Oduu Haaraya

Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaase…

Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat irra qubsiifamee jiru, uummaata nagaa irraatti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii ajjeese.

(Gabaasa Qeerroo – Lixa Shawaa – Waxabajjii 12, 2014) – Waxabajjii 12/2014 Waraannii Mootummaa Wayyaanee Godina Lixaa Shawaa aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis irra qubatee jiru barattoota irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii (3) ajjeese jira. Mootummaan Wayyaanee duula dugugginsa sanyii genocide uummaata Oromoo irraatti banee jiru jabeessuun itti fufe.

Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaasuun yeroo amma kanatti uummata nagaa irratti waraana banuun dhukaasee ajjeesa jira. Addatti ammoo barattoota Oromoo adamsee rasaasaan reebee ajjeessuu itti fufee jira, haala kanaan barattootni Oromoo kutaa 12ffaa bara kana xummuran sadii (3):

1. Barataa Damee Balchaa Baanee
2. Barataa Caalaa Margaa kanneen
3. Barataa Baqqalaa Tarrafaa

Jedhaman keessatti argamu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *