dandahan qaama yaa’ichaa tahanii qabsoo sabaaf gumaachaa kan jiranii.Akki qabsoon Oromoo battala adda addaatt si’ana itt qabamaa jiru yaaddessaa dha.Kanaaf hundi garaa qulqulluun of qoree yaada furmaataa dhihessuu qaba. Gara kanatt masaka kennuuf hayyooti Oromoo hundi dirqamaa fi abbaawummaa qabu.

Oromummaan “Nuwii” kan ofiin jedhan akka martoota wiirtuwalooti ilaalamuu dandahu. Martii xiqishuu tuqaa wiirtuutt haantu akka warraatt ilaalamuu dandeessi. Sana duuba balbala, qomoo, gosa, jedhee sabatt ol guddata. Sabi marti alaa guddicha hunda haammatu jechuu dha. Tokko tokkoon martootaa keessa tuqooti nuu fi isaan kan waliin jedhan jiraachuu dandahu. Hundu tuqaa miira, dudhaa, amantoota, ganda fi godinaa qabu. Addummaan sun dhaloota duuba waan guddifatanii. Kanaaf jijjiiramuus ni dandahu. Gamnii, jabina martoota waliigalaaf garagarumaatt dhimma bahuu ni dandaha; hamaa harkatt garuu burjaajii uumuu dandahu. Sadarkaa kamittuu, tuqaaleen martii tokko keessa jiran martii takka haa tahu, martoota wiirtuwaloo ol, amanamummaa barbaadnaan waan jallatetu jira jechuu dha; shaffisaan sirraawu qaba. Addummaan tokkummaa sabichaa caalaa jabaannaan balaa qaba.

Oromummaan waan dhalootaati, kan ofirraa dhiqanii baasan mitii; qaceen saa dhalootaa dhalootatt darba. Dhugaan kun utuu jiru Oromummaan ilaalcha waloo masakaa hundaaf tahee fulduratt gahaatt hin bane. Afanfajjii fi kolomsiisa holola diinaan faca’etu akka Riqa Arrojii yk Ilaalaa Baabiloon jedhamuu afaan wal waldhaalchisaa jira. Qabsaawota kan ofiin jedhan keessa kan of hin beekne fi ofitt hin amannetu jiru. Sabichi saba guddaa, qaroomota dhaloota Kiristos dura beekaman keessaa gahaa qabu. Aadaa demokrasiin kanneen hanga yoonaa beekaman keessaa yoo caale malee kamiinuu gadi miti. Lakkoofsa ummataa naannaa saa jiran keessaa guddicha. Qabeenya uumaan hafee hin qabu. Beekumsa ogummaa, nagaa jaallachuu fi jannummaan kan komatuun hin jiru. Waaqtokkee tahuun kan isa dursu hin jiru. Kan maqaa saan sosso’an garuu kana hunda hin calaqisanii. Sodaatamu irra tuffatamu; hogganuu irra hogganamuu; nagummaa irra hammeenya agarsiisuu fi ummata ofii qindeessanii surraan mullachuu irra wan asgali hin jedhamneen bakka buufachuu yaaluun kan isa salphisantu caala.Kanaaf dandeettiin ummata kanaa kan harka jiruu fi riphaan dhimma itt hin bahamin jira. Maal wayyaa? Salphina kana keessaa attamiti bahamaa? Kan seexaan saanii salphina akkasii hin fudhanne itt yaaduu qabu. Halaalatt harka utuu hin hiixatin dura qeyee ofii soneeffachuun filmaata biraa hin qabu.

Oromummaan martii gandummaa, amantee, gosummaa kkf haammata.Hunda madaalee gaggeesssuutu irraa eegama. Jarri faaya saatisii. Kanaaf hundi amanamummaan isaaf qaban mara dursa jechuu dha. Hariiroon “Isaan” kan jedhaman waliin uumamu amanamummaa kana kan faallessu tahuu hin qabu. Sana malee raayyaa irraa adda bahanii diina mararfachuutu dhufa. Koloneeffataan keenyaa, nuwiif diina. Nuuf diina jechuun kan abba tokkee haa tahu saboota fedha saanii malee too’annoo jala galchee yk galchisiisee qaama fi qabeenya saanii irratt akka fedhett ajaju, mirgaa fi eenyummaa saanii haalee gara laafina tokko malee humnaan of jala jiraachisu jechuu dha. Diinni keenya daangaa nutt darbe. Dhalooti, afaanni, biyyi, daayi, dantaa fi kaayyoon keenya adda addaa. Nuti wararamoota inni warartuu dha. Nuti cunqurfamoota inni cunqursaa dha. Nuti kodee dhaa inni halagaa dha.

Kanaaf nuwummaa keenya akka qilleensi hin gallett eeggannu malee miiddhaan nu biraa hin hafu kan jedhamu. Kun akka Oromoon of itt ilaalanii. Gurguddoo Habashaaf Oromiyaan si’anaa yeroo hin yaadatamnee kaasee biyya saanii ture. Oromoon warartuu naannaa kana jaarraa 16faa madda hin beekamne kan laga faa dabalatuuf kkf. dhufan. Oromoon aangoo waaltaa qabaatanii waan hin beekneef akka saba tokkoott ilaalamuu hin qaban. Mirgi saanii abba abbaa kabajamuufii caaluu homa argachuu hin qaban. Kun yaada raagoti saanii dabtarooti sammuutt jaarraa hedduuf gad huduman. Kanaf mirga Oromoon kiyya jedhu hin fudhataniif. Qarqabaa kana kan Oromoon isaanitt michooman fudhachuun gaaffii sabummaa kan silaa Oromo akka sabaa walabaatt aangessuu dandahan irraa dheessan. Kana ilaalaniitu ummatii, sochiin saanii fashaluu irraa hin baraaramu kan jedhan.

Hamma yoona kaasaa Oromummaaf waliin dudhama fi murannoo agarsiisuu irratt walbuusuun miidhamaa jirra. Hanga hardhaatt kan gidiraa waliin itt gallett “nuwi” dhiisanii “isaanitt” galuun horooman hin agarre. Kan walfakkaatu yoo waliin dhaabbate qofa miidhaga. Ummatooti addunyaa yoomuu caalaa wal irratt hirkachuutu nutt himama. Haa tahu malee hunduu dantaa biyya fi nama ofii durfannoo akka kennan waliin nutt hin himamu. Hunduu humnaa fi bu’aa caalaa ummata ofiif argamsiisuuf, dadhabaa macalaqsanii bira darbu malee “anaa haanyaatu” jedhanii olkaasanii hin tirsanii. Caalmaa kana argachuuf haa tahu hurrisa jalaa bahuuf kan anjaa qabu, kan tokkummaa fi qophii cimaa qabu. Akka itt of ijaarruu fi mala ittiin qabsoofnu nammi nutt hin himuu; sun diroo keenyaa. Oromoon dorgommee addunyaa keessa seenuuf dura of bilisomsuu qabu jennee kaanee. Nuwii fi isaan gargar baafachuu kan uggetu sanaaf qophaawuu dandaha.

Ummata ofii damqsanii iddoo saanii dhugaa akka qabatan gochuu irra halagaatt riqatanii of fooyyesuu kan filatan hedduu dha. Hamma yoonaa dhugaa lafa jiru sirriitt rogaan mullisuuf sabboonoti hedduun yaalaniiruu. Isaanuu ukkamsaa sadoo meeqa keessaan hasaasan malee hamma irraa eegamu mandi’uu hin dandeenye. Kan hafan sagalee ol kaasanii iyyicha dabarsuu dhiisanii ofitt guungumu. Oromoon hedduun biyya saanii, ulfina saanii fi eenyummaa saanii dhabanii utuu jiranii maal nuun jedhuutu rakkisaanii. Kan homaa hin qabne wanti jedhamuun akka hin jirre hin hubatanii. Aarii ukkamfatanii bokokanii taa’uu. Sana futtaafatan malee yartuun itt taphataa haftii.

Kanaaf, falli saanii bakka itt kufanii ka’anii, diina digaluu taate ofirraa urgufuu dha. Hundi salphinaa fi roorroo irra gahaa jiruuf waliin aaduu fi iyyuun hunda hirriba dhowwan malee, miidhama saaniif eenyuu xiyyeeffannoo kennuufii hin dandahu. Tuffii fi salphinni kan finiinsu, kan sanaan middhaan itt dhagahamu qofa. “Baraa fi furguggee guugguufanii jala bahu” jedhanii kan gombifaman jiru. Garuu achittis jalaa hin baanee, gubbaa dhaa gad itt erganii. Baras, furguggees si’aawun itt deeman ofirraa qola’uu. Du’a hin olleef ofirratt alba’uun qaanii waliin jiraachuu taha. Qaaniin sabicha diinaaf ulfina. Yoo yeroon dammaqanii duran hin dhaabbanne isaan babbaqasuu, facaasuu, deegsuu fi gadgaloo gochuun qaanesuun itt fufa.

Hedduun beekota qabnuu, hololli Habashaa ittiin surrii dhiqamaa guddatan barumsa dhaabota beekumssaa olhaanoo irraa argatan caalaa kan gadi lixe fakkaata. Dabballooti ol haanoon dirqama qabsoo ummataa itt kenname baatanii jijjiirammi haalaa, dhiibbaan fedha adda addaa fi rakkinni abba abbaa gara dhabsiisaa jira. Sochii bilisummaa Oromoo rakkina sabicha qabate irraa eegalee. Maqaan Oromoo jedhamu sochichaan bakkatt deebi’e. Oromoon biyya Oromiyaa jedhamtu qabaachuun kan haalan jiraatanuu isaan fudhatama argate. Afaan ofiin barachuu fi ittiin hojjechuun isaan mirkaneeffame. Qubee ofii qabaachuun isaan eegalamee. Isaan bu’aa guguddaan galmeeffame. Bu’aa sochiin bilisummaa fide himamee hin dhumu.

Jiji kun jannoota lafeen saanii awwaala malee hafe Oromiyaa irra faca’ee jiruun galmeeffame. Haadholiin Oromiyaa ergasii janna dahuu dhaabanii laata? Kanneen qabeenya Oromiyaa gufuu tokko malee bolquu barbaadan olhaantummaa malbulchaa irratt argachuuf kara karaa bobba’anii sochicha haleelaa jiru. Isaaniif akkuma durii Oromoo raatessanii irra bahuuf sochiin bilisummaa Oromoo badu qaba. Kanaaf tumsa alaa manaa qindeeffataniiru.Sochiin bilisummaa bakka miiddhaan jiruu hogganamu malee injifannooleen hanga yoonaa galmeeffaman duubatt deebi’uu dandahu. Sochicha badii irraa oolchuun dirqama Oromoo hundaati.

Garuu yoo maal godhame sun dhugoomuu dandaha? Jalqaba seerroti dhabaa fedha abba tokkee fi murnaa qufsuuf gara dhabsiifamuu akka hin qabane mirkanaawuu qaba; garuu akka abbalamiifitt hojii irra ooluu qabu. Dhaabi hawwa abba tokkee yk garee quufsuuf fedha kutaa miseensota saa tokkoo qofa calaqisuu fedhu murna fedhaa yk waldaa dhuunfaa malee, dhaba malbulchaati ofiin jechuuf hin dandahu. Kanaaf akka dhaaba malbulchaatt fiixaan akka hin baane beekamaa dha. Diinni Oromiyaa harkatt galfate of harka tursuuf boqonnaa malee halkaniif guyyaa hojjeta. Gara Oromoon tattaaffii walfakkaataan hin mullatu. Yoo shakalli akkasii jijjiiramuu baate Oromoon yeroo hundaa gaaga’amaa tahanii hafu dandahu. Diina didhchiisanii hojii ittisaa irratt harkifachuun didhchiisuu dhiisuu caalaa hamaa tahuu dandaha. Adda bilisummaa maqaa qabu tahuuf, halkanii fi guyyaa giidoo kan diinaa caaluun jabaatanii hojjechuu gaafata. Halagaa akkeessuun demokraasii irraa qoolifachuu manna hundee ofiitt deebi’ani heeraa fi seeran buluu wayya ture. Hamma yoonaa erbaala irratt malee Oromoon jaarmota demokraasii shakalan hin horannee. Dhaabi saanii angafti hunda caala jedhamullee hangammeessa saba guddaa kanaf malu hin geenye.

ABOn yeroo adda addaa gargar cacaba dhufe. Dhihenyuma murni gargar caban araaraa buusanii hamma Korri Sabaa demokratummaan ijaramee fi iddoosa ta’e walgahe dhaabicha tokkeessutt gurmeessa tokko jalatt hojjechuuf waliigaluun waan gammachiisuu. Hogganooti “nuwii” fi “isaan” kan jedhu miseensota ABO gidduutt cichee akka hin hafne, dhaaba hundee tokkomsuuf durfannoo kennu jedhamee abdatama. Namooti ulfina qaban dhugaa fi ifaa tahuu, fedha of qulqulluu gochuu barbaaduun bakka hin buusanii. Waliigalteen tolfame hanga yaa’iin nagaa xumuramutt akka itt wal tahamett yoo gaggeeffame wanti injifannoon hin baaneef hin jiru. Sanaaf Gummiin Sabaa fi kan murtii hojii irra oolchan abbaawummaa fi itt gaafatama qabu. Hunduu qulqullina garaa, akka olhantummaan gaggeessee injifannoon hulluuqsisu abdata. Hogansii carraa argame kanatt dhimma bahee daba qajeelchuun seeraan bulmaatatt deebisuu hindandeenye ummata guddaa kana injifannooti geessuu akka hin dandeenye dursee beekamuu qaba.

Sun akka fedhe tahus barsiifati dullachi jijjiiramu malee hobbaatiin hawwame argamuun mamii qaba. Sanneenii addaan bahinsaa fi hankaakuuf kaasaa kan tahanii. Garuu kan qabnuu tirsuu malee ammaafi filmaata biraa kan qabnu hin hin fakkaatu. Yoo kan tirsinu nurkatt dadhabe garuu fala hin dhabnu. Maal wayyaa, Oromoon qaba kan jedhamus ABOma? Waan halle ilaalcha sirriitt galchuuf warraaqsa dhuga gaafata. Yeroo inni jabaatu eegee kan wuxxisan, yoo dadhabu ijaan argaa saa kan hin feene fi maqaa itt baasan jiru. Sabboonaa kan ofiin jedhuu ujuu Oromoo kana jibbuun of jibbuu dha; ofittoo fi doofaa malbulchaa tahuu dha. Oromummaa kan jaallatuuf xiiqii walgiduu utuu hin tahin kan baasu hojii dha.Hoggansi kamu dhiibbaa jireenya ofii fi kan hariiroo halagaan utuu hin dagamin sochii qabsoo bakka seett deebisuuf tolfamuuf gamtaa agarsiisuu qaba. Sochiin bilisummaa hanga diina harka bahanitt hin dhaabbatu.Hoggansi garuu yeroon kan dangahame waan theef imaammati saanii egerref kan dhimma baasu malee kan ofiffumaa hardhaa quufsu qofa tahuu hin qabu.

Gadaan kan dargaggooti. Jibba, laafinaa fi hammeenyi abba tokkee Gadaa darbee dhaalmaan darbuu hin qabu.Kana attamitt hambisuu dandeenya.? Oromummaan jibbaan hin jaaramu. Goototi keenya jaalalaaf itt dhumanii. Ijoolleen keenyas isaan faana bu’u jennee abdanna. Dadhabaa qabnu jabeessanii jabaa keenya hirromsanii, daba keenya sirromsanii ilaa fi ilaameen nu gaggeessuu maalee, kan tirsaa dhufne badduu baasu hin jennuu.Oromiyaa kan Oromoo kan taasisu walabummaa dha. Kaayyoo walabummaatt yoo hin cichine, ummata maxxannee malee, bilisa fi abbaa biyyaa tahuun hin jiru. Oromoof jireenyi gammachuu fi bilisi abjuu tahee hafa.

Habashooti ummatooti kolonii Itophiyaa hundi of dhiisanii “nuwii” ta’aniiru jedhanii of amansiisaniiru.Sunis namoota yartuu moora ofii caalaa kan saaniif gamtaa agarsiisan laaluuni. Isaaniin kolonota cabsanii hardhas isaanuuman cabsaa jiru. Nuwi caalaa Itophiyaan hin jiru; nuti jirmaa malee dame fottoqu mitii; qabsoo nagaa malee lolli nu hin baasuu, kkf jedhaa mooraa diina shororkeesaa tahe beekaas utuu hin beeknis gabbisan jiru.Sanaaf fayyaalessi “ishooyee” dhiichisu hedduu dha.Dinni jabeessuuf “shuu!” jedhaa jirus akkasuma.Oromoon digaluu ofirraa urgufa malee jirma irraa fottoqu hin qabu. Oromoof waldhabdee eenyu waliinuu qaban nagaan fixachuun akeeka dudhaati. ABOnis haala kun itt dandahamu lafa kaa’eera.Walabummaan Oromoo garuu maaliifuu dhoofsisaaf dhihatee hin beeku. Kan hamaan itt dhufu ofirraa fachisuun mirga dhalootaati. Empayerri seenaa keessatt nagaan diigamee hin beeku. Kan duriif gowwoomniiru, “Gaallaa Gabarii Haaraan” lammattaa Oromoo hin gowwoomsituu.

Dargaggoon, Hagoosii fi Irgaxeen maaliif Tolasaa fi Birbirsott garaa jabaatu, maaliin caallanii biyyuma saanii irratt gooftaa itt tahan kan jedhu deddeebi’anii gaafachuu qabu. Deebiin saa halagaa waan tahaniif garaa itt jabaatu; qawwee waan qabaniif gooftaa irratt tahanii kan jedhu tahuu dandaha.Halagummaan seenaan dhufe; roorrisaa jalaa bahuuf falli qawwee harka buusuu qofa. Tolasaafaan yoo mirga ofii gaafatan diina nutti hammeessuuf jedhanii firooti rom’an jiru.Diina isaan fixuutt jiru sana caalaa mal akka hin gonetu sodaatame lataa? Tolasaafaan sodaan akka isaan hin baafne baranii qaata “Lama nun suufan” jedhanii ka’anii. Sanyi gadigalooti yoo ofiin hin jenne, Oromoon kamuu akkuma Tolasaafaa kutachuu qaba.Kanneen gooftaa irraa fagaatanii jiraachuu se’atanii hin beekneef, garaagarummaan ulfinaa fi salphinaa itt hin mullatu. Jannaa fi abeebi sanaan gargar bahu. Kan onnee qabu du’a hin sodaatu. Kan du’a hin sodanne gadgalummaa hin fudhatu. Kanaaf diinaaf hin sarmu.

Wayyaaneen mootummoota darban irraa adda fakkaachuuf sabooti Itophiyaa jala jiran mirga hiree muteeffannaa akka qaban heera saa keessatt galchee jira. Sun mirga ilmoo nama addunyaa maraan beekame, eenyuu sababa kamiifuu haaluu hin qabneett beekama. Garuu Madrak ni balaaleffate. Wayyaaneen hiree murteeffannaa haa fudhatu malee kolonummaa hin fudhanne ture.Kan angoo irraa finqilchaman hundi imaammata Wayyaaneen sabootaaf qabu hunda akka yaada gandummaa fi ummata Itophiyaa addaan ciruutt fudhatanii gadoodaa jiru. Ummata Itophiyaa yoo jedhan Amaaraa fi Tigraaway mataa qabu; jarri jabaannaan wacci koloniin wan guddaa miti jedhanii yaadu. Waa hin hubataniif malee, Wayyaaneen leelloo addaa Oromoo qabuuf utuu hin tahin akka itt Empayera tursuuf mala dhahuu saatii. OFKn Wayyaaneenuu ni soba malee hojiirra oolchuuf miti jennee, Ango 39 gaddhiifnee halagaa fromfachuuf Madrakitt galle jedhanii.Safuun kan carraa argataniin mirga ummata saaniin dhoofsisuutt cehaniitii.

Oromoof, empayerri diigamu malee furmaati hin jiru. Itophiyaan Empayera kan taate erga humnaan biyyoota walaba kibba shee koloneeffattee booda. Empayera kan isee tolche hariiroo kana. Empayerri haa diigamu jechuun hariiroo kun haa dhaabbatu jechuu dhaa. Itophiyaanis kolonoottis biyyoota walirraa walaba tahan ta’u jechuu dha. Waldhabdeen jiru karaa fedheen furmaata argachuu baannaan gidiran ummatoota wayyabaa itt fufa.Sun dhaloota egeriif akka tolu, hardha itt dhiiguu, itt cabuu, itt hidhamuu fi itt du’uu akka gafatu akeekkachiisa.

Kaasaan hundee mamii fi haala dimmimmisaawaa qabsaawota Oromoo gidduutt uume hariiroo Oromiyaa fi finnaa Itophiyaa gidduu jiru irratt qayyabannoo waloo dhabuu dha. Dadhabinni abba abbaa, ofittummaa, ofirrumaa fi kanneen biraa dabalata. Yoo sun qulqullaawe danqaraa karaa qabsoo irra buufame waliin kaasuun dandahama. Waan kana irratt gara hundaan keessaanlaalummaan jiraachuu qaba. Wal sobuu safuu gochuu dha. Ummati garaagarummaa Mormitu Amanamtuu tahanii mootummaa Habashaa waliin dhaabbatanii fi kan kanneen walabummaa Oromiyaaf bilisa tahanii qabsaawan gidduu jiru hubachuu barbaachisa. Isaan lamaan faradoo kaabaa fi kibbatt gulufan fe’achuu saanii utuu ilaallu “Bitaan yaaban mirgaan yaaban walgahi kooraa dhumaa” jechuun wan namaaf hin qayyabatamne. Jechichii akkuma jirutt kanneen gar tokkott farda tokkoo fe’atan qofaaf dhugaa tahuu dandaha.

Mormitooti Amanamtuun Oromoon aangoo baayyina saaniin walgitu argatanii Itopiyaa ta’anii jiraachuu dandahu jedhu.Yaadi akkasii caasaa fi hariiroo haaran kan amma jiru bakka bu’ utu uumama kan jedhu of keessaa qaba. Kun, kan hundi bu’uura saa itt buufatu yeroon cehumsaa jira jechuu dha. Kanatt amannaan utuu harka hin kennatiin dura dhoofsifsisuu hammam dhugoomuu akka dandahu mirkaneeffachuu ture.Garuu kan isaan yaadan waan gurra saboonotaatt ni tola jedhan malee waan ittt amanan miti.Yaadichi akka hin fudhatamnes beekuu.Jara aadaa aangoo nagaan walitt dabarsuu hin qabne hafee eenyuu wan itt dafqee, it naafatee, itt du’ee argate tola gad hin dhiisuu. Kanaaf sanaa yaaduun, isaanuma waliin akka mormituu amanamtuutt Oromiyaa saamuu irratt qooda fushachuun abbbalamee fakkaata. Sana utuu hin taane sabboonota dhugaan harka walqabatanii karaa dandahamu hundaan warartuu ofirraa buqqisanii hiree ofiitt abbaa tahuu yaaluu turanii.Imaammati saanii soda irratt waan hundaaweef harka kennachiisaa dha; kanaaf kaayyoo goototi du’aniif bakka hin bu’u.

“Nuwii” jechuun nuti Oromoon jechuu tahu ni hubana. Nuwii fi koloneeffataan keenya cunqurfamoota fi cunqursaa dha. Kanaaf hanga hariiroo kanaan jirrutt walii diina. Nama Oromoo haala duree tokko malee isanitt galee, Itophiyaa demokraatessuuf jedhu Oromoo raatessuu irraa akkamitt addatt ilaalaa? Wayyaanee irraawoo? Oromoon mormituu amanamtuu utuu hin tahin akkuma Wayyaanee DDUT (TPDM) keettoo harka lafa jalaan ni kaawwata taha.Jarri akkasii akeekas kan itt gabaasanis qabu; bakka dhaqan oo’ifatanii kan hafan hin tahanii.

Garee filachuun mirga abbaatii.Garuu mirgi sun kan dantaa Oromoo miidhu akka hin taane of keessaa bahanii ilaaluu gaafata.Oromoon utuu walabummaan jabeessee of hin ijaarinii fi, of hin bilisomsin Itophiyaa keessa seene gaafii saaf deebi soquu dhuguma dandaha? Koloneefffatan diinamoo fira ofirroo dha? Yoo diina tahe rukuttaa malee deemuuf hin taa’uu.Fira ofirroott kan fudhataniif qabsoon rukuttaa hin qabne yaalamuu ni dandaha. Kan qawwee hin hikkanne, mana hidhaa guyyuu cimfataa jiru, kan guyyuu ummata ofiitt roorrisu waliin dhaabbatanii waa’ee nagaa dubbachuun of sobuu hin tahuyii? Oromoon kan morman sirna koloniitii. Malbulcheessitooti keenya maaliif ABUT qofa irratt akka xiyyeeffanu nu tolchuu fedhu? Kan empayericha akka jirutt tursuu fedhu hundi diina ABUT gadii miti. ABUT qofa addaan baasanii ilaaluun murnoota Nafxanyaa ofirroo tahan walii tumsutt geessuu akka dandahu irra ilaalamuu hin qabu. Murni aangoo irra bahu hamilate kamuu Empayera sirna Nafxanyaa waan bakka bu’uuf kan waliin nakkaran taha.Diina akkasii waliin tole jedhanii hojjechuun nagummaa ni taha? Yoo dhuguma Oromummaatt ni amanna tahe utuu qawwee biyya ofiitt gara galchuutt hin ka’in debifnee of haa gaafannu.

Bu’uuri Oromummaa cimaan duubaan utuu hin jiraatiin caasaa empayeraa irraa dorgommeen aangoof godhamu fedhaa fi deggersa halagaan malee moo’uun hin dandahamu. Maqaa Oromoon mooraa diinaa keessatt sana malee moo’uu nan dandaha jechuun ofitt qoosuu dha.Halagaan sana fedhee deggeru yoo jiraate bu’aa keessaa kan harka guddaa barbaadu. Qabsoon Oromoo dadhabbii taatotaan yeroof rakkina keessa seenuun, kan murannoo hin qabne abdii kutachiisuu dandaha. Sun Oromoon ofirraa baqachuuf sababa tahuu hin qabu. Gaaffiin Oromoo kan deebii argatu yoo kanneen gaafatan waliin daawiitii Oromummaan ilaaluu yaalan qofa. Naannaa jirrutt martii martiin mari’achuu barbaachisa. Marii akkasiin yoo hobbaatiin argame, waan halle dhooftuu godina, ganda, gosa, amanteen furuu ni dhiifna taha.Dargaggoon haala jijjiiramuun xaxamu hin qaban. Manguddoon jibbaa fi ilaalcha dhiphoo ijoolleett dabarsuu yaalan yoo jiraatan abaaramoo dha.

Karaa fedheen waldhaantoo keenya itt oofaa sirna gadaa keessaa haala tokko tokko foyyessinee guddifachuu yaaluu dha.Fakkeenyaaf sirnaa gadaa keessatt guddina daa’imaaf xiyyeeffanoo guddaatu kennama ture. Ijoolleen waggaa dhalootaatt hiramanii hawasa keessatt qooda bahatan qabu. Barnoota, hojii, shakala qamaa adda addaatu akka waggaa dhalootaa yk hiriyaatt kennama.Bakka hedduutt hiriyaan kun dabballee, foollee (gaammee guddaa fixiqqaa) qondaalaa fi Raabaa Doorii jedhamu. Ijoollee aadaa fi namusa barsiisuuf ammas sun waan hin taaneef hin jiru. Wayyaaneen Oromiyaa, ganda, garee, gooxii, shaniif tokko, caasaa jedhutt hireera. Sanaa olis aanaa, godinaa kan jedhaman jiru. Ijaarammi hiriyaa kanneen keessatt tahuu dandaha.

Barnooti unkeffamaan mootummaa jala jira.Aadaa ofii guddifachuun mirga Heeraan beekame wan taheef barnoota hin unkeffamne akka dudhaatt kennuun mirga. Kanaaf guddina aadaa fi eenyummaa ofii kara sana misoomfachuun ni dandahama.Taphi, sirbi fi hojiin hiriyaa walitt fidu jajjabeefamuun bu’aa qaba.Egereen Oromoo daa’imman saaniitii.Yoo danda’ame kan diriire keessatt sirna hiriyaa ijaaruu dha.Bakka hin dandahamnett qixaa caasaa jiruun ijarrachuu dha.Seeraan ifatt guddini hawaasoma sabicha dhorgamnaan akkuma kan malbulchaa fudhatanii lafa jalaan lixuu dha. Kanneen Oromiyaa keessatt ganda fi jalee saa gaggeessan namootuma Oromiyaati. Wanti yaalamu isaanis kan hammachuu dandahu waan taheef gamtaa dhowwannaan safuu itt tahaa.

“Isaan” mirga ummatoota koloneeffatanii beekanii,seera saanii irra godhaniiruu.Mirgi seeraan jiru yoo hin guutamin abbaatu falmataa.Sana fiixaan baafachuun “Nuwi” ilaala jechuu dhaa. Mootummaa Cehumsaa kan seename nagaan fiixaan baafannaan amanameetu.Nu dagani. Haalamnee ari’amnee. Ergasii saqaan nu giddu jiru baldhataa malee dhiphataa hin jiru.Qabsoo nagaa wanti jedhamu akka hin baafne utuma waliin jirruu itt hidhamnee, itt duunee agarree. Mootummaan abbaa hirree tahe, kan seeraan bulmaata hin beekne biratt qasoon nagaa of ajjeesuu gaditt hin laalamu. Namooti utuma arganii sana lallaban jiru. Dhuumisii ummataa morma nagaa “Master Plan” Finfinneetiin gahe sammuu saanii hin hanqooqnee.

Cinaan waa jechuuf, Finfinneen wiirtuu Oromiyaa ummati hedduun qotatee, horii horsiifatee, lon hora obaafachuuf kan kallatii hallee itt yaa’an hundaa keessumsiisee, wal horee basha’ee irra jiraatu turte. Erga qabamtee babbalachuu hin dhaabne. Moototi ergasii dhufan hundi waa itt dabalaama dhufanii.Seeraa qofaan utuu hin tahin fedhaa gabaanis baballatteettii.Yero qabamte nammi irra jiru hundi buqqa’ee mooraa raayyaa koloneeffataatt hiramtee. Booda seeraan magaalaa muummitt finnaa Empayeraa, Oromoon homaa keessaa hin qabne taatee.Hamma Dargiitt magaalaa Amaaraa turte. Innis wuxinee “Master Plan” dhiisee darbe. Finfinneen hardhas yeroof Afaan Amaaraa haa dubbattu malee lafa naannaa seetii Oromoo irraa buqqisaa jiran raayyaa Tigrawaayyi hiramaa jiraachuutu dhagahama. Afaanni yoom akka jijjiiramu hin baramne.

Master Plan” kan jedhamu seeraan mirkaneessuu malee Finfinneen qaata magaalota naannaa jiran liqimsitee. Haalli kun madaa o’aan jiraachuu fi bara Oromummaan nammi deebisee harka wal qabachuutt ka’e dhufuu saaf malee qabsoo biyya ofii irratt abbaa tahuuf godhamaa jiruu addatti kan ilaalamu miti. Yeroo kana sun tahuun tuffii diinni ummatichaaf qabu ifaatt baase.Duran keessan miti jedhanii keess nu ariinaan nama meeqa itt wareegne. Hin turre nu sossobachuuf deebitan jedhan. Garuu maqaaf malee achi keessaa homaa akka qabannu hin goone.Ammammoo Master Plan jedhanii nutt dhufanii. Kanaaf tuttuqaan Finfinneef nu kakaasaa jiru akeeka keenya isa guddaa akka nuwi hin irraanfachiifne eeggachuu dha.Nuuf Finfinneen qama Oromiyaati; hardha iseef iyyinullee qabsoo walabummaa see kan Oromiyaan addatt hin laalluu.Isaaniif waanti amma godhaa jiran bulchootaf madda duroomaa kanaan dura hin tuqamne argamsissuu fi mirkaneessaa wiirtuun Oromiyaa Amaara harka Tigrawaayitt darbuuti.Shaggar qofa utuu hin tahin magaalota Oromiyaa hunda malaan Oromiyaa keessatt laaqii Habashaa tahanii akka hafan mala dhahaa jiru.Oromoon maal godhaa jiraa?

Akkuma bara Cehumsaa kan fira fakkaatanii Mormituu Amanamtuu dhiddhiiban Wayyaaneef yeroo bituuf malee isaan hirromsuuf akka hin taane muuxannoo gahaatu jira. Hundi, haala malbuchaa hardha addunyaa keessa jiruun, dantaa saaniif walabummaa sabootaa utuu hin tahin, Empayera humna yaroon moo’amu filatuu. Haala kana kan jijjiiruu dandahu qabsoo cunqurfamoota qofaa. Kana irratt qabsoon Oromoo qooda guddaa taphachuu dandaha.Sochii bilisummaatii jiru sirna empayeraa jalatt maqaa Oromoon eenyuu goloota sabhedduu waliin dorgomee xiyyeeffannoo hin argatu. Yeroo hagam haa fudhatuu malee, kan kaayyoo saaf dudhama fi kutannoo qabu bakka akeekate irraa hin hankaakuu. Hanga Oromiyaan walaboomtutt “Nuwii fi Isaan” gidduu firummaan hin jiru.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.

Ibsaa Guutama
Onkoloolessa, 2015

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …