Oduu Haaraya

Yaada “Suphaa Impaayeraa” Akka Eeboo Darbatame

Jiduu kana haasaya Obbo Jawar Mohammed TV Ubuuntu Fi OMN waliin taasiseefi Imala galateeffannaa gochaa jirun waliin walqabatee ololli fi maqaballeessiin gamaa gamanaa bahamee dibbeen tumamaa jira.

Keessattuu sagaleen “adeemsi kuni suphaa Impaayeraati” “Jawaar Mucucaate”, “Jawaar fi KFOn Kaampii Itoophiyaanistii galan” jedhamee sagale guddiftuun himamaa jira.

Dhugaan lafa jiru kanaan adda. Jalqaba irraa Impaayerri suphamtu hin jirtu. Bara 1974 warraqsa ummataa (harki caalaan isaa qaroowwan Oromoo miseensa itti ta’aniin) erga cabdee walakkaa jaarraatti dhiyaannee jirra.Kan dadhabbame garuu bakka isaatti biyya nufakkaatu, nu hammatu,mootummaa ummataa, mootummaa keenna jennuun ijaarachuu dha. Kaayyoon kuni marsaa sadih dhalootaan itti dabarree ammas yaalaa jirru kan hanga ammaa haala quubsaan galmaan hingayatinii dha.Kanaas kan nu hanqise humna jaarmaya cimaa mootummaa jiru diiguu bira dabree mootummaa ummataa, dimokraatawaa taé kan nufakkaatu ijaaruu danda’u qabaachuu dhabuu keenna.

Carraalee jijjiramaa seenaa qabsoo saba Oromoo keessatti umaman kan bara 1974, 1991 fi 2018 yoo gadi fageenyaan hubanne dhugaan tokko ifa nuuf ta’a. Qabsoon keenya mootummaa jiru daaysee kuffisuu akaa danda’u irra deddeebiin mirkaneeffane jirra. Garuu mootummaa nufakkaatu, kan nuuf ta’u ijaarachuu irrati irra deddeebiin hanqina akka muldhisneedha.

KFOn akka jaarmayatti rakkoo qabsoo saba keennaa irra deddeebin mudachaa jiru kana sirritti xiinxalee, wan ummata keennaaf bu’aa waaraa fida, kaayyoo isaas galmaan gaha jedhee itti manu qabatee kallattii qabsoo ofii bocatee socho’aa jira. Galma gahiinsa kaayyoo isaafis ciminni keessoo dursa argachuu akaa qabu hubatee akka haaraatti alaa manaan ijaaramaa furmaata waan jedhu qabatee as bahaa jira.

Kaayyoon keenna Impaayera bu’uura irraa cacabdee jette suphuu miti. Inni awwaalamee dabree jira. Boollaa awwaalaa keessaa ka’uuf tattaffii hingodhu jechuus miti. Dhimmi ijoo fi kan nuti barbaannu garuu biyya Itoopiyaa akka nuuf taatutti ijaaruufi. Amma duras jibbaa kan irraa qabnu; kan dura dhaabbannee falmaanii jirru sirna mootummaa abbaa irree malee biyya keenya irraayii miti.Ummata Oromoof sabaaf sablammoota biyya tanaa hundaaf sirni federaalizimii sabdaneessaa walqixxummaan keessatti mirkanaaye qofatu nagaa waaraa fiduu danda’a jennee bu’uura irraa amanna.Tarsiimoon qabsoo keenyaas kanuma. Kanaan ala nan barbaada yoo jedhe suni filannoo ummataa irratti kan hundaayu ta’a.

Ijjannoon obbo Jawaar calaqqise ijjannoo amma dura qabu irraa kan adda ta’eefi haaraa miti. Bara mooraa qabsoo Oromootti ifaan makame irraa kaasee sirni Federaalizimii sabdaneessa haqaan ijaarame biyya tanaaf ummata keennaaf furmaata akka ta’e amana. Akka tarsiimotis kan filate qabsoo karaa nagaati. Kales har’as ijjannoma kana irra jira.

Ijjannoo amma qabatame kanaan garee mooraa “itopiyaanistiitti” nama galchuuf yaalunis dogongora ta’uu bira dabree daba maqa balleessii of keessaa qaba. Namni siyaasa Itoopiyaa fuula takka dubbise bifaafi amala warra “Itoopiyaanist” jedhamanii adda baasee beeka. Warri kuni warra Federaalizimii Sabdaneessaa “Yezer Polotikaa” jedhee arrabsu, warra Itoophiyaa durii sirna Atsee jalatti qeenxeen akka deebitee bultu barbaadu, warra afaan tokko qofa beekkamtii qabaachuu qaba jedhee amanuudha. Jawaaris ta’e KFOn faallaa ijjannoo warra “Itoopiyaanist” jedhamu kanaa dhaabbatu. Dhugaan ifa galaa kana.

Gama biraatiin galma qabsoo fi tarsiimoo qabsoo humnoonni siyaasaa fi beektonni Oromoo ijjannoo garagaraa irratti qabu. Galma qabsoo irratti garaagarummaan yaadaa barii qabsoo irraa hanga amaaa jira.Waanbhar’a dhalatee miti. Itoopiyaa Dimokraatessinee bifa nuuf taatuun ijaaruu, mootummaa ummataa ijaarachuu dandaúu mirga abbaa biyyumaa fi hiree murteeffannaa Itoopiyaa keessatti sirna federaaliziii sabdaneessattiin mirkaneeffachuu kan jedhu kallattii gareen tokko qabate.Kan lammataa Itoopiyaa irraa fottoqnee biyya ofdandeette ijarachuu kan jedhu nijira.

Galma bu’uuraa lamaan kana jiduu hanga har’aatti seeraan ummataaf dhiyaatee murtiin irratti kenname tokkolleen hin jiru.Humnoonni siyaasaa akka ofii hubatanitti kan ummata keennaf nita’a jedhan filatanii jala hiriiranii jiru. Akka tarsiimoo qabsoottis qabsoo karaa nagaas taé kan waraana yaada hará dhalate otuu hin taín barii jalqaba qabsoo Oromoo irraa eegalee hanga haráa gaheedha.Bu’a qabeessumaaan tarsiimoo lamaanii marsaa adda addaatti yaalamee jira, kana ummanis quba qaba.

Humni siyaasa Oromoo irraa hafes yaada kanneen irratti haa falmu. Akka sabaatti waan nubaasa jedhu qabatee haa as baasu. Hunda dura garuu dirreen qabsootis ta’e hooggansi qabsoo, ummanni qabsaayamuufis, kan irratti qabsayamus asuma Oromiyaa keessa jiru kan jedhu yada bu’uuraa kana irrtti walii galuu barbchisa. Sanaan ala akka ani yaadutti yaaddu malee, kallattii ani qabadhe qabattu malee “ati maandhee diinaati”, “Mucucaatte” jedhanii walirratti duuluun takkaa bilchinni siyaasaa warra ummata dura dhaabbatuu hanquu ta’uu muldhisa; takkaa immoo aadaa siyasa yaada walii kabajanii sirnaan walfalmuu guddifachuu dhabuu keenna muldhisa. Lachanuu sabaaf miidhaa malee bu’aa hin qaban.

Dhugaan lafa jiru kana. Kana bira dabree “suphaa Impaayeraa” akka eeboo waraanatti namatti darbachuun qabatama lafa jiru haaluun ummata burjaajessuu bira kan darbuu miti.

Horaa Bulaa.

Sultan Kassim Genna

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …