Oduu Haaraya

Yaa Umare Dilii Maalif Ajjeechaan Akkana Sirratti Raawwatte.??

Viideon mucaan Oromoo ittin ajeefame kunoo isa kana rukuutu rukuuti yeero ju,u dhageeyfaadha
Garu sabaa himaan mootuummaa sa’uudii madden polisii maqaa dhahuun akka gabaasaniitti lammiin Itiyoophiyaa kun polisoota harkaa qawwee fudhachuuf ituu yaaluu ajjeefame jedhu.

http://youtu.be/d4wQ79tHhn0

 

Umaree Abdurahaman Alii

Umaree Abdurahaman Alii

Kan Suraan isaa armaan olitti mul,ttu kuni ilma Oromo Umriin isaa waggaa 24ti maqaan isaa Umaree Abdurahman Alii ja,ama Bakki Dhalota isaatiis Baha Oromiyaa Aanaa Dadar Magaalaa Soqaatti dhalatee guddate … Hamma hin Du,initti kan itti jiraacha turees Biyya Sa,udii Magaala Riyaad Ganda Manffuuhaati, Garuu Guyyaa 5/11/2013 Ganama keysa Sa,a 7tti kaardii Mobayilaa bitachuuf  Mana galurraa gadi bahudhaan , Dukkanaa dhaqee kaardii mobiyilaa Qarshii 10niin bitate gara manaatti debi,uuf yero hawwutti polisa Sa,udii sakkattaaf bobbarraa jirtuun wal qunnaman , kottu jechuun wayta isa yaaman xaleyaa ( Heera Biyya ) tana waan hin qabneef isaan baqatuuf tattafatullee Rasaasa polisii jala baqachuu hin dandenye,Bifa armaan olitti suraa isaa argitan kanatti Daandiirratti dhiigni isaa akka dhiiga horitti dhangal,e Rasaasa polisii Sa,uditiin rukutamee battalumatti lafa dhawee Du,e e.

Obbo Naasir Alaa Ilma Oromo Guyyuma 5/11/2013 Qabame keysa isa tokko . Qabamuun isaa ganama keysaa sa,aa 7tti gara hujii deemuuf oso jiruti kan qabame obbo Naasir Nama Heeraa gutuun biyya tana yero dheeraaf jirata jiru hoggaa tahu inni abbaa maatii fii abba ijollee 3ti nama ammallee yeroo dheeraaf maatii (Haadha Mana isaa ) ta dhukkubsata jirtu dhukkubsachiisuun mana yaalaatti deddibisaa jiraachuuni bekkama.Garuu guyyaa qabamee kaasee hamma yeroo ammaatti bakki itti hidhaa jiru waan hin bekkaminiif jollee fii maatiin isaa rakkoo cimaa keysatti argaman.

Inni Uffata Adiin Dhaabbatu kuni Abdurashiid Hassam Mohameed (Naasir Alaa) ja,amuuni bekkama

Inni Uffata Adiin Dhaabbatu kuni Abdurashiid Hassam Mohameed (Naasir Alaa) ja,amuuni bekkama

Gara biraan Obbo Sharaf sheehaa namni ja,amu ilma Oromooti Riyaaditti jiraachaa jira. Guyyuma fattashaa fii sakattaan gad geyfamaa jirtu kana hubanno dhabaan gara hujii hojjattutti bobbahuuf  mana gadi bahe mi,a hujii of harakatti qabatee, mi,a hujiif inni deemuun harkaa fuudhanii mataa isaatiin rukutanii isaa dhiyni irraa dhangal,u makiinaa polisatti fe,anii deemaniin booda haalli isa eysarra akka jiru nam tokklleen hubachuu hin danenye.

Guyyuma kana Abbaa Maatii fii ijollee Nama  maqaan isaa Ibrahim Mohammed Usmaan (Khulluu) ja,amu ganama keysa sa,aa 7tti mana isaa ka jirenyaatti Hulaa itti cabsanii seenuudhaan maatii fii ijollee isaa bira erga fuudhanii hamma ammaatti bakki itti hidhaa jiru hin bekkamne jechuun maatii fii ijolleen isaa waywaataa jirti.

Akkasuma Ammallee Ilmaan Oromoo hedduun yakka tokkon malee qabamanii mana hidhaatti rakkoo adda addaaf saaxilmaa jiran keysa haga maqaan isaanii nu dhaqqabe akkaa armaan gadii  kanatti dhiheysina..

Obbo Xahaa Baker fii obbo Suleymaan Aliyyii

Fii Obbo Tashomaa Abdii fii Kadiir kaliil namonni ja,aman kun hundi isaanii warren Heeraa biyya tana ittiin jiraatan osoo qabaatanii qabamanii mana jirenya isaanii keysaa erga fuudhamanii bakki itti hidhaa jiran warra hin bekkamin keysatti argamu.

Warreen Osoo Heeraa Ittiin jiraatanii Qabaman.
1. Umaree A/Raman Alii . Ni Du,e
2. Abdurashiid Hassan Mohammed Mana Hidhaa
3. Ibraahiim Muhammed Usman nama lamaa waliin ” ”
4. Obboo Xahaa Baker ” ”
5. Obbo Suleymaan Aliyyii ” ”
6. Obboo Tashoomaa Abdii ” ”
7. Obbo Kadiir Khaliil ” ”
8. Obboo Xahaa mohammed Wallo
9. Obbo Abbaayyee wallo ” ”
10. Obbo Husseen Idiris
11. Obbo Naasir Abdoosh ” ”
12. Obbo Fandishee Awwaday
13. Obbo Ibrahim Awwaday
14. Obbo Anwaree Sheekh
15. Obbo Mohammed Awwaday
16. Obbo Ukkaash Yousuf
17. Obbo Abdulkariim
18. Obbo Shamsuddiin
19. Obbo Adnaan Aliyyii
20. Obbo Abbaas Laga Mixee
21. Obbo Mohammed Yaassiin
22. Obbo Robeer walloo
23. Obbo kamala M/Yuyyaa
24. Obbo Alii Ahmed Bakriyyo
25. Namni Ammaaf Maqaan isaa nu bira hin gayin maallaqa Sa.udii Qarshii 5000 irra fudhatanii Iqaama isaa harkatti Ciranii mana hidhaa geysanii yero amma mana hidhatti argama.

Nuti gama kenyaan koreen gutuun Hawasa Oromo Magaalaa Riyaad Naasuu fii Gadda Cimaa nutti dhageyamee ibsachaa maatii fii fira Obbo Umareetiif jajjabinaa hawwaa Polisiin Magaalaa Riyaad fii Kantiibaan Magaalaa Riyaad Ajjechaa Daa,ima kanarratti raawwatameef sababa quubsaa fii Qorannaan walabaa akka godhamu gama kenya waamicha dabrsu barbaannan.

Gara biraan waamicha fii beysisa gutuu Ilmaan Oromo Biyya Sa,uditti jiraataniif Ministerri Hujii fii Ministerri Biyya keysaa kan Sa,udii ji,a kanarraa egalanii fattasha cimaa fii sakattaa bakka hundatti gadgeysuuf waan demaniif of eggannaa cimaa lubbuu keysanifii matii keysaniif godhuun barbaachisa akka tahe isin hubachiisuu barbannan..
* Naamusaa fii Heraa biyya tanaa kabajjanii jiraachuu.
* Yeroo Polisiin Biyyaa isin yaamtu Baqatuu dhabuun awwaachuu
* Yeroo Hujii Daandirraa Dhaabbachuu dhabuu.
* Nama Heraa Biyya tana hin kabjnee irraa fagaachuu.
* Dubartii fii Dhiirti walitti makamanii iddo takkatti argamu dabuu.
Wal tohacha wal gorsaa hamtuurraa wal egaa jiraachuun biyyi jirruus biyya Anbaa tahuu beynee Seera isii kabjnee haa jiraannu jechuu waliif dhaamna.

Koree H/R/Waldaa Manguddoo .
Oromota Riyaad
7/11/2013
A. Miikka

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …