Oduu Haaraya

Yeroo hundaa abbaan maasaa ganama ganama midhaan ilaaluu maasaa dhaqa….

Gamteessaa Sabaatin
Amjaajjota
Yeroo hundaa abbaan maasaa ganama ganama midhaan ilaaluu maasaa dhaqa. Hennaa ilaaluu midhaan kama nyaatame arga. “Maalumatu nyaata midhaan kiyya?” jedha kophaa ofiititti. Guyyaa lammataallee yoo deebi’ee ilaalu waan isa nyaatu hin argu garuu midhaanuma nyaatame arga. “Amjaajjii kamtu midhaan kiyya nyaata?” jedhee karaa itti baasuu jalqabe. Erga karaa itti baasee geessee booda akkana jedhee yaade “Hiddatti muree kuffisee kan nyaatu jeedala” jedhee biraa gale. Bariisaa yoo deebi’ee ilaalu:-
“Amma kan duraatuu yaa caalu;
Fixeensa keessa deemuu hin xaaru.” Jetteet abbaa maasaa galatoomfataa karama inni irra deemaa hamjaajjota too’achuuf fayyadamu irratti kuffiftee nyaatte ammas hin saalfattuu! Guyyaa biraa ammo “Maasaa kiyya waan isa nyaatu argee mirkaneessu malee hirriba hin argadhu!” jedheet arguudhaaf murate. “Amjaajjiin midhaan yoo nyaattu muka wajjiin kuffiftu tami tan muka osoo hin kuffisin dhaabatatti cabsattu hoo tami?” jedhee namoota firaa gaafate. Namoonnillee “Dhaddeenis inuma cabsiti garuu kan muka waliin kuffisu jeedala” jedhaniin.
Abbaan maasaa midhaan kiyya jedha malee jeedalli nyaachuu irra dabartee akka waan maasaan abbaa hin qabneetti ilaaltee dhaddeen “Maaf nyaatta midhaan kiyya?” jetteen. Dhaddelleen maashillaa corqataa “Atuu asheeta kiyya maalif nyaatta? Bara kana ana qotatee mitii?” jetteen.
Abbaan maasaa guyyaa midhaan isaa nyaata qabu irraa eegalee galgala galgala midhaan isaa eeguu jalqabe. Osomaa eeguu hamjaajjotni gaafa tokko yeroo duraan baratanitti dhufanii nyaachuu yoo isaan jalqaban argee itti iyye. Dhaddee fi jeedallis heddu rifatan. Dhaddeefi jeedallis gaafas rifatanii maasii keessaa ba’an. Jeedalli dhaddeen akkana jette “Ati kunoo qoree uffattee abbaan maasaa yoo woraana jabaan sitti ba’e malee ofirraa waraanta anumti maaluma ta’a? Sima jalaan yoo nyaadhe malee.” Jettee dhaddee kadhatte.
Guyyaa kana abbaan maasaa akkana jedhee yaade mataa ofii keessatti “Erga rifatanii halkan qixxee dhokatanii yoo dhufan malee galgalaa fi obboroo hin dhufan.” Jedhe. Haa ta’u malee hamjaajjotni caalatti nyaachuuf guyyaa beellamatan.
Guyyaa Beellamaa
Gaafa kanallee yoo abban maasaa waareffatu dhadee fi jeedalli midhaan nyaatanii quufanii ibidda bobeessanii gamaa fi qamanatti gareedhan wal fooyanii; gareen jeedalallee gara tokko dhaabbatanii gareen dhaddlelee cinaa tokko dhaabbatanii seekkaran; seekkaraanis wal arrabsuu jalqaban.
Seekkarri isaanillee akkana jedha:-
Jeedala
“Dhaddiyowoo jaalaloo abba shubbee;
Darasaan keessan midhaan nu lubbe”
jetteen
Dhaddee
“Keessan biyyoon yoo nyaataa laafu namuu;
Nurraa dhoorgaa akka hin nyaanne lamuu”
jetteen
Jeedala
“Keessaa biyyon nyaata wal saamaniwoo
Corqataan maasaa nu saabaniwoo”
jetten
Dhaddee
“Kee dhiiftee ka nama hin sadinii;
Keetimitii afaanii hin badin”
jetteen
Jeedala
“Dhaddiyyowoo nyaattanii quuftaniwoo;
Kuffifattanii irra ciiffaniwoo.”
jetteen
Erga sakkarri hamnaatee oo’ifatanii dhaddeen aartee jeedala qoree itti kaafte “Maasaa koo keessa bayi” jetten. Achamaan jeedaalli “Dhaddiyyoo waan ati jettu haalaf siin jedhe male miidhaa keetif hin jenne” jette araarfachuuf waan qalbii qabduf. Dhaddeellen “ Ati yero duraa na gowwoomisitee ufii keetif kophaan boqqoolloo nyaachoo barbaaddee turte garuu hin dandunne” jetteen. Isaanis akkanatti maasii abbaa qabu nyaatanii irraatti seekkaran; seekkaraas bulanii itti bariinaan adda bayan.

 

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …