Oduu Haaraya

“Warshaa Harreen Keessatti Qalamee Gara Biyya Alaatti Ergamu Jiraachuu Mormine”

Jaallannee Gammadaa

Warshaa Harreen Keessatti Qalamee Gara Biyya Alaatti Ergamu Jiraachuu Mormine

Warshaa Harreen Keessatti Qalamee Gara Biyya Alaatti Ergamu Jiraachuu Mormine

Godiina Shawaa Bahaa Magaalaa Bisooftuu keessatti jarreen chaaynaa warshaa harree keessatti qalanii gara biyya alaatti ergan dhaabamuu mormuun Kamiisa Fuulbaana 08 bara 2016 mormii ba’ameen namni tokko ajjeefamuu ka biraa tokko du’u hin oolu jedhamuu fi sadaffaan madaa’uu jiraatonni ibsanii jiru.

Sababaa Kanaan ijoolleen 8 hidhaa keessa akka jiran dubbatu.Warshaan kun gad-dhaabamuu kan ilaaleen ammaan duras mormiin gaggeffamee yeroof warshichi hojii dhaabee akka ture fi amma garuu deebi’ee hojii jalqabuu isaa ibsan.

Abbootiin qabeenyaa warshichaa mootummaa biraa ehama qabna akka jedhan kan dubbatan jiraattonni kun aadaa keenya waan hin taaneef nu irraa dhaabachuu qaba jedhu.

Itti gaafatamaan Waajiira poolisii magaalaa Bishooftuu waa’ee hidhaa fi ajjeechaa gaggeeffame jedhame kanaa gaafatamee magaalatti keessa hin jiru, hin beekus jedhan.Bulchiinsa magaalaa dhaqqabuuf yaaliin goonees hin milkoofne.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …